bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 41
Jeremiah 41
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 42 →
1
Wogguma san keessatti ji'a torbeesso'oo sanyii moototaa keessaa, ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ka te'e, akaakoon Eliishaama'aa ilmi Netaaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii Miisphaa dhufe; isaan Miispha'atti wolitti qabamanee nyaatiisatti adoo jiranuu,
2
ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti kudhan ka isa woliin jiranu akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa ka mootiin Baabilonii Yihudaa irratti bulchaa godhe san shallaaga'aan ijjeesane.
3
Ishimaa'el Yihudoota worra Gedaaliyaa woliin Miisphaa jiranu mara, loltoota Baabilonii ta achi jirtulle ijjeese.
4
Gedaaliyaan akka ijjeefame nami tokkolle adoo hin beekin, boruyyaa ganama,
5
namooti saddeettam gaddaan areeda haadatanee, woyaa ifii tarsaasanee, nafa ifii mummuranee Sheekem, Shiilo'oo fi Samaariyaa irraa kennansa midhaaniitii fi hixaana qabatanee, gara Galma Waaqaa dhufane.
6
Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el Miispha'aa ka'ee isaan qophatiisaaf, bowaa gara isaanii dhufe; inni yennaa isaan bira geye, «Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii kowa'a» isaaniin jedhe.
7
Isaan yennaa qachaa seenane ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti isa woliin jiranu isaan ijjeesanee boolla bisaaniititti gatane.
8
Namoota saddeettama san keessaa nami kudhan ammoo Ishimaa'eliin, «Nuuti qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi damma fichaa keessatti dhoffanneerra; maganne'e nu hin ijjeesin» jedhane; maarre inni worra kaan woliin isaan hin ijjeenne.
9
Boolli bisaanii guddoon ta Ishimaa'el reeffa namoota shallaaga'aan ijjeesee keessa buuse sun ta mootiin Yihuda'aa Aasaan mootii Israa'elii Baashaan woliin yennaa lole qochisiise; ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el reeffa worra ijjeesee boolla sanitti guute.
10
Achiin duuba Ishimaa'el kolbaa Miisphaa keessatti hafane mara: ijoollee durraa ta mootichaatii fi worra Miispha'atti hafane ka Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, akka ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan isaan bulchu godhe san mara booji'ee, gara biyya Amoonotaa fudhatee deeme.
11
Ilmi Qaareha'aa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu marti yakkaa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el huje mara yennaa dhage'ane,
12
loltoota ifii wolitti qabatanee ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el loliisaaf dhaqane; isaan baleessa guddaa ka Giibe'on keessaa biratti isa dhaqqabane.
13
Kolbaan Ishimaa'el woliin jirtu marti ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ta isa woliin jirtu yennaa dhaggane gammadane;
14
kolbaan Ishimaa'el Miishipa'aa booji'e marti deebi'anee gara Yohaannaanii ilma Qaarehaa deemane.
15
Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ammoo namoota saddeeti woliin isa jalaa miliqanee gara biyya Amoonotaa baqatane.
16
Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu mara woliin, namoota worra ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa Miishipa'atti yennaa ijjeese san worra booji'ee Giibe'on keessaa fide mara: loltoota, dubartoota, ijoolle'ee fi worra mana mootichaa keessa hujanu mara deebifatane.
17
Jarri tun Worra Baabilonii jalaa miliqiisaaf ka'anee Betlihem bira Kiimhaa qubatane; achii ka'anee gara biyya Gibxi'ii deemiisaaf qophowane;
18
Sababa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa, ka mootiin Baabilonii bulchaa godhe ijjeeseef, isaan worra Baabilonii waan sodaataneef, gara biyya Gibxi'ii baqatane.
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 42 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52