bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 18
Luke 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
1
Yesuus isaan uduu hin hifanne hennaa maraa akka Rabbiin kadhatan akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime.
2
Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira.
3
Qachaa san keessa haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiin gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himanne san naa murteessi› jedha'aa turte.
4
Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee inni ammo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammo inni yaada ufii keessatti, ‹Rabbiinillee yoo hin sodaanne, namallee yoo hin saalfanne,
5
Haati hiyyeessaa tun waan na dadhabsiiftuuf hennaa maraa dhufa'aa akka na hin rakkifne hin murteessaaf› » jedhe.
6
Gooftaan akkana jedhe, «Eegasuu waan abbaan seeraa hamaan sun jedhe dhagayaa'a!
7
Rabbi ammo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?
8
Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haa ta'uu ammo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantii lafa irratti argaa laata?» jedhe.
9
Yesuus namoota qajeellummaa ufiititti amananii, kaawwan ammo guddisanii worra tuffataniin akkana jedhee mammaakaan kana itti hime.
10
«Namoonni lamaan Rabbiin kadhachu'uuf gara mana woyyu'uu dhaqan. Isaan keessaa tokko Fariisicha; kuun ammo ka qaraxa guuru.
11
Fariisichi ka'ee dhaabatee waan yaada garaa ufii akkana jedhee Rabbiin kadhate. ‹Rabbii kiyya! ani akka namoota kaawwanii akka worra saamtotaa, hamootaa, worra seebaru, yookaan akka namicha qaraxa guuruu kana waan hin taaneef si galatoonfadha.
12
Torbaan keessatti guyyaa lama sooma; waan argadhu maraa irraa kudhan keessaa tokko kennaa kenna› jedhe.
13
Namichi qaraxa guuru sun ammo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'aa naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture.
14
Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti balchaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammo hin kabajjama.»
15
Namoonnillee akka inni harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbisuuf daa'imman gara Yesuusii fidan. Darasoonni isaa ammo waan kana arganii xixanii isaan dhooggan.
16
Yesuus ammo daa'imman gara ufii waamee, «dhiisaa hin dhoogginaa, daa'imman gara kiyya haa dhufanii, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef.
17
Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee ka jeennata Rabbii akka daa'imaatitti hin fudhanne maruu sirimaa hin galu» jedhe.
18
Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a! jireenna bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate.
19
Yesuus, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee namni arjaan tokkollee hin jiru.
20
Ati seerran, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe.
21
Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe.
22
Yesuus waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni; Sami'itti hin duroomtaa; koottuu na faana deemi!» jedhe.
23
Inni ammo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef guddisee gadde.
24
Yesuus akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a!
25
Dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu irra salpha'a» jedheen.
26
Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu ooluu danda'a ree?» jedhan.
27
Inni ammo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe.
28
Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen.
29
Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee ka mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee ufii dhiise,
30
Bara kanaa fi adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe.
31
Yesuus darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yerusaalemii deemna; wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama.
32
Ilma Namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan; asii fi achi daddarba'aa itti tufan.
33
Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan; guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» isaaniin jedhe.
34
Isaan ammo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii waan isaan jalaa dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.
35
Yesuus hennaa gara Iyyaariko'oo dhiyaate namichi ijaan hin argine tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.
36
Inni akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, «wonti kun maal?» jedhee gaafate.
37
Isaanillee, «Yesuusii Naazireeti'iititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan.
38
Inni, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye.
39
Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye.
40
Yesuusillee dhaabatee namicha ijaan hin argine gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate,
41
Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya! arguu barbaada» jedhe.
42
Yesuus deebisee, «Argi! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen.
43
Ijji isaa yoosuu argitee namichi Rabbiin galatoonfata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galatoonfatan.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24