bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 37
Jeremiah 37
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 38 →
1
Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar addee Koniyaa ilma Yehoyaaqiimiititti, ilma Yosiyaasii Zedeqiiyaa biyya Yihudaa irratti mootii godhe.
2
Te'uu malee zedeqiiya'aa fi tajaajiltooti isaa, kolbaa lafa saniille jecha Mootii Waan Maraa ka Ermiyaasiin raagichi dubbate hin dhageenne.
3
Mootichi Zedeqiiyaan ilma Shelemiiya'aa, Yukaalii fi ilma Ma'aseya'aa Safaaniyaa hayyicha gara Ermiyaasii ergee, «Maganne'e, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa nu'uuf daadimadhu» jedhe.
4
Yennaa san Ermiyaas mana hidha'aatitti waan hin galiniif, kolbaa odduu akka fedhe deddeemaayyu.
5
Worri Baabilonii ka Yerusaalem marsaneeranu, loltooti mootii Gibxi'ii lolaaf biyya Gibxi'ii keessaa akka bayane oduu yennaa dhage'ane, Yerusaalem lakkisanee baqatane.
6
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee,
7
«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Mootii Yihuda'aa ka akka isin gorsa Ermiyaas gaafatanuuf gara kiyya isin ergeen: Kunoo, loltooti mootii biyya Gibxi'ii ka isin qarqaariisaaf dhufane, gara biyya ifii Gibxi'itti hin deebi'an.
8
Achiin duuba worri Baabilonii deebi'anee dhufanee, qachaa kana hin lolan; isaan qachaa kana qabatanee hin guban.
9
Worri Baabilonii isin irraa waan hin deeminiif, deemaneeran seetanee ifi hin sobina'a.
10
Isin loltoota Baabilonii worra isin loliisatti jiru adoo injifattanelle'ee, isaan keessaa worri madowee dunkaanii ifii keessatti hafe callaan, bayanee dhufanee qachaa kana hin guban jedha› jedhiin» jedhe.
11
Loltooti worra Baabilonii, loltooti mootii biyya Gibxi'ii akka dhikaatane beekanee, Yerusaalem lakkisanee duuba,
12
Ermiyaas qooda lafa ifii fudhatiisaaf, Yerusaalemii ka'ee, gara lafa Beniyaamin dhaqe.
13
Inni dhufee karra Yerusaalemii ta, «Karra Beniyaamin» jedhantu yennaa geye, ajajaan eeddotaa ka maqaan isaa, «Yiriyaa» jedhamu, ilmi Shelemiiya'aa akaakoon Hanaaniya'aa, «Ati finqiltee gara worra Baabilonii deemaarta!» jedhee isa qabe.
14
Ermiyaas deebisee, «Lakkii, akkasii moti! Ani finqilee gara worra Baabilonii deemiisatti hin jiru» jedhe. Yiriyaan ammoo dubbii isaa dhugeeffatuu didee, isa qabee gara qondaaltotaa geesse.
15
Isaan guddoo Ermiyaasitti aaranee isa dhaananee, mana Yonaataanii barreessichaa ka mana hidha'aa godhataneeranu keessatti isa hidhane.
16
Ermiyaas Kolloo mana boolla keessaa san keessatti hidhamee yennaa hedduu ture.
17
Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate. Innille deebisee, «Ee, hin jirti; ati harka mootii Baabiloniititti dabarfantee hin kennanta» jedhe.
18
Achiin duuba Ermiyaas mooticha Zedeqiiya'aan, «Ani maan si yakke? Tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti irralle'etti yakkaa maan hujeef na hiisitte?
19
Raagoti teeti, ta ‹Mootiin Baabilonii si'ii fi lafa tana hin lolu› jedhanee raagane eessa jiran?
20
Ee goottaa kiyya mooti'i! Maganne'e waan ani sitti himadhu akka naaf dhageettu si kadhadha! Ani achitti akka hin duune deebittee mana Yonaataanii barreessichaatitti na hin hiisisin!» jedhe.
21
Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture.
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 38 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52