bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 17
Luke 17
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
1
Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haa ta'uu ammo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas!
2
Worra didiqqaa kanniin keessaa tokko gufachiisu'uu mannaa dhagaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee galaanatti gatamuu isaa woyya.
3
Maarre isin uf eeggadhaa'a; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessii gorsi yoo gaabbee cubbuu ufii irraa deebi'e dhiifama godhiif.
4
Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.»
5
Ergamtoonni Goofta'aan, «Amantii nuu eda'i» jedhaniin.
6
Gooftaan akkana isaaniin jedhe, «Amantii diqqoo haga gumaa heexo'oo geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan silaa isinii ajajama.»
7
«Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan ka horii tissu qabaatee inni hennaa qonnaa deebi'u, ‹Koottuu as taa'ii hurbaata nyaadhu!› eentu jedhaan?
8
Garbicha saniin, ‹Nyaata naaf qopheessi, haga ani nyaadhee dhugee ka'utti marxifadhuu na tajaajili; achiin maayessa atillee nyaattee dhuddaa› jedhaanii mii?
9
Garbichi sun ajaja kana waan raawwateef hin jajataanii?
10
Maarre isinillee akkasuma hennaa waan ajajamtan maraa gootan, ‹Nu garboota bu'aa hin qabne; woma hojjachuu nu barbaachisu hojjanne› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
11
Yesuus hennaa gara Yerusaalemii deemu, Galiila'aa fi Samaariyaa jidduu lufe.
12
Hennaa inni gara ganda tokkoo seene, namoonni kudhanii ka dhibee gogaa kukkutuun qabaman Yesuusiin wolitti dhufan.
13
Laagaa ufii ol qabatanii yabo'oo, «Gooftaa Yesuus garaa nuu laafi!» jedhaniin.
14
Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan.
15
Isaan keessaa tokko akka fayye hennaa arge, laagaa gudda'aan Rabbiin galatoonfata'aa deebi'ee dhufee,
16
kallacha ufiitiin luka Yesuusii irratti kufee isa galatoonfate. Inni sun nama biyya Samaariya'aati.
17
Yesuus akkana jedhee gaafate, «Namoonni kudhanuu dhibee gogaa kukkutu irraa qulqullaayaniiranii mii? namoonni sagalii meeti ree?
18
Nama Yihuudii hin taane ka gosa addaa kana malee ka Rabbiin galatoonfatu'uuf deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe.
19
Inni isaan akkana jedhe, «Amantiin kee si fayyiseeraa ka'ii deemi»
20
Fariisonni «Jeennanni Rabbii yoom dhufti» jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu.
21
Eennullee, ‹Ila, as jirti!› yookaan, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababaan jeennanni Rabbii isin jidduu jirti» jedhe.
22
Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa; isin garuu hin argitan.
23
Isaanillee, ‹Kuunno achi jirti!› yookaan ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a!
24
Akkuma hangaasuun sami'ii gaditti falaqqisee daanga'aa haga daanga'aa ifuutitti, Dhufti Ilmi namaa guyyaa sanitti akkasuma ta'a.
25
Inni ammo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa.
26
«Akkuma bara Nohii ta'e san barri Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
27
Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse.
28
Akkuma bara Looxii ta'e nyaata'aa, dhuga'aa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan.
29
Gaafa Looxi Soodoomii baye ammo samii irraa ibiddi dhaga'aa ka bobayutu roobee isaan maraa balleesse.
30
Guyyaa Ilmi Namaa dhufullee akkasuma ta'a.
31
«Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a ufii ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in.
32
Haadha manaa Looxii qaabadhaa'a!
33
Namni lubbuu ufii oolfatuu fedhu maruu hin balleeffata; namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata.
34
Ani isinitti himaa halkan san namoonni lamaan itillee takkattii irra rafan; isaan keessaa tokkochi hin fudhatama; ka lammeesso'oo ammo hin hafa.
35
Dubartoonni lamaan bakka tokkotti midhaan daakan; takkattiin hin fudhatamti; ta lammeesso'oo ammo hin hafti.
36
[Namoonni lamaa qonna keessa taa'an; tokko hin fudhatama, ka lammeesso'oo ammo hin hafa]»
37
Isaan deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Bakka randhi jirutti rumichi wol gaya.»
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24