bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 23
Luke 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
1
Isaan maruu wolii galanii ka'anii gara Philaaxoosii isa fidanii,
2
«Kun gumii keenna dogoggorsa'aa, Qeesaarii fi mootii worra Rooma'aatii gibira akka hin kaffallee yoo dhooggu, akkasuma Ani Kiristoosii mooti'i yoo jedhu dhageenne» jedhanii himachuu jalqaban.
3
Philaaxoos, «Ati mootii Yihuudi'iitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jettee» jedheen.
4
Philaaxoos, bulchoota gadootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakka tokkollee hin argine» jedhe.
5
Isaan ammo jabeessanii, «Galiila'aa jalqabee haga Yihuuda'aa maraa keessatti barsiisa'aa gumii booreessa» jedhan.
6
Philaaxoos ammo Galiilaa hennaa jedhan dhagayee, «Inni nama Galiila'aatii?» jedhee gaafate.
7
Philaaxoos akka Yesuus bulchiinsa Heroodisii keessa ta'uu beeke; hennaa san Heroodis waan Yerusaalemiin keessa tureef gara isaa erge.
8
Heroodis hennaa hedduu waan Yesuusiin arguu barbaaduuf hennaa isa arge guddisee gammade. Waan isaa waan dhagayee tureef hennaa inni baasa hojjatu argu'uuf hawwa'aa ture.
9
Kanaaf gaafii heddu isa gaafate. Inni ammo waa tokkollee isaa hin deebifne.
10
Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee jabeessanii isa himachu'uuf achi dhaabatanii turan.
11
Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee isatti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge.
12
Heroodisii fi Philaaxoos gaafas jaalalloo ta'an. Duraan edduu isaanii lolatu ture.
13
Kanaan maayessa Philaaxoos bulchoota gadootaa, aango qabeeyyi'ii fi banii wolitti waamee akkana isaaniin jedhe.
14
Isin, «Namichi kun gumii dogoggorsa jettanii nama kana gara kiyya fiddan, kunoo afoo keessanitti qoradhee waan isin isa himattaniif yakka tokkollee nama kana irratti hin argine.
15
Heroodis ammo womaa irratti waan hin argineef gara keenna deebiseera; waan isa ajjeesisu womaa hin goone.
16
Eegasuu adabee isa hiika.»
17
[Hennaa ayyaanaa nama hidhame tokko hiikuun aadaa isaanii waan ta'eef.]
18
Isaan maruu wol ta'anii, «Namicha kana balleessi Baarbaaniin nuu hiiki!» jedha'aa wocan.
19
Inni waan qachaa booreessee namallee ajjeeseef mana hidha'aatitti hidhamee ture.
20
Philaaxoos Yesuusiin hiikuu barbaadee deebi'ee isaanitti dubbate.
21
Haa ta'uu ammo isaan «fannis! Fannis» jedhaa wocan.
22
Hennaa sadeesso'oof, «Badiin inni godhe maali'i? yakka du'aaf isa geessu isa irratti hin argine. Kanaafuu adabee hiika» isaaniin jedhe.
23
Isaan ammo, «Fannisi» jedha'aa laagaa gudda'aan wocan; laagaan woca bani'iitii fi bulchoota gadootaa ka maraatuu caale.
24
Waan isaaniitiif dubbiin bulchoota gadootaallee jabaatee jennaan, Philaaxoos akka kadhaan isaanii ta'uuf isatti murteesse.
25
Namicha qachaa booreessee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammo fedhii isaaniitiif dabarsee kenne.
26
Hennaa Yesuusiin achi geessan namichi biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko hennaa baadiyya'aa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan.
27
Banii san keessaa dubartoonni hedduu booya'aa boochisa'aa isa faanaa deeman.
28
Yesuus ammo gara isaanii midhatee akkana jedhe, «Isin dubartoonni Yerusaalemii! ufii fi ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a.
29
Haa ta'uu ammo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ammo ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa.
30
Hennaa san gaarraniin ‹nu irratti jigaa'a› tullootaan ammo ‹nu dhossaa› jechuu jalqaban.
31
Isaan eega muka jiidhaa irratti ka akkana godhan ta'e, muka gogaa ammo attam godhinnu laata?
32
Worra yakka hojjatan lamaan akkasuma isa woliin ajjeesu'uuf achi geessan.
33
Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan achitti isaa fi worra yakka hojjatan lamaan, tokko mirgaan; ka lammeesso'oo bitaa isaatiin fannisan.
34
Yesuusillee, «Aabbaa'a! isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef isaanii dhiisi!» jedhe.
35
Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedha'aa isatti balda'aa turan.
36
Loltoonni ammo gara isaa dhiyaatanii waan dhangagga'aa kennaniif.
37
«Ati yoo mootii Yihuudi'ii taate uf oolchi!» jedha'aa isatti balda'aa turan.
38
Jechi, «Kun Mootii Yihuudotaati» jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi Ibraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira.
39
Hammeeyyii yakkaaf fannifaman keessaa tokko, «Ati Kiristoosii mii? Ufillee nullee oolchi!» jedhee isa arrabse.
40
Ka lammeesso'oo ammo, «Ati uduu murtee akkanaa irra jirtu, Rabbumallee hin sodaattuu?»
41
Nu waan gooneef murtii keenna arganna, murtiin nu irratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeffate.
42
Yesuusiin, «Gooftaa kiyya! hennaa mootummaa keetiin dhuftu na qaabadhu!» jedhe.
43
Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen.
44
Sa'aatii jaha irraa jalqabee dukkanti haga sa'aatii sagalii biyya lafaa maratuu ta'e.
45
Aduunillee hin dukkanoofte; golgaan mana woyyu'uu gubba'aa haga gadii tarsa'e.
46
Yesuus laagaa gudda'aan iyyee, «Abbaa lubbuu tiyya harka keetitti yaboo dabarsee kenna!» jedhe. Kana jedhee lubbuu ufii dabarsee kenne.
47
Ajajaan loltuu dhibbaa hennaa waan ta'e san arge, «Namni kun dhugamaan balcha'a!» jedhee Rabbiin kabajje.
48
Worri kana argu'uuf wol gaye maruu waan ta'e san hennaa argan laphee ufii tuma'aa deebi'an.
49
Worri isa beekan maruu, dubartoonni Galiila'aa isa faanaa dhufan maruu fagoo dhaabatanii waan kana laala'aa turan.
50
Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Inni nama misha'aa fi qajeela'a.
51
Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Inni akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture.
52
Namichi kun gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate.
53
Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye.
54
Guyyaan sun guyyaa qophi'ii ture; Sambannillee seenuu gayeera.
55
Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii hulee awwaalaatii fi reeffallee attamitti akka kaayan argan.
56
Achii deebi'anii beensoo, ansha'aa fi waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa hara baafatan.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24