bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 20
Jeremiah 20
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 21 →
1
Dura bu'aan Galma Waaqaa, ilmi Iimerii hayyichi Phashihur, Ermiyaas raaga kana raaguun yennaa dhage'e,
2
raagicha Ermiyaas dhaanee, karra Galma Waaqaa ta Beniyaaminii ta gatiiti'iititti miila isaa jirma lama wodhakkaa galchee hidhe.
3
Boruyyaa Phashihur yennaa jirma lama san wodhakka'aa Ermiyaas hiike, Ermiyaas isaan, «Haganaa achi Mootiin Waan Maraa, ‹Maagor Miisaabiib › jedhee si waama malee ‹Phashihur› si'iin hin jedhu» jedhe.
4
Mootiin Waan Maraa, «Si'ii fi jaalota teeti mara akka bararaxxanu hin godha; adoo ati ilaan dhaggituu shallaagaa diinotaatiin hin dhumatan; ani kolbaa Yihuda'aa mara harka mootii Baabilonii ka isaan booji'utti yookiin ka isaan ijjeesutti dabarsee hin kenna.
5
Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan.
6
Ee Phashihur, atii fi worri mana keeti keessa le'u marti gara Baabilonii booji'antanee hin deentan; ati jaalota teeti ta raaga dharaa isaaniif raadde mara woliin duutee, achitti hin awwaalanta» jedhe.
7
Ee Mootii Waan Maraa! Ati na sodde; anille sobame. Ati na caalaa jabaa waan teeteef na injifatte. Guyyaa mara nami natti murga; nami marti natti kolla.
8
Ani yennaa dubbadhu mara qoonqoo ol qabadhee, marroo hunnaan nama irratti ka'iisaatii fi marroo badi'ii dubbadha; guyyaa mara Jechi Mootii Waan Maraa arrabaa fi qaanii natti fide.
9
Ani ammoo, «Haganaa achi maqaa waaqaa hin dhowu; maqaa isaatille'een waan tokkolle hin dubbadhu» yoo jedhe, jechi isaa gadhaa kiyya keessatti akka ibiddaa bobe'ee, lafee tiyya keessa lixe. Ifi keessatti qabatiisa dadhabe; ijjumaa hin dandeenne.
10
Ani worri bacaan hasaasaa, «Bararaqi addee mara jira; waan inni jedhe hima'a! Kowa'a waan inni jedhe hinnaa!» jedhanuun dhage'e. Jaaloti tiyya marti, «Inni hin sobama fa'a te'a; achiin duuba isa injifannee, haluu teennalle isa hin baana» jedhaa gufatiisa kiyya eegan.
11
Mootiin Waan Maraa ammoo akka loltuu jabaa jannaa na woliin jira; tanaaf worri na ari'u hin jiga malee na hin injifatu. Isaan akka malee qaanowan malee wonni isaan yaadanu isaaniif hin teetu. Salphinni isaaniille ijjumaa hin dedhamu.
12
Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, ka balchaa haga ilaaltu, ka gadha'aa fi qalbii qorqortu, haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf, yennaa ati isaan haluu baatu, ani isaan dhagguu ti.
13
Mootiin Waan Maraa lubbuu worra rakkata'aa harka worra hamoole'ee keessaa waan baaseef isaaf faarsa'a; isa leellifadha'a.
14
Guyyaan ani dhaladhe ka abaarame te'uu ti! Guyyaan haati tiyya na deette hin eebbifamin!
15
Nami abbaa kiyyaan, «Ilmi si'iif dhalateera» jedhee, oduu gammadaa itti himee isa gammachiisu ka abaarame te'uu ti.
16
Nami sun akka qachaa marartii malee Mootiin Waan Maraa balleessee te'uu ti! Ganama bowa, orraa iyya lolaa dhage'uu ti!
17
Sababille inni gadhaa haadha tiyyaa keessatti na hin ijjeenne; silaa isiin addee awwaalaa naaf teetee, haga bara baraa gadhaachottee turtiiyyu.
18
Ani rakkinnaa fi gadda dhaggiisaaf bara kiyya qaani'iin muummeffatiisaaf gadaamessa haadha tiyyaa keessaa maaf baye?
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52