bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 17
Jeremiah 17
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 18 →
1
Mootiin Waan Maraa, «Cubbuun kolbaa Yihuda'aa feenii sibiilaatiin, arfii dhakaa almaaziitiin gadhaa isaaniitii fi gaafa addee ciinca'aa ka isaanii irratti qiriixantee barreeffanteerti.
2
Ijoolleen isaaniituu addee ciinca'aa ta isaaniitii fi utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu, ta muka bisilee jalaatii fi ta koobota dhedheertuu irraa qaabatan.
3
Sababa cubbuu biyya teessaniitiif, gaara kiyya ka lafa teessan keessa jiru, qabeenna keessanii fi karra teessan mara addee waaqonfanna'aa woliin akka saamamu hin godha.
4
Balleessaa teessaniif lafa ani isinii kenne dhaddan; aariin tiyya akka ibiddaa haga bara baraa akka bobeettu waan gootaneef, lafa isin hin beenne keessatti diinota keessaniif garba isin tolcha» jedha.
5
Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Nami namatti addattu, ka nama foon uffatetti irkatee, jabeenna ifii godhatu, ka gadhaan isaa Mootii Waan Maraa irraa fagaate, ka abaarame.
6
Inni akka tusee goomolee keessaa hin te'a; wonni dansaan yennaa dhuttu hin dhaggu. Lafa sooddaa ta nami keessa hin jirre, addee godduu goomolee keessa hin le'a.
7
Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu, ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.
8
Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee, ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te'a. Muki sun o'i yennaa dhufu hin sodaatu; baalli isaa yennaa mara bisile'e. Bara oola'aa hin yaadu; midhaan buusiisa hin lakkisu.
9
Qalbiin namaa waan mara caalaa dabaalettii qajeeluu hin dandeenne. Eentu isii hubatuu dande'a ree?
10
Ani Mootiin Waan Maraa nama maraaf akka ideensa isaatii fi akka hujii isaatitti gatii isaaf kenniisaaf, gadhaa namaatii fi qalbii namaa qorqoree hin ilaala» jedha.
11
Nami dabaan karra wolitti qabatu, akka gororrii quuphaa ifii hin buusin dhoofattuu ti; wodhakkaa bara jiruu isaatitti wonni inni wolitti qabate sun marti, isa lakkittee hin dhumatti; muummee irratti inni gowwaa akka te'e hin mirkanootti.
12
Barcumaan mootumma'aa ka ulfinnaa, durii jalqabee ka saadame, addee Dunkaanii Woyyittii teennaa ti.
13
Ee Mootii Waan Maraa, addii Israa'elii, worri si lakkisu marti hin fokkifatan. Worri si irraa duubatti deebi'u, bisaan madda jiru'uu ka teete, si Mootii Waan Maraa waan lakkisaneef, akka barreeffama bukuu irraa ti.
14
Ee Mootii Waan Maraa, ati ka ani leellifadhu waan teeteef, na fayyisi, anille hin fayya; na baasi, anille hin baya.
15
Kolbaan, anaan, «Jechi Mootii Waan Maraa eessa jira? Me amma muummowuu ti» jedhiisatti jirti.
16
Ani akka ati na ajajetti tissee te'iisa hin lakkinne; guyyaan hamaan akka dhufu akka ani hin halchin hin beetta; wonni ani dubbadhe marti si duratti ifa.
17
Na hin sodaachisin; guyyaa rakkinnaa addeen ani itti baqadhu si'i.
18
Worri na miidhu fokkifatuu ti; ani ammoo hin fokkifatin. Isaan bararaqanuu ti; ani ammoo hin bararaqin. Guyyaa badi'ii isaanitti fidi; badii dacha'aan isaan balleessi.
19
Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii, karra kolba'aa, ta moototi Yihuda'aa ittiin ol seenanuu fi gad bayanu dura, karra Yerusaalemii ta dhibiille mara dura dhaabbadhuutii,
20
isaaniin, ‹Isin moototi Yihuda'aa, kolbaan Yihuda'aa maraa fi worri Yerusaalem keessa leetanu karra tanaan worri ol seentanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin» jedhe.
21
Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa Sanbataa ba'aa hin ba'atina'a; karra Yerusaalemiitille'een akka ol hin seensinne lubbuu teessaniif ifi eegadha'a.
22
Akkuma ani abbootii teessan ta durii ajaje, woyyummaa guyyaa Sanbataa eega'a malee, ba'aa ba'attanee mana keessanii hin bayina'a; hujii tokkolle hin hujina'a.
23
Isaan ammoo hin dhageenne yookiin itti hin xiyyeeffanne; isaan akka hin dhageenne yookiin gorsa akka hin fudhanne mataa jabaatane.
24
Isin ammoo akka dansaa yoo naa ajajantane, guyyaa Sanbataa ba'aa ba'attanee karra qachaa kanaatiin yoo ol hin seenin, hujii tokkolle hujuu dhaddanee, woyyummaa guyyaa Sanbataa yoo eeddane,
25
moototi barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'anu qondaaltota ifii woliin karra qachaa kanaatiin ol hin seenan; isaanii fi qondaaltoti isaanii fardo'oo fi Garreettaa fardaan harkifamu irra tee'anee, worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'u woliin hin dhufan; qachaa kana keessa haga bara baraa nami hin le'a.
26
Namooti qachaa Yihuda'aa keessaa, olloota adaala Yerusaalemiitii, lafa Beniyaaminiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuutii, biyya koobitti'ii fi biyya goomolee kibba Kana'aaniitii, kennansa gubamu fi ciincaa, kennansa midhaanii, hixaanaa fi kennansa galataa qabatanee gara Galma Mootii Waan Maraa hin dhufan.
27
Isin ammoo naaf ajajamuu yoo diddane, woyyummaa guyyaa Sanbataa eegiisa yoo dhaddane, ba'aa ba'attanee karra Yerusaalemiitiin yoo ol seentane, karra Yerusaalemii keessatti ibidda hin dhaanne ka dalleya dhaka'aa Yerusaalemii nyaatee balleessu hin qassiisa» jedhe.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52