bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 8
Luke 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
1
Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, Dubbii gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa, gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture.
2
Darasoonni kudha lamaanillee isa woliin turan; worra dhibee irraa fayyan keessaa dubartoonni gari gariin worra ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyan keessaa Maariyaamii Magidalaa ta jedhamtu ta seexanni torbaa keessaa baye,
3
Yohaanaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii, Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.
4
Hennaa baniin heddu qachoota maraa irraa wolitti qabamanii gara isaa dhufan mammaakaan akkana jedha'aa isaanitti dubbate.
5
«Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Hennaa facaasu tokko tokko qaccee kara'aatitti bu'ee irra deemamee Simbirran dhufanii qocatan.
6
Sanyiin gariin lafa biyyee guddaa hin qabne dhagaa irratti bu'ee hennaa mute, waan jiidha hin qabneef hin goge.
7
Ka biraa qoree keessatti bu'e qoreen woliin mutee hudhee qabe.
8
Ka biraa ammo lafa biyyee misha'aa irratti bu'ee hennaa mute, dachaa dhibba daraare» jedhe. Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, «Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe.
9
Darasoonni isaa, «Hiikkaan mammaaka kanaa maali'i?» jedhaanii Yesuusiin gaafatan.
10
Innillee akkana jedhee isaanii deebise, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawwanii ammo uduu ilaalan akka hin argine; uduu dhagayan akka hin hubanne mammaakkan dubbadha.»
11
Eegasuu hiikkaan mammaaka kanaallee kana. «Sanyiin dubbii Rabbiiti.
12
Sanyiin karaa qacce'etti bu'e sun namoota dubbii Rabbii dhagayanii akka isaan amananii hin fayyineef daabiloos dhufee dubbii san onnee isaanii keessaa fudhata.
13
Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaga'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu waan hidda hin godhanneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan.
14
Sanyiin qoree keessatti bu'ellee worra dubbii dhagayanii akkuma oolmettii isaanii ka duraatitti yaada'aa, badhaadhummaa jireenna qanani'iitiinillee waan hudhamaniif sanyii hin godhatan.
15
Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammo worra dubbii Rabbii dhagayanii amanamumma'aa fi mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»
16
Namni kamuu ifaa ibsee ka waa itti gombisu yookaan ka siree jala kaayu hin jiru. Worri diidaa ol seenan akka ifa argan kololee rogatti mudhisu gubbaa kaayan.
17
Wonti dhokate uduu hin mudhanne, yookaan wonti golgame uduu hin beekkamnee fi uduu ifatti hin baane ka hafu tokkollee hin jiru.
18
Kanaafuu hennaa dhageettan qulqulleeffadha'aa dhagayaa'a; nama waa qabu kamiifuu eda'amee kennamaaf. Nama waa hin qabne kamuu wonti inni hin qaba jedhee yaadu diqqoon sunuu irraa fudhatamti.
19
Haati Yesuusiitii fi obboleewwan isaa gara isaa dhufanii sababa guddinna bani'iitiif isa arguu hin dandeenne.
20
Hennaa kana namoonni, «Haati teetii fi obboleewwan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhanii itti himan.
21
Inni deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleewwan tiyya worra dubbii Rabbii dhagayanii hojii irra oolchan» isaaniin jedhe.
22
Gaafa tokko inni darasoota ufii woliin gara yabala tokkoo seenee, «Ka'aa galaana gama haa ceenuu» isaaniin jedhe. Isaanillee ka'anii deeman.
23
Uduu yabala keessa seenanii deema'aa jiran Yesuusiin hirribni qabee rafe. Yaballillee bisaan hoboonbolattii galaana san irratti ka'een guuttamuu jalqabnaan akka malee sodaatan.
24
Hennaa san darasoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Gooftaa keenna banne!» jedha'aa isa kaasan. Inni dammaqee bubbe'ee fi dambalii bisaanii teedeffatee cadhisiise. Dambaliinillee hin cadhise.
25
Innillee, «Amantiin keessan meeti?» jedhee isaan gaafate. Sodaatanii maalala'aa ka qilleensinii fi bisaanillee ajajamaniif kun eennu? woliin jedhan.
26
Isaan gara biyya Gergesoonii afoo Galiila'aatitti yabalaan ceeyan.
