bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 6
Luke 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 7 →
1
Guyyaa Sambataa Yesuus maasaa midhaanii keessa lufa'aa ture. Darasoonni isaallee asheeta kukkuta'aa harkaan sukkuuma'aa nyaata'aa turan.
2
Fariisota keessaa namoonni gari gariin, «Isin maaf waan guyyaa Sambataatiin godhamuun hin malle gootan?» jedhanii isaan gaafatan.
3
Yesuus akkana jedhee isaanii deebise, «Daawiti hennaa beelaye inni namoota isa woliin jiran woliin, gara mana Rabbii akkuma seeneen gadoota malee ka namoonni biraa nyaatuun isaanii hin malle xoroshoo ciinca'aa fuudhee akka nyaate worra isa woliin jiraniillee akkasuma akka kenneef hin dubbifne?» jedhe.
5
Achiin maayessa Yesuus, «Ilmi Namaa Gooftaa Sambataati» isaaniin jedhe.
6
Gaafa biraallee guyyaa Sambataa gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise. Hennaa san namichi harki isaa ka mirgaa naafate tokko achi ture.
7
Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonnillee waan isa himataniin sababa soqu'uuf guyyaa Sambataa akka inni fayyisu eega'aa turan.
8
Inni ammo yaada isaanii beekee namicha harki isaa naafateen «ka'ii edduu isaanii dhaabadhu» jedheen; Inni ka'ee dhaabate.
9
Achiin maayessa Yesuus isaaniin, «Ani waa isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sambataatiin maal akka goonu nu ajaja? waan mishaa mo'o waan hama'a? Lubbuu fayyisu'u mo'o ajjeesu'u?» isaaniin jedhe.
10
Yesuus gara namoota isa marsanii laalee namichaan ammo, «Harka kee diriirsi» jedheen. Inni harka ufii hin diriirse; harki isaallee akkuma harka kaanii fayyaa ta'e.
11
Isaan akka malee aaranii Yesuusiin maal haa goonu? jedha'aa woliin mari'atan.
12
Torbaanuma san keessa inni faateffachu'uuf gara gaaraa ol bayee, Halkan guutuu Rabbiin kadhata'aa bule.
13
Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, «Ergamtoota» jedhee maqaa isaanitti baase.
14
Isaan Simoon ka inni Pheexroos jedhee maqaa itti baase, Indiriyaas, obboleessa Pheexroosii Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos,
15
Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka «Hinaafticha» jedhamee beekkame,
16
Yihuudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihuudaa nama biyya Keriyooti ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a.
17
Yesuus isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf, dhibee ufii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuuda'aa maraa, Yerusaalemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddu turan.
18
Namoonni ayyaanni battiin dhaye hin fayyan.
19
Hunni isa keessaa baye maraa fayyisa'aa waan tureef baniin sun maruu isa tuqu'uuf fedha'aa turan.
20
Inni gara darasoota ufii laalee akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame!
21
«Isin worri amma beeloftan eebbifamtoota; waan quuftaniif! «Isin worri amma boottan eebbifamtoota; waan kolfitaniif!
22
Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi yoo maqaa hamaa isinitti baasan, isin worra eebbifame!
23
samii irratti waan gatiin keessan guddaa ta'eef gammada'aa buburraaqaa'a. Abbootiin keessanillee raattota irratti akkasuma godha'aa waan turaniif.
24
Haa ta'uu ammo, «Isin worri amma dureeyyi'ii isin aanne'e; gatii keessan fudhattaniirtan.
25
Isin worri amma quuftan isin aanne'e; hin beeloftan! Isin ammo worri amma kolfitan isin aanne'ee! gadditanii hin boottan!
26
Yoo namoonni waan misha'aan isin himan isin aanne'ee! Abbootiin teessan raattota sobaatiif akkasuma godha'aa waan turaniif.
27
«Haa ta'uu ammo isin worra na dhageettaniif akkana jedha. Diintota keessan jaaladhaa'a; worra isin jibbuuf waan mishaa godhaa'a.
28
Worra isin abaaru eebbisaa'a; worra isin yakkaniif Rabbiin kadhadhaa'a.
29
Ka boqoo kee dhabanaasu deebisii ka lammeesso'oollee itti naannessi. Ka kootii kee fudhatuuf shamisiillee eda'ii kenniif.
30
Nama si kadhate maraafuu kenni. Ka birrii kee si irraa liqeeffate yookaan ka fudhate akka sii deebisu hin gaafatin.
31
Waan namoonni akka isinii godhan feetan isinillee akkasuma isaanii godhaa'a.
32
Worra isin jaalate yoo jaalattan galata maal qabdan? Cubbamtoonnillee akkasuma worra isaan jaalatan waan jaalataniif.
33
Worra waan mishaa isinii godhee yoo waan mishaa gootan galata maal qabdani? Cubbamtoonnillee akkasuma waan godhaniif.
34
Worra isinii deebisu callaa abdattanii yoo liqeessitan galata maal qabdan? Cubbamtoonnillee akkasuma nama isaanii deebisuu danda'uu waan liqeessaniif.
35
Isin garuu diintota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'aa; Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galatoonfannee fi worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef.
36
Akkuma abbaan keessan garaa laafu, isinillee gara laafeyyii ta'aa'a.
37
«Eennuttillee hin murteessinaa'a, isinittillee hin murtaayu; yakkillee isinitti hin muramu, namaa dhiifama godhaa'a, isiniifillee hin dhiifamaa.
38
Kennaa'a; isinii kennamaa. Waan isin ittiin safartaniin isiniillee safaramaa. Safartuu akka misha'atti itti gad qabamee sochoofamee guuttameen haga isin baadhachuu dandeettanitti isinii kennama.
39
Yesuus akkana jedhee mammaaka kana isaanitti hime. Ka ija hin qabne nama ija hin qabne masakkuu danda'aa? Yoo masakke lamaanuu boollatti hin badanii?
40
Barataan barsiisaa hin caalu, ka sirri'itti baratee fixe maruu ammo akka barsiisa'aa ta'a.
41
«Maaf huura ija obboleessa kee keessa jiru laaltaa? Waan guddaa ija kee keessa jiru ammo maaf hin argine?
42
Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeetta? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi; achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argitaa.
43
«Munni mishaan midhaan hamaa hin daraaru, munni hamaanillee midhaan mishaa hin daraaru.
44
Munni maruu daraaraa ufiitiin waan beekkamuuf muka qore'ee irraa daraaraa hurbu'uu hin guuran.
45
Waan garaa keessa guute afaan qaaqa; namni waan mishaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata. Namni badaan waan badaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata.
46
«Waan ani isinitti himu uduu hin raawwanne maaf, ‹Gooftaa'a! Gooftaa'a!› jedha'aa na waamtan.
47
Namni gara kiyya dhufee dubbii kiyya dhagayee ka godhu maruu eennuun akka fakkaatu isaanitti mudhisa.
48
Inni nama mana ufii dhagaa irratti gad fageessee qotee ijaarate tokko fakkaata. Lolaan hennaa dhufee mana san dhiibe, Manni sun waan dhagaa irratti ijaarameef sochoosuu hin dandeenne.
49
Namni dubbii kiyya dhagayee hujii irra hin oolchine akkasuma nama dhaaba mana ufii gad fageessee hin ijaarre tokko fakkaata. Lolaan dhufee dhiibee mana san kuffisee kufaatiin mana saniillee badaa ta'e.»
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24