bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 16
Jeremiah 16
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 17 →
1
Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
2
«Ati addee tanatti niitii hin fuudhin; ilmaan yookiin ijoollee durraalle hin uumatin.
3
Ilmaanii fi ijoolleen durraa ta asitti dhalatanu, haadhoti'ii fi abbootiin isaanii,
4
dhukkuba hama'aan hin du'an; nami isaaniif bowu yookiin isaan awwaalu hin jiraatu. Isaan akka cego'oo lafatti hin gataman; shallaaga'aa fi beelaan hin badan; allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'an» jedhe.
5
Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya kiyya, jaalala kiyya ka bara baraatii fi marartii tiyya kolbaa tana irraa waan fudhadheef, mana bowaa hin seenin; bowiisaaf yookiin gaddisaaf hin dhaqin.
6
Lafa tanatti worri gugurda'aa fi didiqqaan hin du'an; nami isaan awwaalu yookiin isaaniif bowu hin jiraatu; nami isaaniif ifi amaaxu yookiin mataa ifii haadatulle hin jiraatu.
7
Worra nami irraa du'eef gaddu san jajjabeessiisaaf, nami haqaqoo geessuu hin jiraatu; worra abbaan yookiin haati irraa duuteeyyuu jajjabeessiisaaf daadhii woyni'ii nami geessu hin jiraatu.
8
Isaan woliin teettee nyaattee uniisaaf mana jilaa hin seenin» jedha.
9
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Kunoo, ani fuula keessan duratti, bara keessanitti, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii addee tana keessaa hin balleessa.
10
Ati waan kana mara kolbaa tanaaf yennaa hintu, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa badii guddoo tana maaf nutti dubbata? Yakkaan teenna maan? Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuun nuuti hunye maan?› jedhanee yoo si gaafatane,
11
ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan ta durii na lakkittee, waaqota dharaa ka dhibii hordottee, tajaajiltee waan waaqonfatteef tun teete; isaan na lakkisane; seera kiyyalle hin eegane.
12
Isin ammoo abbootii teessan ta durii caalaa waan hantuu hujjane; tokko tokkoon keessan naaf ajajamiisa irra mataa jabeennaan hammeenna gadhaa keessanii attam attam akka hordottanu ilaala'a.
13
Tanaaf ani lafa tana keessaa isin baasee, lafa isinii fi abbootiin teessan ta durii hin beenne keessatti isin hin gata; ani waan isiniif hin marareef, isin achitti waaqota dharaa ka dhibii halkanii fi guyyaa hin tajaajiltan jedha› jedhiin» jedhe.
14
Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Guyyaan namooti, ‹Dhugaa Waaqaa jiraataa, Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baasee› jedhanee hin kakanne hin dhufa;
15
ammoo ani gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenneetitti waan isaan deebisuuf, ‹Dhugaa Waaqa jiraataa Israa'eloota lafa kaabaa keessaa fi biyya isaan itti bittinneesse mara keessaa baasee fidee› jedhanee hin kakatan» jedhe.
16
Mootiin Waan Maraa, «Amma ammoo ani akka qurxummi'ii worra kana akka guuranu nama hedduu hin erga; isaanille isaan hin guuran; achiin duuba adamsitoota hedduu hin erga; isaanille gaara mara irra, kooba mara irraa fi goda rassa'aa keessa isaan hin adansan.
17
Ani waan isaan hujanu mara hin dhagga; isaan fuula kiyya duraa dhokatuu hin dande'anu; cubbuu isaaniille fuula kiyya duraa ta gollanteertuu moti.
18
Isaan fakkii fokkisiittuu lubbuu hin qanneen lafa tiyya waan batteessaneef, waaqota dharaa battii sanille'een lafa tiyya waan guutaneef, sababa hammeennaa fi cubbuu isaaniitiif adabbii dachaa isaanitti hin fida» jedha.
19
Ee Mootii Waan Maraa! Ati jabeennaa fi gollata kiyya; guyyaa rakkinnaalle addee ani itti baqadhu. Gosi biyya adda addaa lafa mara irraa dhufanee, «Abbootiin teenna ta durii waaqonfannaa dharaa, waaqota dharaa ka bu'aa hin qanne ka waan dansaa isaaniif hin goone malee, womaa hin qabanuuyyu» hin jedhan.
20
Mootiin Waan Maraa, «Nami ifiif waaqa dharaa hujatuu dande'aa? Eeti'i! Ammoo Waaqa dhuga'aatii moti.
21
Tanaaf ani isaan hin barsiisa; amma ani hunnaa tiyyaa fi jabeenna kiyya isaan hin barsiisa; achiin duuba isaan maqaan kiyya Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedha.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52