bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 9
Luke 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 10 →
1
Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, akka jinniiwwan maraa baasan, akka dhibeellee fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne.
2
Akka jeennata Rabbii lallabaniif, akka dhukkubsattoota fayyisan akkana jedhee isaan erge.
3
«Ulee, korojoo, buddeenaa fi birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi waan biraa harkatti hin qabatinaa'a.
4
Mana keessummummaa dhaxxan san haga gaafa achii baataniif achuma taa'aa'a.
5
Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan akka ragaa isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a.»
6
Isaanillee achii bayanii Dubbii Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan.
7
Bulchaan kutaa arfeesso'oo Heroodis waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera.
8
Kuuwwan ammo Eeliyaasitu mudhate, kuuwwanillee Raattota duraa keessaa tokko ka'eera jedha'aa waan turaniif mame.
9
Heroodisillee, «Yohaannis ka ani morma isaa mursiise. Namni ani amma waan isaa dhagayu kun eennu?» jedhee isa kana argu'uuf barbaada'aa ture.
10
Ergamtoonni deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasaayidaa jedhamtu bira hojjuma ufii gara lafa udume'ee dhaqe.
11
Gumiin akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Inni isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise.
12
Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isatti dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf gara naannoo ganda baadiyyaa jiranii deemanii akka bulanii fi akka waan nyaatanillee argatan banii kana geegessi» jedhaniin.
13
Inni ammo, «Isinuu waan nyaatan kenna'aaf» isaaniin jedhe. Isaan ammo, «Deemnee gumii kana maraafuu yoo waan nyaatan binne malee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa callaa qabna» jedhaniin.
14
Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe.
15
Isaanillee akkuma inni godhaa jedhe maraa teessisan.
16
Innillee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaanuu fuudhee gara sami'ii ol laalee eebbisee caccabsee gumi'iif akka kennan darasoota ufiititti kenne.
17
Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo masoobii kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan.
18
Yesuus uduu hojja ufii faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu naan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
19
Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin.
20
Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoosii Rabbiiti» jedheen.
21
Yesuus ammo, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddisee rakkata, hin ajjeefama, guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» jedhe. Waan kana ammo eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere.
23
Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, uf irraa haa bayuu; guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu.
24
Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni naaf jedhee lubbuu ufii kennu maruu hin hambifata.
25
Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookaan dhabe faayidaa maal argata?
26
Namni anaa fi dubbii kiyyatti saalfatu maruu ilmi namaa hennaa ulfinna ufiitiin, ulfinna Abba'aatii fi ulfinna maleekkota woyyootaa woliin dhufu isatti saalfata.
27
Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa worri uduu hin duune jeennata Rabbii argatan hin jiran» isaaniin jedhe.
28
Yesuus haga dubbii kana dubbateen maayessa guyyaa saddeetii turee Pheexroosiin, Yohaannisii fi Yaaqoobiin qabatee faateffachu'uuf gara gaaraa baye.
29
Uduu inni faateffata'aaru bifti fuula isaa jijjiirame; uffanni isaallee calalaqee adii ta'e.
30
Hennaa san namoonni lamaan, Muuse'ee fi Eeliyaas isa woliin dubbata'aa turan.
31
Ulfinnaan mudhatanii, waan du'uu Isaatii fi waan Yerusaalemitti isa irratti ta'u dubbata'aa turan.
32
Haa ta'uu ammo Pheexroosii fi worri isa woliin turan hirribni waan isaan qabeef rafa'aa turan. Hennaa dammaqan ammo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan isaan woliin dhaabata'aa turan sanniin argan.
33
Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammo woma dubbata'aaruu hin beeku ture.
34
Uduu inni kana dubbata'aaru duumessi dhufee isaan golge. Haga duumessi isaan golge hin sodaatan.
35
Duumessa keessaa laagaan, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» jedhu dhagayame.
36
Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne.
37
Haga lafti bariite gaara gubba'aa hennaa bu'an, banii heddutu isaan wol arge.
38
Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan dhayameeruuf akka naa laaltu si kadhadha;
39
Jinniin hoomacheessa'aa, kuffisee, gangalcha'aa, hollachiisa'aa rakkisaan.
40
Darasoota teellee akka isa keessaa baasan kadhadhee ture, isaan ammo keessaa baasuu hin dandeenne» jedheen.
41
Yesuus deebisee, «Isin worra hin amanne dhaloota dabaa; haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? Namichaan, «mee ilma kee as fidi» jedheen.
42
Hennaa itti dhiyaate jinniin kuffisee dhidhiitachiise. Yesuus ammo ayyaana hamaa teedeffatee mucaa fayyisee abba'atti deebisee kenne.
43
Isaan maruu guddinna hunna Rabbii maalalan. Isaan maruu waan Yesuus godhe uduu baaseffatan,
44
Darasootaan, «Ilmi Namaa harka namaatitti dabarfamee waan kennamuuf isin kana gurra keessanitti qabadhaa'a» isaaniin jedhe.
45
Isaan ammo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan.
46
Isaan keessaa eentu eennuun akka caalu beeku'uuf jedhanii mormiin isaan jiddu'utti ka'e.
47
Yesuus yaada garaa isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee qabee uf bira dhaabsisee,
48
«Eennullee ka daa'ima kana maqaa kiyyaan simatu na simata. Ka na simatu maruu ka na erge simata. Ka isin maraa irraa gad aanu inni sun maraa caala» isaaniin jedhe.
49
Yohaannis deebisee, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu jinnii baasu arginee, inni waan keenna hin taaneef dhooggineen» jedheen.
50
Yesuus ammo, «Ka isiniin hin mormine isin woliin waan ta'eef isa hin dhoogginaa'a» isaaniin jedhe.
51
Hennaan inni gara sami'ii ol fudhatamu waan dhiyaateef, gara Yerusaalemii deemu'uuf kutatee ka'e.
52
Gara qachaa Samaariya'aa dhaqanii waan maraa akka isaa qopheessaniif worra dhaamsa geessan erge.
53
Namoonni naannoo sanii ammo akka inni gara Yerusaalemii deema'aaru waan beekaniif isa simachuu didan.
54
Darasoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis hennaa waan kana argan, «Gooftaa'a, akkuma Eeliyaas godhe ibiddi sami'ii bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu maarre nuu jettaa?» jedhaniin.
55
Inni ammo isaanitti gara galee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee balleessu'uuf hin dhufne» jedhe.
56
Achiin maayessa isaan achii ka'anii gara qachaa biraa deeman.
57
Isaan uduu karaa irra deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe.
58
Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla; Simbirti samii irra barartullee maandhee qabdi; Ilmi Namaa ammo hulee mataa ufii itti irkifatuu hin qabu» jedheen.
59
Nama biraatiinillee, «Na faana koottu» jedhe. Namni sun ammo, «Gooftaa'a, duraan dursee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedhe.
60
Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ufii haa awwaaluu; ati ammo deemii waan jeennata Rabbii lallabi» jedheen.
61
Akkasuma namni biraallee, «Gooftaa kiyya! ani si faana deema; haa ta'uu ammo duraan dursee worra kiyyatti akka nagaya dhaamadhu na hoffolchi» jedhe.
62
Yesuus ammo, «Eennullee ka dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24