bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 21
Luke 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
1
Yesuus yoo gara worra kennaa kenna'aaranii laalu dureeyyiin hennaa kennaa meeshaa buusi'ii keessa buusan arge.
2
Dubartiin hiyyeettiin takka hennaa saantibii lamaa achi buuftu argee,
3
«Ani dhugamaan isiniin jedha; dubartiin hiyyeettiin tun ka maraa caalu kennite.
4
Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe.
5
Namoonni gari gariin, «Manni woyyuun kun attamitti bareeda? dhagaa babbareeda'aa fi kennaa Rabbiif kennameen midhaaffame» jedha'aa qaaqa'aa turan.
6
«Dhagaan isin argitan kun maruu dhagaan tokko dhagaa tokko irratti uduu hin hafin barri jigu hin dhufa» jedhe.
7
Isaanillee, «Barsiisaa'a! eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'u'uuf malkanni maali'i?» Jedhanii isa gaafatan.
8
Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos; barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a!
9
Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettan hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haa ta'uu ammo dhumti baraa yoma san hin ta'u.»
10
Hennaa san akkana isaaniin jedhe. «Baniin banii irratti; mootummaan mootummaa irratti hin ka'a.
11
Raafamni lafaa guddaanii fi beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata.
12
Kana maraan duratti isin qaban; isin ari'an; waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti dabarsanii afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.
13
Kunillee raga'aaf isinii ta'a.
14
Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbi'itti qabadhaa'a.
15
Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.
16
Haawwoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoonniinii fi jaalalloon dabarsanii isin kennan. Isin keessaa garii hin ajjeesan.
17
Bakka marattuu worra maqaa kiyyaaf jibbamu taatan.
18
Haa ta'uu ammo mataa keessan irraa rifeensi tokkollee hin buqqa'u.
19
Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»
20
Isin yoo «Yerusaalem loltootaan marfamtee argitan hennaa san akka badiin isi'ii dhiyaate beekaa'a.
21
Hennaa san worri Yihuudaa jiru gara gaaraa haa dheessanii; worri qachaa keessa jiru isii keessaa haa bayanii. Worri baadiyyaa jiranillee isii keessa akka hin seenne.
22
Wonti barreeffame maruu akka raawwatamuuf kun hennaa haluu bayu'uu waan ta'eef,
23
Hennaa san dubartoota ulfaatii fi haawwota harma hoosisanii hobbaasi. Rakkoon guddaan biyya lafaatii fi gumii irratti waan ta'uuf.
24
Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan maruu ammo marti isaaniituu booji'amanii worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaalem ta namoonni Yihuudota hin taane dhidhiitan taati.»
25
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Aduu, ji'aa fi urjii irratti, malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aa dhidhiphatan.
26
Namoonnillee waan adunyaa irratti dhufu sodaatanii eegu'uun dadhaban; waan hundeen sami'ii raafamtuuf.
27
Kanaan maayessa Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan hennaa duumessaan dhufu hin arganiin.
28
Hennaa wonti kun ta'uu jalqabu sababaa fayyinni keessan dhiyaateeruuf ka'aa dhaabadha'aatii mataa keessan ol qabadhaa'a» jedhe.
29
Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime,« Muka hurbu'uutii fi mukkiin maruu yoo bayan argaa'a.
30
Hennaa munni kunniin baala baafachuu jalqaban laala'aa yoo san bonni akka dhiyaate hin beettan.
31
Akkasuma hennaa kun maruu ta'u yoo argitan jeennanni Rabbii akka dhiyaatte beekaa'a.
32
Ani dhugamaan isiniin jedha, haga kun maruu ta'uuf dhaloonni kun hin lufu.
33
Ardi'ii fi samiin hin lufan dubbiin kiyya ammo hin lufu.
34
Haa ta'uu ammo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookaan jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a!
35
Guyyaan sun worra lafa irra jiran marattuu waan dhufuuf.
36
Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a!»
37
Yesuus guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Halkan ammo gara gaara ejersa jedhamu gubbaa bayee bula'aa ture.
38
Gumiin maruu isa irraa dhagayu'uuf obboro'oon gara Mana Woyyu'uu dhaqa'aa turan.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24