bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 20
Luke 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
1
Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii,
2
«Mee ati baallii maali'iitiin kana akka gootu yookaan baallii kana eentu akka sii kenne nutti himi!» Jedhanii isa gaafatan.
3
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Misha'a, anillee ammo waan tokko isin gaafadha.
4
Isinillee natti himaa'a! cuuphaan Yohaannisii Rabbiin irraa mo'o nama irra?»
5
Isaanillee akkana jedhanii mari'atan, ‹Rabbiin irra› yoo jenne, ‹Maaf itti hin amanne ree?› nuun jedha.
6
‹Nama irra› yoo jenne ammo, gumiin dhaga'aan nu tuman; Yohaannis akka raagaa ture maruu waan amananiif.
7
Isaanillee deebisanii, «Garamii akka dhufe hin beennu» jedhaniin.
8
Yesuusillee deebisee, «Anillee baallii maali'iitiin waan kanniin akka godhe isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
9
Inni mammaaka kana bani'itti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootatti bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme.
10
Inni hennaan woyiniin gayu geennaan akka qonnaan bultoonni woyinii isaa fidaniifiif hojjataa tokko gara isaanii erge. Isaan ammo hojjataa san tumanii harka qullaa uf irra deebisan.
11
Inni ammallee deebi'ee hojjataa biraa erge; isaan isallee harka qullaa ari'an.
12
Deebi'ee sadeessoo erge. Isaanillee kana madeessanii diidatti gad darban.
13
Abbaan ashaakiltii woyini'ii sun, ‹Ani maal godhuu naa woyyaa? Ilma kiyya ka jaaladhu itti erga; maal laataa isa yoo argan hin kabajjan› jedhe.
14
Qonnaan bultoonni ammo hennaa isa argan akkana jedhanii mari'atan, ‹Ka dhaalu kana waan ta'eef dhaalli ristii kanaa akka keenna ta'u koottaa haa ajjeefnuu!› jedhan.
15
Isaanillee ashaakiltii woyini'ii keessaa gara diidaa baasanii isa ajjeessan.
16
Kanaafuu gooftaan ashaakiltii woyini'ii maal isaan godhinna laata? Inni dhufee qonnaan bultoota kanniin balleessee, ashaakiltii woyini'ii san namoota biraatii kenna» jedhe. Isaan haga waan kana dhagayan, «Rabbi waan kana nutti hin fidin!» jedhan.
17
Yesuus gara isaanii laalee akkana jedhe, «Eegasuu, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'a› ka jedhamee barreeffame maal jechu'u?
18
Namni dhagaa san irratti kufu maruu hin caccaba; namni dhagaan sun irratti kufu ammo hin bututa» jedhe.
19
Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee mammaaka kana akka inni isaaniif mammaake beekanii hennama san isa qabu'uuf barbaadan; haa ta'uu ammo gumii sodaatan.
20
Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan.
21
Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna; dhugamaan karaa Rabbii barsiifta.
22
Qeesaariif gibira kennuun seera mo'o seeraa miti?» jedhaniin.
23
Inni ammo hameenna isaanii argee maaf na qorattan?
24
Mee saantibii takkattii natti mudhisaa'a; biftinii fi barreeffamni isaa ka eennuuti? isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Ka Qeesaariiti» jedhaniin.
25
Maarre Yesuus, «Ka Qeesaarii Qeesaariif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» isaaniin jedhe.
26
Afoo bani'iititti dubbi'iin isa qabuu hin dandeenne; deebii isaa maalalanii cadhisan.
27
Yesuusiin waan du'aa ka'insaa worri waakkatan Saduuqoota keessaa gari gariin gara isaa dhufanii akkana jedha'aa gaafatan.
28
«Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif bakka haa buusuu› jedhee nuuf barreesseera.
29
Ilmaan haadhaa torbatu ture. Ka duraa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e.
30
Lammeessoonillee isii dhaale, sadeessoonillee akkasuma torbanuu ammo finna uduu hin uumanne du'an.
32
Kanniin maraan maayessa ammo dubartiin sun hin duute.
33
Eegasuu torbanuu waan fuudhaniiraniif, Isiin gaafa du'aa ka'iinsaa isaan keessaa haadha manaa eennuu taati?»
34
Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Worri adunyaa tanaa hin fuudhan; hin heerumanille'e.
35
Worri du'aa ka'anii fi biyya lafaa ta dhuftu keessa jiraatan ammo hin fuudhan; hin heerumanille'e.
36
Isaan akka Maleekkotaati; deebi'anii hin du'an; isaan waan ijoollee du'aa ka'an ta'aniif ijoollee Rabbiiti.
37
Worri du'an akka ka'an Muuseen akkasuma saatoo gubatu keessaan Goofta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii› jechu'uun himeera.
38
Martinuu isaaf jiraattota waan ta'aniif, Inni Waaqa jiraattotaati malee Waaqa worra du'aniitii miti» isaaniin jedhe.
39
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gariin deebisanii, «Barsiisaa'a! waan mishaa dubbatte» jedhaniin.
40
Achiin maayessa isaan deebi'anii gaafii biraa isa gaafachuu hin uggine.
41
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoonni attamitti, ‹Kiristoos Ilma Daawitiiti› jedhan?» jedhee isaan gaafate.
42
Daawiti mataan isaatuu kitaaba faaru'uu keessatti, Gooftaan Gooftaa kiyyaan, ‹Haga ani diintota kee lukaan akka ati irra ejjattu sii godhuuf, mirga kiyya taa'i› jedheen.
44
Eega Daawiti, ‹Gooftaa kiyya› jedhee isa waame, attamiin Kiristoos Ilma isaa ta'uu danda'a ree?»
45
Gumiin maruu uduu isa caqasa'aaran, Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe,
46
«Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii worra asii fi achi naannayuu barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa; urgee nyaataatittillee hulee kabajja'aa waan barbaadaniif uf eeggadhaa'a.
47
Isaan sababaa Rabbiin kadhachuu dheeressa'aa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24