bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 24
Luke 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
1
Dubartoonni urgoo qopheeffatan qabatanii guyyaa jalqaba torbaanii isaan woliin obboro'oon gara awwaalaa dhaqan.
2
Dhagaan awwaalaan cufame ka irraa gangalfameeru argan.
3
Hennaa boolla awwaalaa keessa seenan reeffa Gooftaa Yesuusii hin argine.
4
Isaan waan kana uduu mama'aaran namoonni lamaan uffata calalaqu uffatanii isaan bira dhaabatan.
5
Dubartoonni sunniin sodaatanii uduu ijaan lafa laala'aaran akkana isaaniin jedhan, «Maaf jiraataa worra du'e keessaa soxxan?
6
Inni as hin jiru; ka'eera. ‹Ilmi Namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennamu'uu fi fannifamee guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uun giddi'i› jedha'aa ka inni hennaa Galiilaa jiru isinitti dubbate qaabadhaa'a!»
8
Dubartoonnillee hennaa san waan inni dubbate yaadatanii
9
hulee awwaalaatii deebi'anii kana maraa namoota kudha tokkootii fi kaawwanittillee himan.
10
Worri waan kana ergamtootatti himan Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaamii fi dubartoonni biraallee isaan woliin jiran.
11
Isaan dubbiin kun waan suuraa isaanitti fakkaateef isaan hin amanne.
12
Pheexroos ammo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gad jedhee yoo laalu qoola jirbii irraa hojjatame callaa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e.
13
Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yerusaalemiin irraa kiilomeetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman.
14
Isaan waan ta'e kanniin maraa woliin qaaqa'aa turan.
15
Uduma isaan waan san qaaqa'aa qorata'aa deeman, Yesuus isaanitti dhufee isaan woliin deeme.
16
Isaan ammo akka isa hin beenne ijji isaanii qabamee ture.
17
Inni, «Gadda'aa wonti woliin qaaqa'aa deemtan kunniin maali'i?» Isaaniin jedhe.
18
Namni Qalayoophaa jedhamu tokko ammo deebisee, «Ati Yerusaalemitti hojja kee keessummaa taatee jiraattaa? Guyyoota kanniin waan achitti ta'e hin beettuu?» jedheen.
19
Innillee, «Maal inni?» jedhee gaafate. Isaanillee akkana jedhaniin, «Waan Yesuusii nama Naazireetii, ka huji'ii fi dubbi'iin Rabbii fi gumii maraa biratti raagaa jaba'aa!»
20
Isa bulchoonni gadootaatii fi worri loltoota ajaju murtii du'aatitti dabarsanii isa kennanii fannisan.
21
Nu ammo namni Israa'eeliin fayyisu isa jennee abdannee turre. Wonti kun maruu haga ta'e adha guyyaa sadeesso'ooti.
22
Wonti biraa ammo ka nu maalalchiise dubartoonni gariin nu keessaa hulee awwaalaa dhaqanii,
23
Haga reeffa isaa achii dhaban dhufanii hennaa maleekkonni, ‹Inni jiraata'a› jedhanii dubbatan mudhataan argine jedhan.
24
«Worri nu woliin turanillee gara awwaalaa dhaqanii akka wonti sun akkuma isaan nutti odeessan ta'e argan; isa ammo hin argine»
25
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin bada worra hin hubannee fi worra waan raattonni dubbatan maratti qalbiin keessan hin amanne,
26
Kiristoos rakkoon irra gayee ulfinnatti seenuun isa hin barbaachisuu ree?» isaaniin jedhe.
27
Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike.
28
Gara ganda dhaqa'aaranii dhiyaatanii isaan waan inni fagoo deemu isaanitti fakkaate.
29
Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Inni isaan bira bulu'uuf seene.
30
Uduu isaan woliin hurbaataaf taa'eeru xoroshoo ol fuudhee eebbisee caccabsee isaanii kenne.
31
Ijji isaanii hin baname; isaanillee hin beekaniin. Inni ammo ija isaanii afo'oo miliqe.
32
Isaan, «Hennaa inni kara'atti nu woliin dubbata'aa turee fi hennaa inni kitaabban nu barsiisa'aa ture garaan keenna nu kakka'ee nu raafama'aa hin turree?» woliin jedhan.
33
Sa'aatima sanitti ka'anii gara Yerusaalemii deebi'an; darasoonni kudha tokkoo fi worra isaan woliin turaniinillee, «Dhugamaan Gooftaan du'aa ka'eera, Simoonittillee mudhateera» jedha'aa turan. Hulee tokkotti ka wol gayaniiran isaan argan.
35
Isaanillee waan karaa irratti ta'e haga Xoroshoo cabseen maayessa attamitti akka isa beekan isaanitti odeessan.
36
Uduu isaan kana dubbata'aa jiran, Yesuus edduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
37
Isaan ammo waan ekeraa argan seeyanii nayanii sodaatan.
38
Inni ammo, «Maaf naatan? Maaf mamiin garaa keessan keessatti uumame?
39
Akka ana ta'e akka beettan mee harka kiyyaa fi luka kiyya qaqqaba'aa laalaa'a; ekeraan foonii fi lafee hin qabu, Ani ammo hin qaba.» isaaniin jedhe.
40
Innillee kana jedhee harka ufiitii fi luka ufii isaanitti mudhise.
41
Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe.
42
Isaanillee qurxummii woddame irraa kutanii nadhii dammaallee kennaniif.
43
Inni fudhatee isaanuma afo'otti nyaate.
44
Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfanna'aa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.
45
Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane.
46
Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa sadeesso'oo du'aa hin ka'a.
47
Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbu'uu Yerusaalemiin irraa jalqabee banii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera.
48
Isinillee waan kanaaf raga'a.
49
Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammo haga hunna olii argattanitti qachaa Yerusaalemii keessaa hin bayinaa'a» jedhe.
50
Innillee achii bayee haga Bitaaniya'aa isaan geegessee harka ufii lamaan ol kaasee isaan eebbise.
51
Uduma isaan eebbisa'aaru isaan dhiisee gara sami'ii ol fudhatame.
52
Isaan isaa sagadanii guddisanii gammadanii gara Yerusaalemii deebi'an.
53
Hennaa maraa Rabbiin galatoonfata'aa mana woyyuu keessa jiraatan.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24