bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 12
Jeremiah 12
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 13 →
1
Ee Mootii Waan Maraa, yennaa ani haajaa kiyya si duratti dhikeeffadhu, ati yennaa mara balcha'a; ani haajaa kiyya si dura dhikeeffadha; te'uu malee marroo muraa haqaa waan si gaafadhu qaba. Worri hamooleen maaf qananooman? Worri hin addatanne maaf milkowan?
2
Ati isaan dhaaddeerta; isaanille hidda yaafataneeran; isaan guddatanee midhaan buusaneeran; Isaan afaan ifiitiin ulfinna si'iif kennan; gadhaa ifiitiin ammoo si irraa fagoo jiran.
3
Ee Mootii Waan Maraa! Ati ammoo na hin beetta; na hin dhaggitalle'e; yaada ani si'iif qabu hin qorqorta. Worra hamoolee kana akka hoolee qalmaaf oofanuu, isaan harkisii baasiitii, guyyaa qalmaatiif adda baasi.
4
Latti haga yoomii goddi? Marri diida maraa haga yoomii qoora? Sababa worra hamoolee lafa san keessa le'uutiif, sababa isaan, «Waan nu irratti te'u kana Waaqi hin dhaggu» jedhaneef, bineensotii fi sinbirrooti dhumataneeran.
5
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ee Ermiyaas, ati worra miilaan rukkisu woliin rukkittee, eega isaan si dadhassiisanee, abbootii fardaa woliin attam doggomuu dandeetta ree? Ati lafa qaaleyaatitti eega jiddee, Gongomaa Yordaanosii keessatti attam teeta ree?
6
Obboleeyyan teetii fi maatiin teetiiyyuu sitti malaneeran; isaan qoonqoo guddo'oon sitti iyyiisatti jiran; waan dansaa sitti dubbatanulle, isaan hin addatin.
7
Ani kolbaa tiyya Israa'el lakkiseera; kolbaa tiyya ta jaaladhu harka diinota isaaniititti dabarsee kenneera.
8
Kolbaan tiyya akka neenqa gongomaa keessaa natti teeteerti; isaan dhangaa natti dhowane; anille isaan jibbe.
9
Kolbaan tiyya akka sinbirree jajju'uun marfante teetee motii ree? Dhaqa'aatii bineensota mara wolitti qaba'a; isaan dhufanee kolbaa tiyya nyaatanuu ti.
10
Tissitooti hedduun fichaa muka woynii tiyyaa balleessiteerti. Fichaa kiyyalle irra sirbiteerti; fichaa kiyya ka na gammachiisu goomolee duwwaa godhaneeran.
11
Isaan fichaa san goomolee duwwaa waan godhaneef na duratti gogee oneera. Nami isi'iif haajamu waan hin jirreef, Latti duudiin goomolee teeteerti.
12
Shallaagaan Mootii Waan Maraa qaccee lafaa gara tokkoo kaasee, haga qaccee taaniititti waan balleessuuf, worri lafa balleessu koobota godduu mara hin qabatan; nami nageyaan hafu tokkolle hin jiru.
13
Isaan qamadii hin facaafatan; ammoo qoree haammatan. Isaan hin elowan; ammoo womaa hin dhaggatanu. Sababa aarii Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeetuutiif, midhaan isaan galfatanu waan badeef, hin qaanowan» jedhe.
14
Mootiin Waan Maraa, «Olloota kiyya worra hamaa ka lafa ani kolbaa tiyya Israa'eliif kenne qabatanu mara, ani lafa isaanii irraa isaan hin buqqisa; kolbaa Yihuda'aalle odduu isaaniitii buqqisee hin baasa.
15
Isaan buqqiseen duuba ammoo deebi'ee isaaniif hin marara; tokko tokkoo isaanii gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaaniititti isaan hin deebisa.
16
Isaan akka kolbaan tiyya itti leetu le'iisa akka dansaa yoo baratane, akkuma kolbaa tiyya maqaa Ba'aaliitiin kakatiisa barsiisane, amma ammoo deebi'anee kolbaa tiyya woliin, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee› jedhanee kakatiisa yoo baratane, isaan kolbaa tiyya odduu hin le'an.
17
Kolbaa na hin dhageenne ammoo ijjumaa buqqisee hin balleessa» jedha.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52