bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 33
Jeremiah 33
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 34 →
1
Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna Galma Waaqaa duraa keessatti mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara isaa dhufee,
2
«Mootii Waan Maraa ka lafa dade, ka akka itti godhee addee isi'iititti dhaabe, ka maqaan isaa ‹Mootii Waan Maraa› jedhame,
3
inni, ‹Na waammadhu! Anille si'iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin hima› jedha.
4
Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, marroo mana qachaa Yerusaalemiitii fi marroo mana mootummaa Yihuda'aa, ka dhakaa mana saniitiin dalleya dhaka'aa ka qacha'aa jabeeffatanee, kaabii loltooti Baabilonii itti marsanee fi lola worra Baabilonii ifi irraa dhooggatiisaaf, akka itti fayyadamanuuf diigamuutiif,
5
‹Namooti qachaa sanii worra Baabilonii loliisaaf hin bayan; ammoo marroo hammeenna isaaniitiif ani fuula kiyya isaan irraa waan deebifadhuuf, reeffi namoota ani aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun ijjeesuu achi keessa hin guuta.
6
Te'uu malee ani qachaa kana ade'etti deebisee, kolbaa isa keessaalle fayyisee, bidhaa malee nageyaan akka le'anu hin godha.
7
Ani worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessaa booji'ame, deebisee fidee akka duriititti isaan hin deebisa.
8
Ani yakkaa isaan na yakkane mara isaan irraa hin qulqulleessa; cubbuu isaan na finqilane mara isaaniif hin araarama.
9
Achiin duuba qachaan kun qachaa maqaan kiyya ittiin beekkamu, ka ani ittiin gammadu, gosa biyya adda addaa worra waan dansaa ani qachaa kanaaf godhe kana mara dhage'e duratti, waan ani ittiin leellifamuu fi ittiin ulfaadhu hin te'a; kolbaan tun waan dansa'aa fi qananummaa ani qachaa kanaaf kennu mara dhaggitee sodaattee hin hollatti› jedha.
10
«Isin marroo addee tanaa, ‹Latti tun goomolee duwwaa, ta namii fi horiin keessa hin jirre› jettan; te'uu malee qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii ka namii fi horiin keessaa dhabamanee goomolee duwwaa hafe kana keessatti deebi'ee,
11
Worra lafa tana keessaa booji'amane akka duriititti waan isaan deebisuuf, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoon worra faaru'uun galateeffataa, gara Galma Waaqaa dhufuu ta, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade dansaa waan te'eef, jaalalli isaalle ka bara baraa waan te'eef, isa galateeffadha'a› jedhuu hin dhage'anti» jedhe.
12
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Addee goomolee duwwaa ta namii fi horiin keessa hin jirre tana keessatti, qachoota isi'ii mara keessalle'etti, tissitooti addee horiin tikatuu fi addee horiin ciisu deebi'anee hin dhaggatan.
13
Qachoota kooba irraa keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba kana'aanii lafa Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessaatii fi qachoota Yihuda'aa keessatti, tissitooti horii ifii hin toowatan» jedha.
14
Mootiin Waan Maraa, «Barri ani waadaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiifille gale muummessu hin dhufa.
15
Bara sanii fi yennaa san ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchaa hin kaasa; inni lafa irratti haqaa fi waan sirrii te'e hin huja.
16
Bara san kolbaan Yihuda'aa hin fayyiti; kolbaan Yerusaalemiille nageyaan hin leeti. Bara san qachaa Yerusaalemii, ‹Waaqi balchummaa teenna› jedhanee hin waaman.
17
Sanyii Daawitii keessaa barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'ee, Israa'elii ka bulchu ijjumaa hin dhabamu.
18
Hayyoota sanyii Lewwi'ii keessaa worra yennaa mara kennansa gubamu dhikeessiisaaf, kennansa midhaanii gubiisaaf, ciincaa dhikeessiisaafille, nami fuula kiyya dura dhaabbatu hin dhabamu» jedha.
19
Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
20
«Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, seerata ani murteesse, isin keessaa eennulle yoo diiguu dande'e qofa,
21
tajaajilaa kiyya Daawitii fi Lewwoota hayyumma'aan na tajaajilanu woliin gondooroon ani gondooradhe diigamuu dandeetti; Daawitille sanyii barcumaa mootummaa isaa dhaaltu hin dhaggatu.
22
Sanyii tajaajilaa kiyya Daawitiitii fi hayyoota sanyii Lewwootaa worra ana tajaajilanuu akka urjoota ol-gubba'aa ta laakkowamuu hin dandeenneetii fi akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaramuu hin dandeennee hin baceessa› jedha» jedhe.
23
Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
24
«Kolbaan tun, ‹Mootiin Waan Maraa mootummoota filate, lamaanuu amma lakkiseera› jedhannee akka dubbatanu ati hin hubannee? Maarre isaan kolbaa tiyya tuffataneeran; akka kolba'aatitti isaan hin laakkonne.
25
Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, ka seerata murteesse, ol-gubba'aa fi lafaaf seera hin jijjiiranne ka dhaabe na yoo hin te'in qofa,
26
ani sanyii Yaaqoobiitii fi sanyii Daawitii tajaajilaa kiyyaa lakkisee, sanyii Daawitii keessalle'ee, sanyii Abrahaamii, sanyii Yisihaqiitii fi sanyii Yaaqoobii irratti mootii ka te'u hin filu jechu'u; ammoo worra booji'ame deebisee fidee, isaaniif hin marara› jedha» jedhe.
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52