bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 12
Luke 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
1
Hennaa san namoonni kuma heddutti laakkayaman haga wol irra dhaabatanitti uduu wol gayanii jiran Yesuus darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, «Duraan dursa'aatii raacitii Fariisotaa, jechuun uf tuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a.
2
Haa ta'uu ammo wonti golgame uduu hin mudhanne; wonti dhokatellee uduu hin beekkamne hafu hin jiru.
3
Kanaafuu ka dukkana keessatti dubbattan maruu ifatti dhagayama, ka gola keessatti gurratti hasaaftan raasaa irratti lallabama.
4
«Isin jaalalloota tiyya akkana isiniin jedha, worra isin ajjeesan san caalaa ammo worra womaa godhuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a.
5
Ani ammo waan sodaattan isinitti hima. Rabbii haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a!
6
Handariin shanii saantibii kudhanitti gurguramtii mii? Isaan keessaa tokkottiinillee Rabbiin afo'otti hin irraanfatamtu.
7
Rifeensi mataa keessaniituu uduu hin hafin laakkayameera. Maarre handarii hedduu san waan caaltaniif hin sodaatinaa'a!»
8
«Ani akkana isiniin jedha, ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, Ilmi namaallee maleekkota Rabbii afo'otti ragaa bayaaf.
9
Ka nama afo'otti na ganu, maleekkota Rabbii afo'otti hin ganama.
10
Nama Ilma namaa arrabse maraafuu hin dhiifama. Ka Ayyaana Woyyuu arrabsee ammo hin dhiifamu.
11
Hennaa gara mana sagada Yihuudotaa, gara ajajootaa fi bulchootaa isin harkisan, attamitti yookaan maal akka deebiftaniif hin yaadinaa'a.
12
Ayyaanni Woyyuun hennama san waan dubbatuu qabdan isin barsiisa» jedhe.
13
Gumii keessaa namni tokko Yesuusiin, «Barsiisaa'a! dhaala abbaa keennaa akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen.
14
Yesuus deebisee, «Namicha nana! isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen.
15
«Jireenni namaa guddinna qabeennaatiin waan hin taaneef uf eeggadhaa'a; dharraa maraa irraa uf eegaa'a!» isaaniin jedhe.
16
Achiin maayessa Yesuus isaanitti mammaakee, «Qonni namicha dureessa tokkoo sanyiin isaa guddisee toleef.
17
Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade.
18
‹Akkana godha› ‹Gootaraa kiyya diigee ka biraa ka caalu ijaara. Achitti eebba kiyyaa fi midhaan kiyyallee galfadha.
19
Achiin maayii ufiin, ‹ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf hara baafadhu! nyaadhu! dhugi! gammadi› jedha.
20
Rabbi ammo, ‹Ati ceem'aaleessa nana, halkan kana lubbuu tee si keessaa fuudhu'uuf soqa'aaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen.
21
Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.»
22
Kanaan maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna, yookaan nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a.
23
Jireenni nyaata irra, naftillee uffata waan caaluuf.
24
Harraageyyii laalaa'a; hin facaafatan, hin haamatan, mi'a manaa yookaan gootaraa hin qaban. Rabbi ammo isaan hin nyaachisa. Isin hoo simbirran hin caaltanii?
25
Isin keessaa yaaddayee hojjaa ufii irratti ka ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu?
26
Eegasuu waan diqqoo tana ka hin dandeenne yoo taatan maaf waan biraatiif yaaddoftan?
27
Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa'a. Hin dadhaban; jirbii hin fooyan. Haa ta'uu ammo Solomoonuu, uduu ulfinna san maraa qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne.
28
Rabbi ammo abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibiddaatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantii dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree?
29
«Isin, ‹Maal nyaanna? Maal dhunna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a.
30
Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif Abbaan keessan ka samii jiru kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka.
31
Irra caalaa ammo jeennata Rabbii soqaa'a, kun maruu isinii eda'amaa.»
32
Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii isaa mishaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a.
33
Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaannee fi bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a.
34
Hulee qabeenni keessan jiru yaanni keessanillee achuma waan jiraatuuf.
35
Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Isin mudhii keessan hidhadha'aatii huji'iif qophaayaa'a; worra ibsaan isaanii ifu ta'aa'a.
36
Akkaataa kanaan hojjattoota gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee hennaa balbala dhadhayu, akkuma inni balbala dhadhayeen isa jalaa banu'uuf qophaayanii isa eegan sanniin fakkaadhaa'a.
37
Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan arguun isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise.
38
Hojjattoonni hennaa gooftaan isaanii halkan qixxee dhufee, isaanii dammaqaniiranii isaan argu sunniin worra eebbifame.
39
Kana ammo beekaa'a; abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuftu uduu beekee silaa hattuun mana isaa akka qottu itti hin dhiisu.
40
Isin ammo Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf qophaaya'aa jiraadhaa'a.»
41
Pheexroos, «Gooftaa kiyya! mammaaka kana nuuf moo yookaan maraafuu dubbata'aarta?» jedhee gaafateen.
42
Gooftaan akkana jedhee deebiseef, «Eegasuu hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu?
43
Hojjataan hennaa gooftaan isaa deebi'ee dhufu uduu hojjatu arguun sun eebbifama'a.
44
Ani dhugamaan isiniin jedha waan qabu maraa irratti isa muuda.
45
Garuu yoo hojjataan sun yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya dafee hin dhufu› jedhee yaadee nyaata'aa, dhuga'aa machaaya'aa, hojjattoota dhiiraatii fi dubartoota isa woliin hojjatan tumuu jalqabe,
46
Gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eeggannee fi hennaa inni hin beennetti dhufa. Bakka lamatti isa baqqassa; hiree isaallee worra hin amanamne woliin taasisa.
47
Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee hin qophoofnee fi akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama.
48
Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammo uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan gudda'atu barbaadama; Ka yaboon guddaan itti kenname irraallee waan gudda'atu barbaadama» jedhe.
49
«Ani lafa irratti ibidda buusu'uuf dhufeera Amumaa uduu daddafee naa qabatee attam natti tolaa!
50
Haa ta'uu ammo cuuphaa cuuphamuu na baarbachisu tokkotu jira; haga inni raawwatamuuf akka malee dhiphadha.
51
Isin waan ani lafa irratti nagaya fidu'uuf dhufe isinitti fakkaataa? Akkasii miti; gargar bayiinsa fidu'uuf dhufe malee.
52
Amma irraa jalqabee mana tokko keessatti maatii shantu jiraata. Sadiin lama irratti, lamaan sadiin irratti ka'anii addaan fooyaman.
53
Abbaan ilma ufii irratti, ilmi abbaa ufii irratti, haati intala ufii irratti, intalti haadha ufii irratti, soddaatiin intala ilmaa irratti, intalti ilmaallee soddaatii irratti ka'anii gargar bayan» jedhe.
54
Yesuus banii saniin deebi'ee akkana jedhe, «Hennaa duumessi dhiyaa bayu yoo argitan yoma san, ‹Roobni hin rooba› jettan; akkasuma hin rooba.
55
Bubbeen gara bita'aatii yoo bubbise, ‹Bona ta'a› jettan; akkasuma hin bona.
56
Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haa ta'uu ammo maaf hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdan ree?»
57
«Isin wonti qajeellumma'aan hin murteessineef maali'ii?
58
Ka si himate woliin hennaa gara mana murti'ii deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne, abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine, worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha.
59
Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu si irratti hin hafne haga kaffaltutti achii horomaa hin baatu.»
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24