bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 15
Luke 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 16 →
1
Gaaf tokko qaraxxoonninii fi cubbamtoonni maruu Yesuusiin dhagayu'uuf gara isaa dhufan.
2
Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee kana arganii, «Kun cubbamtoota simata; isaan woliin nyaata» jedhanii itti guunguman.
3
Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime.
4
«Isin keessaa namni hoolota dhibbaa qabu tokko sanniin keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade sagaltamii sagal raasa'atti dhiisee ka isa jalaa bade san haga arguuf barbaadu'uuf ka hin deemne eennu?
5
Hennaa arge ammo gammadee gurmu'utti baadhata.
6
Hennaa gara mana ufii gale jaalalloo ufiitii fi olloota ufii waamee, ‹Hoolaa tiyya ta badde waan argeef na woliin gammadaa'a!› jedha.
7
Ani akkana isiniin jedha, akkasuma Woyyoota araarri isaan hin barbaachifne sagaltamii sagal irra cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti hin gammadan.»
8
Yesuus itti aansee akkana jedhe, «Dubartiin birrii kudhanii qabdu takka kudhan san keessaa saantibiin tokko yoo jalaa badde ifaa ibsitee, mana ufii hartee haga argitutti midhaassitee hin sondhe eennu?
9
Hennaa argite ammo jaalalloo ufiitii fi ollaa ufii waamtee, ‹Ani saantibii tiyya ta na jalaa badde waan argadheef na woliin gammadaa'a!› isaaniin jetti.
10
Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.»
11
Yesuus akkana jedhe, «Namichi tokko ijoollee lama qaba.
12
Isaan keessaa maandhichi abba'aan ‹Abbaa kiyya! birrii kee keessaa qooda kiyya naa kenni› jedheen; inni birrii ufii isaanii qoode.
13
Guyyaa hago'oon maayessa ilmi maandha'aa sun birrii wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme. Achiin maayessa birrii san hin fixe.
14
Haga inni maraa fixeen maayessa biyya sanitti beelli jabaan waan galeef rakkatuu jalqabe.
15
Kanaafuu deemee namoota biyya sanii keessaa tokkotti irkate. Namichi sunillee akka inni booyyee isaa tissuuf tikaaf erge.
16
Achitti hansaraa booyyonni nyaatan nyaatu'uuf kajeela'aa ture. Garuu isuma sanuu ka kennuuf hin jiru.
17
Inni haga qalbifatee yaanni galeef ‹mana abbaa kiyyaa garboonni buddeena nyaatanii isaan irraa hafu meeqa? Ani ammo asitti beelaan du'a.
18
Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa deemee, «Abbaa kiyyaan! ani Rabbii fi si afo'ottillee yakka hojjadheera.
19
Ani ammaa achi akka ilma keetiititti hin laakkayamuu; hojjattoota kee keessaa akka hojjataa tokkootitti na laali jedhaan» jedhe.
20
Inni ka'ee gara abbaa ufii deeme. Abbaanillee uduu inni fagoo jiru argeenii gaddeefii, fiigee itti maramee ammatee dhungate.
21
Ilmillee ‹Abbaa kiyya! ani Rabbii fi si afo'ottillee cubbuu hojjadheera; ammaa achi ani ilma kee jedhamuun naaf hin malu› jedheen.
22
Abbaan isaa garuu garboota ufiitiin akkana jedhe, ‹Ariifadha'aatii uffata uffata maraa caalu fida'aatii itti uwwisaa'a; quba isaatiif qubee; luka isaatiif kophee fida'aatii itti godhaa'a!
23
Mirgoo coomaa fida'aa qalaa; haa nyaannuu; haa gammannuu.
24
Ilmi kiyya kun du'ee ture, Amma ammo hin jira, badee ture amma ammo argameera› jedhe. Isaanillee hin gammadan.
25
Hennaa san ilmi hangafaa qonna keessaa dhufee hennaa gara manaa dhiyaatu laagaa dibbe'eetii fi sirbaa dhagaye.
26
Hennaa san hojjattoota keessaa nama tokko ufitti waamee, «Kun maali'i?» jedhee gaafate.
27
Innillee, ‹Obboleessa keetituu deebi'ee gale; Abbaan kee waan inni nagayaa fi fayya'aan galeef, mirgoo coomaa qale› jedheen.
28
Innillee aaree manatti galuu dide. Kanaaf abbaan isaa gad bayee kadhateen.
29
Inni ammo deebisee abba'aan, ‹Ani woggaa haganaa akka garbichaatitti sii hojjadheera; waan ati naan jette keessaa womaa didee hin beeku; anaaf jaalalloota kiyya woliin akka gammadu ilmoo re'e'eellee naa hin kennine.
30
Ilmi kee ka birrii ufii beera seebartuu woliin nyaatee fixe ammo hennaa gale mirgoo coomaa qalteef› jedheen.
31
Inni ammo, ‹Ilma kiyya! ati hennaa maraa na woliin jirta wonti kiyya maruu keeti.
32
Haa ta'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammo jiraataa ta'eera; badee waan argameef guddifnee gammanna› jedheen.»
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24