bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 19
Luke 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 20 →
1
Hennaa Yesuus Iyyaarikoo keessa seenee lufu, namichi Zakkewoos jedhamu bulchaa qaraxxootaa dureessi tokko achi ture.
3
Inni Yesuus nama attamii akka ta'e arguu barbaade, Haa ta'uu ammo nama gabaabaa waan ta'eef, sababaa baay'inna namootaatiif Yesuusiin arguu hin dandeenne.
4
Yesuus waan karaa san irra lufa'aa jiruuf isa argu'uuf jedhee gara afo'oo fiigee odaa tokko kore.
5
Yesuus haga hulee san gaye ol jedhee laalee argee, «Zakkewoos! adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gad bu'i» jedheen.
6
Innillee daddafee bu'ee gammachu'uun isa simate.
7
Namoonni achi turan kana arganii, «Namichi kun mana nama cubbama'aatitti affeeramu'uuf seenee?» jedhanii guunguman.
8
Zakkewoos ammo dhaabatee Goofta'aan, «Gooftaa kiyya! Ani waan qabu maraa irraa wadhakkaa hiyyeeyyi'iif kenna, eennuun irraallee dharaan sobee waan tokko yoo fudhadhee jiraadhe dachaa afur deebisaaf» jedhe.
9
Yesuus ammo, «Innillee waan ilma Abrahaamii ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera.
10
Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen.
11
Uduu isaan kana dhagaya'aaran Yesuus Yerusaalemitti waan dhiyaateeruuf, sababa namoonni jeennanni Rabbii ammuma waan gaye waan isaanitti fakkaateef mammaaka akkana jedhee isaanitti mammaake.
12
Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe.
13
Namichi sun hojjattoota ufii keessaa nama kudhanii waamee, ‹Haga ani deebi'ee dhufuuf ittiin daldalaa'a› jedhee saantibii worqi'ii kudhan isaanitti kenne.
14
Worri biyyaa ammo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nu irratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan.
15
«Inni mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise.
16
Namichi duraa dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen kudhan bu'aa buuse› jedheen.
17
Inni, ‹Ati hojjataa misha'a; waan diqqoo irratti waan amanamteef, qachoota kudhanii irratti baallii siif kenneera› jedheen.
18
Ka lammeesso'oollee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen shan bu'aa buufadheera› jedheen.
19
Kanaanillee akkasuma, ‹Atillee qachaa shanii irratti baallii siif kenneera› jedheen.
20
Ka biraallee dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii tee xaaqa'aan maree si sodaadhee siin eege.
21
Waan ati nama garaa jabaatu taateef, ati waan namatti hin kennine nama irraa fudhatta. Waan hin facaafne haamattaa hoo'u!› jedheen.
22
Ati bada, ‹Hojjataa hamaa'a; dubbima keetiin sitti murteessa. Ani akka nama badaa uduu hin kennine gaafadhu; uduu hin facaasin haamadhu akka ta'e eega beette,
23
Birrii kiyya worra dhalaan liqeeffatanitti maaf naa hin kennine ree? Silaa hennaa deebi'e birrii kiyya dhala woliin fudhadha› jedheen.
24
Gooftichillee worra achi dhaabataniin, ‹Saantibii san fuudha'aatii ka saantibii kudhanii qabu sanii kennaa'a!› isaaniin jedhe.
25
Isaanillee, ‹Gooftaa'a! inni birrii kudhan qaba!› jedhaniin.
26
Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf maruu itti eda'amaaf; ka hin qabnee ammo ka qabu sunuu irraa fudhatama.
27
Diintota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii ta'uu hin barbaanne kanniin, as afoo kiyyatti fida'aatii gogoorra'aa'a!› » jedhe.
28
Yesuus haga kana dubbateen maayessa isaan firrisee gara Yerusaalemii ol baye.
29
Hennaa gara hulee gaara ejersaa jedhamtutti gara Beeta faagee fi gara Biitaaniya'aa dhiyaate darasoota ufii keessaa lamaan ergee,
30
«Gara ganda afoo keessan jiranii san dhaqaa'a; ganda san keessatti ilmoo harre'ee ka haga ammaa eennulle hin yaabbanne ka hidhameeru achitti argitanii hiika'aa naa fidaa'a.
31
Eennullee, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Goofta'atu barbaada› jedha'aan» isaaniin jedhe.
32
Worri ergamanillee deemanii akkuma inni isaaniin jedhe argan.
33
Isaan hennaa ilmoo harre'ee hiikan worri harree sanii, «Maaf hiittan?» isaaniin jedhan.
34
Isaanillee, «Goofta'atu barbaada» jedhan.
35
Ilmoo harre'ee san gara Yesuusii fidanii uffata ufii irra kaayanii Yesuusiin yaabbisan.
36
Hennaa inni deemu uffata ufii karaa irratti afa'aa turan.
37
Hennaa goodda gaara ejersaa irraan gad dhiyaate darasoonni maruu maalalee waan arganiif gammada'aa laagaa gudda'aan,
38
«Mootiin maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Sami'ittillee nagaya, gammachu'uu fi ulfinna!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.
39
Gumii keessaa Fariisonni gari gariin, «Barsiisaa'a! darasoota kee teedefadhu» jedhaniin.
40
Innillee deebisee, «Ani isinitti hima, yoma kunniinillee cadhisan, dhagaan kunniin hin iyya» isaaniin jedhe.
41
Yesuus hennaa Yerusaalemitti dhiyaate qachaa san argee akkana jedhee booyeef.
42
«Uduu atummaan waan nagaya adhaaf sii ta'u beettee misha'a! Amma ammo kun ija kee afo'oo dhokateera.
43
Hennaan diintonni kee dallawa sitti ijaaranii si marsan waan dhufuuf karaa maraanuu si dhiphisan.
44
Si'ii fi ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban; dhagaa dhagaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan; ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.»
45
Yesuus gara mana woyyu'uu seenee worra waa gurguratanii fi waa bitatan baasuu jalqabe.
46
«‹Manni kiyya mana keessatti Rabbiin kadhatan ta'a› jedhamee barreeffameera, isin ammo goda saamtotaa gootan» isaaniin jedhe.
47
Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haa ta'uu ammo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan.
48
Ta'ullee namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24