bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 22
Luke 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
1
Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate.
2
Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee gumii sodaatan malee attamiin akka isa balleessan yaada'aa turan.
3
Seexanni darasoota kudha lamaa keessaa Yihuudaa nama biyya Keriyooti jedhamutti gale.
4
Inni attamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate.
5
Isaan gammadanii birrii isaa kennu'uuf wolii galan.
6
Inni maarre jedhe; bakka baniin hin jirretti dabarsee isaanitti kennu'uuf hennaa isaa tolu soqa'aa ture.
7
Ayyaanni Faasika'aa ka hoolaan itti qalamu geennaan,
8
Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Hurbaata Ayyaana Faasiika'aa akka nyaannu deema'aatii qopheessaa'a!» jedhee isaan erge.
9
Isaan, «Eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhaniin.
10
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Gara qacha'aa hennaa seentan nama ottee bisaanii baadhate tokkotti dhuftan; gara mana isaa faana deemaa'a.
11
Abbaa mana saniitiin, ‹Barsiisaan darasoota ufii woliin manni keessumma'aa ka hurbaata Ayyaana Faasika'aa itti nyaadhu eessa? siin jedha› jedha'aanii.
12
Inni mana mana gubba'aa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa achitti nuu qopheessaa'a!»
13
Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganii hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan.
14
Hennaa sa'aatiin gaye Yesuus ergamtoota kudha lamaa woliin hurbaata'aaf taa'e.
15
Innillee, «Rakkoo kiyyaan dura isin woliin hurbaata Ayyaana faasika'aa kana nyaatu'uuf guddisee halcheera.
16
Ani akkana isiniin jedha, haga jeennanni Rabbii raawwatamuuf ani duranaa deebi'ee kana irraa hin nyaadhu.» jedheen.
17
Xuwwee ol fuudhee haga galatoonfateen maayessa akkana jedhe, «Hoo'aa; kana wolii qoodaa'a!
18
Ani isinitti himaa haga jeennanni Rabbii dhuftutti ammaa jalqabee daadhii woyini'ii kana irraa hin dhugu» jedhe.
19
Xoroshoollee fuudhee galatoonfatee cabsee, «Kun foon kiyya ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne.
20
Akkasuma hurbaataan maayessa xuwwee ol fuudhee akkana jedhe, «Untoon kun waadaa haarawa dhiiga kiyya ka isinii jiguun raawwatamu.
21
Haa ta'uu ammo dabarsee ka na kennu kunoo harki isaa na woliin hurbaata irra jira.
22
Ilmi Namaa akkuma itti murtaayetti hin deema. Haa ta'uu ammo ka dabarsee na kennu san hobbaas!» jedhe.
23
Isaanillee, «nu keessaa namni waan kana godhu eennuun ta'inna?» jedha'aa wol gaafachuu jalqaban.
24
Akkasuma isaan keessaa namni nama maraa caalu eennu jedhanii wol morman.
25
Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Mootonni banii irratti baallii qaban; worri isaan irratti aangoo qaban worra waan mishaa hojjate› jedhaman.
26
Isin biratti ammo akkasi hin ta'in; san caalaa isin keessaa ka hangafa ta'e akka maandha'aa; ka bulchaa ta'ellee akka tajaajila'aa haa ta'uu.
27
Ka hurbaataaf taa'e yookaan ka hojjatu keessaa kamtu gudda'a? Ka taa'ee mitii? Ani ammo isin eddu'utti akka hojjata'aati.
28
Haa ta'uu ammo isin hennaa rakkinna kiyyaa na woliin jabaattanii jiraattaniirtan.
29
Akkuma abbaan kiyya na muude Anillee ammo jeennata tiyya keessatti hurbaata kiyya nyaata'aa dhuga'aa gosa Israa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan; jeennata keessa akka teettan isin muudeera.»
31
Gooftaan ammallee akkana jedhe, «Simoon! Simoon! kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate.
32
Ani ammo akka amantiin kee hin banne sii kadhadhe. Ati hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.
33
Innillee akkana jedheen, «Gooftaa kiyya! ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera»
34
Yesuus ammo, «Pheexroos! ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ‹ani si hin beeku› jettee adha hennaa sadihi na ganta» jedheen.
35
Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, qaraciitii yookaan kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.
36
Inni ammo, «Ka korojoo, yookaan qaraciitii qabu haa qabatuu; akkasuma ka guraadee hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu.
37
Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u na irratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe.
38
Isaanillee, «Gooftaa! kunoo guraadee lamatu as jira» jedhaniin; Innillee, «Hin gaya!» isaaniin jedhe
39
Yesuus achi keessaa bayee akkuma aadeeffate gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman.
40
Haga hulee san gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe.
41
Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiiffatee,
42
«Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e mijuu tana na irra dabarsi. Haa ta'uu ammo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in» jedha'aa faateffate.
43
Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe.
44
Inni garaa ufii keessatti guddisee hucuucamee faateffata'aa ture. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.
45
Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee,
46
«Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe.
47
Uduu inni dubbata'aa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deema'aa ture. Inni Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.
48
Yesuus ammo, «Yihuudaa'a! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» jedheen.
49
Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa'a! guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin.
50
Isaan keessaa tokkochi hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure.
51
Yesuus ammo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a!» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52
Yesuus worra gara isaa dhufan bulchoota gadootaa, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii dhuftanii?
53
Hennaa guyyama guyya'aan mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu na hin tundhe; amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi ka baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.
54
Isaan Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammo fago'otti isa faana deema'aa ture.
55
Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru,
56
Hojjattuun takka xiinxallitee laaltee, «Kunillee Yesuusiin woliin ture» jette.
57
Inni ammo, «Intalattii nana! ani isa hin beeku» jedhee waakkate.
58
Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argee, «Atuu isaanuma keessa» jedheen. Pheexroos ammo, «Namana namni sun anaa miti» jedheen.
59
Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Galiila'aati; dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe.
60
Pheexroos ammo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbata'aaru lukkuun iyye.
61
Hennaa san Gooftaan midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroos dubbii Gooftaan, «Adha uduu lukkuun hin iyyine hennaa sadihi na ganta» jedhe qaabate.
62
Pheexroos diida bayee mararamee booye.
63
Namoonni Yesuusiin qaban isatti balda'aa dhaanan.
64
Isaan ija isaa hidhanii, dhaya'aa waan turaniif, «Ka dhabanaasa'aan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan.
65
Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arrabsa'aanii turan.
66
Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wol gayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii,
67
«Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» jedhaniin. Inni ammo, «Yoo ani isinitti hime hin amantan;
68
Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitan.
69
Haa ta'uu ammo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a!» jedheen.
70
Isaan martinuu, «Eegasuu ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin. Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aartan» isaaniin jedhe.
71
Isaan, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneerra, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24