bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 28
Jeremiah 28
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 29 →
1
Jalqaba bara Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'e, woggaa arfeesso'oo wogguma san, ji'a shaneesso'ootitti, ilmi Azurii Hanaaniyaan raagichi nami qachaa Giibe'onii Galma Waaqaa keessatti hayyootaa fi kolbaa mara duratti Ermiyaasiin,
2
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Waanjoo mootii Baabilonii hin cassa;
3
Meya Galma Mootii Waan Maraa ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, addee tanaa gara Baabilonii geesse mara, woggaa lama keessatti deebisee gara addee tanaa hin fida.
4
Ani Waanjoo mootii Baabilonii waan cassuuf, mootii Yihuda'aa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniya'aa fi worra isa woliin booji'amee gara Baabilonii dhaqe maralle gara addee tanaa deebisee hin fida› jedha» jedhe.
5
Achiin duuba ani raagichi Ermiyaas hayyootaa fi kolbaa Galma Mootii Waan Maraa keessa dhaabbataneeranu mara duratti Hanaaniya'aan,
6
«Ameen! Mootiin Waan Maraa akkuma ati jette godhuu ti; meya Galma Mootii Waan Maraatii fi worra booji'ame mara Baabilon keessaa gara addee tanaa deebisiisaan Mootiin Waan Maraa raaga ati dubbatte kana muummessuu ti!
7
Te'uu malee, waan ani si'itti, kolbaa tanalle'etti dubbadhu caqasi.
8
Raagoti durii worri anaa fi si'iin duraa biyya heddu'uu fi mootummoota gugurdoo irratti lolli, badi'ii fi balaan akka dhufu raaganeeran.
9
Ammoo raagichi tokko marroo nageyaa raagee, raagi isaa sun yoo muummowe, Mootiin Waan Maraa dhugumaan akka isa erge hin beekkama» jedhe.
10
Achiin duuba Hanaaniyaan raagichi waanjoo morma ana raagicha Ermiyaas irraa fuudhee cassee
11
kolbaa mara duratti, «Mootiin Waan Maraa, ‹Woggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezaarii mootii Baabilonii morma gosa biyya adda addaa mara irraa akkuma kana hin cassa› jedha» jedhe; achiin duuba ani raagichi Ermiyaas karaa kiyya deeme.
12
Hanaaniyaan raagichi waanjoo san morma Ermiyaasii irraa fuudhee eega casse yennaa diqqo'oon duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
13
«Dhaqii Hanaaniya'aan, Mootiin Waan Maraa, ‹Ati waanjoo mukaa cassiteerta; addee waanjoo saniititti waanjoo sibiilaa hujjee bakka hin buutta jedha› jedhiin» jedhe.
14
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Mootii Baabilonii Nebukadnezaar akka tajaajilanuuf morma gosa biyya adda addaa tana maraa irra waanjoo sibiilaa hin keya; isaanille isa hin tajaajilan; akka inni bineensotalle bulchu hin godha» jedha.
15
Achiin duuba raagichi Ermiyaas, Hanaaniyaa raagichaan, «Hanaaniya'a, caqasi! Ati Mootiin Waan Maraa adoo si hin ergin kolbaan tun dharatti akka addattu gooteerta;
16
tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani lafa irraa si hin balleessa; ati kolbaan tun ana Mootii Waan Maraa irratti akka kaatu waan gooteef, wogguma tana hin duuta› jedha» jedhe.
17
Hanaaniyaan raagichille baruma san ji'a torbeesso'ootitti du'e.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52