bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 27
Jeremiah 27
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 28 →
1
Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
2
«Waanjoo hujiitii hudhaa isaatiin morma keetitti hidhadhu.
3
Karaa ergantoota worra gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa ergamanee Yerusaalem dhufaneetiin gara mootota Edoomii, Mo'aabii, Amoonotaa, Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaansa ergi.
4
Dhaansa kana goottolee ifiititti akka himanu ajaji; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii
5
goottolee teessaniin, ‹Ani hunna tiyya guddo'oo fi irree tiyya jaddu'uun lafa, kolba'aa fi bineensota lafa irra jiranu mara dadeera; ani nama isaaf kenniisa barbaadeef isii hin keenna.
6
Ani amma biyya tana mara harka tajaajilaa kiyya Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; bineensotille akka isa tajaajilanuuf isaaf kenna.
7
Haga guyyaan biyyi isaa qabatantu dhufutti, gosi biyya adda addaa marti isa, ilma isaatii fi ilma ilma isaa hin tajaajilan; achiin duuba gosi biyya adda addaatii fi moototi hunnaameyyiin garba ifii isa hin godhatan.
8
« ‹Kolbaa yookiin mootummaa Nebukadnezaarii mootii Yihuda'aa hin tajaajille yookiin waanjoo isaa jalatti morma ifii gad qabattee, waanjoo mootii Baabilonii hin ba'anne ammoo ani haga kolbaa san harka mootii Baabiloniitiin ijjumaa balleessutti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin adaba jedha› jedha'aatii hima'a.
9
Tanaaf, isin raagota keessanii fi mortoota teessan, worra oojjuu hiiku, worra ekeraa dubbisu, worra xanoo xanu ka ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhanu hin caqasina'a.
10
Isaan akka lafa teessan keessaa baatanu, akka ani isin balleesseeruun baddanu, raaga dharaa isiniif raagan.
11
Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa morma ifii gad qabattee waanjoo mootii Baabilonii ba'attee isa tajaajiltu ammoo lafa ifii keessa teettee akka qotattu hin lakkisa› jedha» jedhe.
12
Anille erguma tana mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'atti himee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Morma keessan gad qabadha'aatii waanjoo mootii Baabilonii ba'adha'a. Isa fi kolbaa isaa tajaajila'a. Tana yoo gootane jiru'uun hin jiraattan› jedha.
13
Atii fi kolbaan teeti shallaagaa, beelaa fi balaa Mootiin Waan Maraa kolbaa mootii Baabilonii hin tajaajilletti fidiisaaf dubbate saniin maaf dhumattan ree?
14
Jecha raagoti, ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhaa raaga dharaa dubbattu hin caqasina'a.
15
Mootiin Waan Maraa ‹Ani isaan hin ergine; isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan. Tanaaf, ani isinii fi raagota raaga dharaa isiniif raaganu hin balleessa; isin lamaanuu hin baddan› jedha» jedhe.
16
Achiin duuba ani hayyootaa fi kolbaa tana maraan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Raagota: mey Galma Mootii Waan Maraa Baabilon keessaa ariiti'iin hin deebi'a jedhaa raaga dharaa raaganu hin caqasina'a› jedha.
17
Isaan hin caqasina'a. Jiru'uun jiraattanu motii Baabilonii tajaajila'a. Qachaan kun maaf diigama ree?
18
Isaan raagota yoo te'ane, jechi Mootii Waan Maraalle isaan keessa yoo jiraate, mey Galma Mootii Waan Maraa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafe, gara Baabilonii booji'amee akka hin fudhatanne Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kadhatanuu ti» jedhee hime.
19
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo utuboota lama ka Galma Waaqaa duraa, marroo waabaa bisaanii, marroo waan meya irra keyanu ka korboo qabuutii fi marroo meya dhibii qachaa kana keessatti hafee,
20
ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar yennaa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniyaa mootii Yihuda'aa, qondaaltota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii booji'ee gara Baabilonii geessee achitti hamburee,
21
marroo meya Galma Waaqaa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafeetiif,
22
«Mey kun gara Baabilonii hin fudhataman; haga guyyaa ani isaaniif yaadadhee achii isaan deebisee gara mana mootumma'aa kana isaan fidu dhufutti achuma hin turan» jedha.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52