bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 40
Jeremiah 40
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 41 →
1
Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, Raama'atti Ermiyaas hiikeen duuba jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe; yennaa san Ermiyaas worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa booji'anee wodaroo sibiilaatiin hidhanee gara biyya Baabilonii geessane woliin jiraayyu.
2
Ajajaan eeddotaa yennaa Ermiyaas dhagge, qofitti isa baasee, «Mootii Waan Maraa Waaqi keeti lafa tanatti badii akka fidu dubbateeraayyu.
3
Amma badii san itti fideera; waan dubbate sanille muummesseera; sababa isin kolbaan Yihuda'aa cubbuu hujjanee isaaf ajajamiisa diddaneef, wonni kun marti isin irratti teete.
4
Kunoo ani adha wodaroo sibiilaa harka keeti irraa hiikee gad lakkisaara. Ati na woliin gara Baabilonii dhaquu yoo jaalatte, koy; anille waan dansaa si'iif hin godha; ati na woliin gara Baabilonii dhaqiisa yoo hin barbaadin ammoo hin dhaqin. Kunoo, latti Yihuda'aa marti si dura jirtii, gara jaalatte deemi!» isaan jedhe.
5
Ermiyaas deebii adoo hin deebisin, Nebuzaraadaan, «Gara Gadaaliyaa ilma Ahiiqaamii, akaakoo Shaafaanii, ka mootiin Baabilonii qachoota Yihuda'aa irratti bulchaa godhe sanii deebi'iitii isa woliin kolbaa odduu le'i yookiin gara jaalatte deemi» jedhee, kennansa isaaf kennee, galaalle isaaf galaasee gad isa lakkise.
6
Maarre Ermiyaas gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii, ka Miisphaa jiruu dhaqee, isa woliin odduu kolbaa biyyatti hattee le'e.
7
Ajajjooti loltootaatii fi loltooti Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti, mootiin Baabilonii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa biyya irratti bulchaa akka godhe, worra hiyyeeyyii dhiira, dubarti'ii fi ijoollee gara biyya Baabilonii adoo hin booji'amin biyyatti hafane irratti itti gaafatamaa akka godhe yennaa dhage'ane,
8
ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmaan Qaareha'aa Yohaanaannii fi Yonaataan, ilmi Tanhumetii Seraayaan, ilmaan Efaayii nama qachaa Netofiitii fi ilmi Yaazaaniyaa nama biyya Ma'aakii namoota ifii mara woliin gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhaqane.
9
Akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan worra gara isaa dhaqane kanaaf kakatee, «Worra Baabiloniititti harka kennatiisa hin sodaatina'a; lafa tana keessa qubadha'aatii mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni dansaalle isiniif hin teeti.
10
Anille Miisphaa keessa le'ee, worri Baabilonii yennaa as dhufanu addee teessan bu'ee isiniif hin falmadha; isin ammoo midhaan woyni'ii, zayitii ejersaatii fi midhaan muka adda addaa wolitti qabadha'aatii okkote'etti kuufadha'aa qachaa qabattane kana keessa le'a'a» jedhe.
11
Worri Yihudootaa ka Mo'aab, Amooni, Edoomii fi biyya dhibii keessa le'anu marti mootiin Baabilonii biyya Yihuda'aa keessatti Yihudoota garii akka hamburee fi akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa isaanii akka godhe yennaa dhage'ane,
12
Yihudooti marti addee itti bittinnowane mara keessaa deebi'anee, gara biyya Yihuda'aa, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee, midhaan muka woyni'iitii fi midhaan muka adda addaa bacaa wolitti qabatane.
13
Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee,
14
«Mootiin Amoonii Ba'aalis si ijjeesiisaaf ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el akka sitti erge ati hin beettuu?» jedhaneen; ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo waan isaan jedhane hin dhugeeffanne.
15
Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaan Miisphaa keessatti dhossa'aan Gedaaliya'atti dubbattee, «Nami tokkolle adoo hin beekin ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el ani hin ijjeesa; Yihudooti si biratti wolitti qabante marti akka bittinnoottuu fi worri biyya Yihuda'aa keessatti hafelle akka baduuf inni maaf si ijjeesuu barbaada?» jedhe.
16
Ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo, ilma Qaarehaa Yohaannaaniif deebisee, «Lakkii, ati waan akkasii hin godhin; marroo Ishimaa'elii wonni ati dubbattu dhuga'aa moti» jedhe.
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 41 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52