bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 1
Jeremiah 1
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 2 →
1
Dubbiin Ermiyaasiin ilmi Hilqiiya'aa dubbate ta asii gad jirtu; abbaan isaa hayyoota lafa Beniyaaminii keessaa worra qachaa Anaatotii keessa jiranu keessaa tokko.
2
Ilmi Amoonii Yosiyaas mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe.
3
Ammalle bara mootummaa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasii mootii Yihuda'aatii, haga dhuma woggaa kudhanii tokkeessoo mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasiititti, wogguma san keessa haga ji'a shaneesso'oo ta kolbaan Yerusaalemii itti booji'antetti jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufe.
4
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
5
«Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
6
Anille deebisee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, ani ijoollee waan te'eef attam akka dubbadhu hin beeku» jedhe.
7
Mootii Waan Maraa ammoo anaan, «Gara ani si ergu mara dhaqiitii, waan ani si ajaju mara godhi malee, ‹Ani ijoolle'e› hin jedhin.
8
Ani si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan hin sodaatin» jedhe.
9
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsee hidhii tiyya tuqee, anaan, «Kunoo ani jecha kiyya ka ati dubbattu afaan keeti keessa keyeera;
10
akka buqqituu fi akka diiddu, akka balleessituu fi akka garagalchitu, akka ijaartuu fi akka dhaaddu, gosa biyya adda addaatii fi mootota irratti si muudeera» jedhe.
11
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee, Ermiyaas! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Anille deebisee, «Damee muka ‹Almond› jedhamuu dhaggiisatti jira» jedheen.
12
Mootiin Waan Maraalle, «Ee, sirri'itti dhaggiteerta; wonni ani jedhe haga muummottutti xiyyeeffadhee hin eega» jedhe.
13
Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Anille deebisee, «Okkotee gara kaabaatii asi garagaltee danfitu takka dhagga» jedhe.
14
Mootiin Waan Maraalle anaan, «Gara kaabaatiin kolbaa lafa irra leetu mara irratti badiin hin dhutti» jedhe.
15
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo ani kolbaa mootummoota kaabaa keessa jirtu mara hin waama; moototi isaanii dhufanee, Yerusaalemii fi adaala dalleya isi'ii ka dhaka'aa mara, qachoota Yihuda'aa mara lolanee, barcumaa mootumma'aa ifii seensuma karra Yerusaalemii keessa hin keyatan.
16
Kolbaan tiyya na lakkittee waan hantuu hujjee, waaqota dhibi'iif hixaana aarsitee, waan harka ifiitiin hujje waan waaqonfataneef, ani isaanitti hin mura.
17
Ati ammoo ka'iitii hidha keeti hidhadhuu, waan ani si ajaju mara isaanitti himi. Ati isaaniif hin bararaqin; yoo bararaxxe, akka ati isaan duratti bararaxxu godha.
18
Ati lafa Yihuda'aa mara, mootota Yihuda'aa, bulchitoota isi'ii, hayyoota isi'iitii fi kolbaa lafa sanii mara akka injifattuuf, kunoo, ani adha akka qachaa dalleya dhaka'aa qabuu, akka utubaa sibiilaa, akka dalleya sageettu'uu si godheera.
19
Isaan si hin lolan, ani ammoo si baasiisaaf, si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu» jedhe.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52