bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 5
Luke 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
1
Baniin dubbii Rabbii dhagayu'uuf hennaa wol dhiiba'aa jiran inni qaccee galaana Geensaareexii dhaabatee ture.
2
Yaballan lamaan qaccee galaanaa dhaabatan arge; worri qurxummii qaban ammo yabala ufii keessaa bayanii siiboo ufii miica'aa turan.
3
Yabala Simoonii keessa seenee lafa irraa diqqoo gara galaanaa keessa akka siissu isa kadhate. Achiin maayii Yabalattii irra taa'ee banii barsiisa'aa ture.
4
Haga dubbii ufii fixateen maayessa Simooniin, «Gara bisaan xiilla'aa sissiitii, qurxummii qabu'uuf siiboo keessan gad darbaa'a» jedheen.
5
Simoon, «Barsiisaa'a! eda halkan guutuu dadhaba'aa bullee womaa hin qabne; haa ta'uu ammo yoo ati jette ani siiboo hin darba» jedheen.
6
Hennaa kana godhan qurxummii heddu qaban. Siiboon isaaniillee hin biinxame.
7
Hiriyyoonni isaanii worri yabala biraa keessa turan dhufanii akka isaan gargaaran harkaan haatatan. Isaanillee dhufanii yaballan lamaanuu haga liqimfamuu gayutti guutan.
8
Simoon Pheexroos ammo hennaa kana arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a! ani cubbama'a; natti hin dhiyaatin!» jedheen.
9
Waan qurxummii qabanii isaa fi worri isa woliin ture maruu hin maalalfatan.
10
Akkasuma ammo worri hiriyyoota Simoonii turan ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisillee hin maalalan. Yesuusillee Simooniin, «Hin sodaatin! ammaa achi nama nama qabu taataa» jedheen.
11
Isaan yaballan harkisanii qarqaratti baasanii waan mara dhiisanii Yesuusiin faana deeman.
12
Gaafa tokko Yesuus uduu qachaa tokko keessa jiru, namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeru ka achi jiru tokko, hennaa isa arge, Yesuusiin afo'otti kufee, «Gooftaa'a! yoo fedha kee ta'e na fayyisi» jedhee kadhate.
13
Innillee harka ufii hiixatee isa qaqqabeenii, «Hin fedhaa fayyi» jedheen. Yoma san dhibeen gogaa kukkutu sun irraa bade.
14
Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haa ta'uu ammo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf fayyuu keetiif ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje.
15
Oduun ammo guddisee dhagayame; baniin heddu isa dhagayu'uuf, dhibee irraallee fayyu'uuf isa biratti wol gaya'aa turan.
16
Haa ta'uu ammo inni gara lafa udume'ee siiqee faateffata'aa ture.
17
Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiila'aatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yerusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira.
18
Jarri tokko nama laamshayaa wosaasa'aan baadhatanii fidanii seensisanii afoo isaa kaayu'uuf barbaadanii,
19
Sababaa baay'inna bani'iitiif akkam godhanii akka seensisan dhabnaan mana irra bayanii ginnoo manaa saaqanii wodhakka'aan afoo Yesuusiititti wosaasaa woliin gad buusan.
20
Yesuus amantii isaanii argee, namichaan, «Namana! cubbuun kee sii dhiifameera» jedheen.
21
Barsiisonni Seera Muuse'ee tii fi Fariisonni, «Ka Rabbiin arabsu kun eennu inni? Rabbii tokkicha malee eennutu cubbuu namaa dhiisuu danda'a?» jedha'aa yaada'aa turan.
22
Yesuusillee yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana garaa keessan keessatti yaaddan?
23
‹Cubbuun kee siif dhiifameera› jechu'u moo yookaan, ‹Ol ka'ii deemi› jechu'utu salpha'a?
24
Haa ta'uu ammo biyya lafaatitti dhiifama cubbuu godhuuf Ilmi Namaa baallii akka qabu akka beettan» jedhee namicha laamshayaa saniin, «Ol ka'i! Itillee tee qabadhuu gara mana keetii deemi!» jedheen.
25
Hennaa san afoo isaniititti ol ka'ee, itillee irra ciisa'aa ture fudhatee, Rabbiin galatoonfata'aa gara mana ufii deeme.
26
Isaan maruu akka malee maalalfatanii guddisanii sodaatanii, «Adha waan maalale'ee argine!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.
27
Achiin maayessa Yesuus achii deemee namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen.
28
Innillee waan maraa dhiisee ka'ee isa faana deeme.
29
Leewwiin mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruu fi namoonni biraallee heddutu ture.
30
Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.
31
Yesuusillee deebisee, «Dhukkubsattootaaf malee worra fayyaa qabuuf ogeessi fayya'aa hin barbaachisu.
32
Ani ka dhufeef cubbamtoota gara dhiifamsaa waamuuf malee balchoota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.
33
Namoonni gariin Yesuusiin, «Darasoonni Yohaannisii hennaa hedduu sooma'aa Waaqa kadhatan. Darasoonni fariisotaallee akkasuma godhan; darasoonni tee ammo hin nyaatan, hin dhuganille'e» jedhaniin.
34
Yesuus akkana jedhee isaanii deebise, «Uduu idaayyaan isaan woliin jiru worra jaalaa soomsisuu dandeettuu?
35
Haa ta'uu ammo hennaan Idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa. Isaan ammo yoo san sooman» isaaniin jedhe.
36
Inni akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. «Namni xaaqaa haarawa uffata moofaa irratti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabee hodhe ammo haarawa tarsaasa; xaaqaan haarofni ammo moofa'aaf hin tolu.
37
Qalqala moofa'atti daadhii woyinii haarawa ka kaayu hin jiru; yoo kaaye ammo daadhiin woyini'ii haarofni qalqala dhoosa; innillee hin jiga qalqallillee hin bada.
38
Daadhiin woyini'ii haarofni ammo qalqala haarawa keessa kaayama; lachuu wal qabatan.
39
Namni daadhii woyini'ii ka baye haga dhugeen maayii ka hin bayin dhuguu barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ka baye woyya› waan jedhuuf» jedhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24