bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 3
Jeremiah 3
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 4 →
1
Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi'ee isii galfatiisa dande'aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi'uu barbaaddaa ree?
2
Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite.
3
Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma'aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta.
4
«Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete,
5
ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe.
6
Bara Yosiyaas mootii te'eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa'eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti.
7
Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti.
8
Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte.
9
Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka'aa fi muka waaqonfatte.
10
Tun marti teetee, obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe.
11
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa'elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha'a.
12
Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa'elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi'i; ani mararaa waan te'eef haganaa achi ila aari'iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru.
13
Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi.
14
«Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te'eef, gara kiyya deebia'a'a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida.
15
Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti'iin isin hin sooressan.
16
Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu.
17
Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu.
18
Bara san sanyiin Yihuda'aatii fi sanyiin Israa'elii lafa kaabaa ta itti booji'amane irraa wolitti deebi'anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan.
19
«Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf, akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada. Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta; ‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.
20
Ee sanyii Israa'elii, isin ammoo akka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee, isinille naaf hin addatanne» jedhe.
21
Kolbaan Israa'elii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee, karaa cubbu'uu waan hordotteef, iyyi bowiisaatii fi daadimata isaanii qaccee koobota goddu'uu irraa hin dhage'anti.
22
Isin kolbaan addatamummaa hin qanne, addatamumma'aan gara isaa deebi'a'a! Inni adde'etti isin deebisee, worra addatamaa isin hin godha. Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te'eef, gara isaa hin deebina.
23
Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma'a; dhugumaan Israa'el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti.
24
Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane.
25
Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52