27
Hennaa yabala irraa bu'an namichi jinniin dhaye tokko qachaa sanii bayee isatti dhufe. Namichi sun bara hedduuf uduu uffata hin uffannee fi uduu manatti hin galle, awwaala jidduu jiraata'aa ture.
28
Hennaa Yesuusiin arge afoo isaatitti gad kufee laagaa ufii ol fudhatee iyyee, «Ee Yesuus! Ilma Rabbii maraa olii! maal na irraa qabda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe.
29
Yesuus hafuurri hamaan namicha keessaa akka bayu waan ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Hennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, haada sibiilaatii fi sibiila lukaatiin hidhama'aa eeggamullee, hidhaa san kukkuta'aa, hunna ayyaana hama'aatiin gara lafa udume'ee oofama'aa ture.
30
Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee gaafannaan, jinniiwwan hedduu waan itti galeeruuf, «Maqaan kiyya Leegewoon» jedhee deebise.
31
Jinniiwwan sunniin akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan.
32
Hulee san gobbuun booyye'ee guddaan ededa gaaraa irra dheeda'aa turan. Jinniiwwan sunniin akka inni booyyota sanitti galaa isaaniin jedhu kadhataniin. Innillee maarre itti galaa'a jedhe.
33
Jinniiwwan sunniin namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan.
34
Worri booyyee tissu waan ta'e haga argan, dheessanii qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan.
35
Namoonni bayanii waan ta'e san laalu'uuf hennaa gara Yesuusii dhufan namichi jinniin keessaa baye sun qalbiin deebiteefii uffata uffatee luka Yesuusii bira ka taa'eeru arganii isa sodaatan.
36
Worri achitti isa argellee, attamitti akka namichi jinnii irraa fayye isaanitti himan.
37
Baniin naannoo biyya Gergesenoon jiru maruu waan guddisanii sodaataniif, akka Yesuus isaan biraa lixu isa kadhatan. Inni yabala keessa seenee achii deeme.
38
Namichi jinniin keessaa baye sun Yesuusiin, «Si woliin jiraadha» jedhee isa kadhate.
39
Yesuus ammo, «Gara mana keetii deebi'ii waan Rabbi sii godhe himi» jedhee isa erge. Namichi waan guddaa Yesuus isaaf godhe hima'aa qachaa keessa deeme.
40
Baniin maruu waan isa eega'aaraniif hennaa Yesuus deebi'e gammachu'uun isa simatan.
41
Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture.
42
Inni wonti dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen. Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan.
43
Dubartii woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.
44
Isiin isa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuxxe. Yoma san dhiinni isii keessaa jiga'aa ture sun cite.
45
Yesuus, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan «nu'uu miti» jedhanii waakkatan. Pheexroos, «Barsiisaa kiyya! gumiin maruu si hucuuceera; si dhiiba'aaralle'e» jedhe.
46
Yesuus ammo, «Akka hunni fayyisu na keessaa baye waan beekuuf, namni tokko na tuqeera» isaaniin jedhe.
47
Dubartiin sun akka dhokattee hafa'aa hin jirre argitee, hollata'aa dhuftee isa afo'otti gad kufte. Achiin maayessa maaf akka isa tuxxee fi yoma san attamitti akka fayyite gumii afo'otti itti himte.
48
Inni, «Mucattii tiyya! amantiin kee si fayyiseeraa nagayaan deemi» jedheen.
49
Uduma inni dubbata'aaru namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufee, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.
50
Yesuus ammo dhagayee Iyyaa'iroosiin, «amani malee hin sodaatin hin fayyitii jedhee deebiseef.
51
Hennaa gara manaa seenu Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis abbaa mucatti'iitii fi haadha mucatti'ii malee, eennullee akka isa woliin hin seenne dhoogge.
52
Namoonni maruu bade bade jedha'aa booya'aa turan. Inni ammo, «Hin rafteerti malee hin duunee hin booyinaa'a!» isaaniin jedhe.
53
Akka duute beekanii guddisanii itti kolfan.
54
Inni ammo harka isi'ii qabee, «Mucattii ka'i» jedhee guddisee dubbate.
55
Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammo «waan nyaattu kenna'aafii» jedhee isaan ajaje.
56
Worri isi'iillee hin maalalan. Inni ammo waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne isaan ajaje.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24