bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 10
Jeremiah 10
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 11 →
1
Ee, kolbaa Israa'elii, waan Mootiin Waan Maraa isinitti dubbattu dhage'a'a!
2
Mootiin Waan Maraa, «Karaa gosa biyya adda addaa hin hordofina'a! Isaan beessisa gubba'aatiin hin bararaqin; isin waan kanaan hin bararaqina'a.
3
Aadaan kolbaa tanaa waan bu'aa hin qanne; isaan muka gongomaa keessaa muran; nami muka bocu uraa ifiitiin bifa itti baasa.
4
Meeti'ii fi worqi'iin gonfanee seesan; akka hin jinneef burrisaan mismaara itti dhowanee hin jabeessan.
5
Waaqoti isaanii akka waan bineensa sodaachisaaf, fichaa baaqula'aa keessa dhaabanee ti; waaqoti isaanii dubbatiisa hin dande'anu; ideemiisalle waan hin dandeenneef, namatti isaan ba'atee ideema. Isaan nama miidhiisa yookiin waan dansaa godhiisa waan hin dandeenneef, isaan hin sodaatina'a» jedha.
6
Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keetii hin jiru; ati gudda'a; baalliin maqaa keetiille guddo'o.
7
Ee, mootii gosa biyya adda addaa, ka si hin sodaanne eennu? Qaroolee gosa biyya adda addaatii fi mootummoota isaanii mara keessaa, ka akka keetii waan hin jirreef, ulfinni si'iif male.
8
Isaan marti daallotaa fi gowwoota; isaan waaqota dharaa ka muka irraa bocame irraa baratan.
9
Waaqoti dharaa ka isaanii kun hujii harka namaa ti; isaan meetii qulqulluu biyya Tarshiishiitii dhuttuu fi worqii biyya Ufaaziitii dhuttu irraa hujamane; woyaan bifa cuquliisaatii fi dhiilleen isaan uffatanu marti hujii worra ogeeyyi'ii ti.
10
Mootiin Waan Maraa ammoo Waaqa dhuga'aa ti; inni Waaqa jiraata'a fi mootii bara baraa ti. Yennaa inni aaru latti hin tachooti; gosi biyya adda addaalle mufii isaa dura dhaabbatiisa hin dandeettu.
11
Isin, «Waaqoti dharaa ka ol-gubba'aa fi lafa hin dadin kun, ol-gubba'aan jala irraa, lafa irralle'ee hin badan» jedha'aatii isaanitti hima'a.
12
Waaqi hunna ifiitiin lafa dade; qarummaa ifiitille'een biyya lafaa hundeesse; hubantii ifiitille'een ol-gubbaa diriirse.
13
Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu, bisaan ol-gubba'aa hin shookkisa; inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha; bokkeya keessa balaqqeettii hin buusa; qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessa hin fida.
14
Isaan martinuu worra daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne; worri worqii baqisiisu marti waaqota dharaa ka hujane sanitti fokkifataneeran. Fakkiin isaan hujane ta dharaa ti; hafuuralle hin qaddu.
15
Isaan worra bu'aa hin qanne, meya murgo'oo ti; yennaa muraan isaanitti dhuttu hin badan.
16
Waaqi Yaaqoobii ammoo akka isaan kanaatii moti; waan mara ka dade isa waan te'eef, kolbaa Israa'eliille ka ifii godhatiisaaf filate; maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
17
Ee, isin worri marfantaneertanu, meya keessan ka lafa jiru wolitti qabadha'a.
18
Mootiin Waan Maraa, «Ani amma worra lafa tana keessa le'u, fugussee hin baasa; akka isaan booji'amanuuf rakkinna isaanitti hin fida» jedha.
19
Ani waan madoweef naaf aanne'e! Madaan tiyyalle ta hin fayyine. Ani ammoo, «Tun dhibee tiyya; anille ossatuu qaba» jedhe.
20
Dunkaaniin tiyya diiganteerti; wodaroon isi'ii marti ciccitteerti. Ijoolleen tiyya na lakkittee deenteerti; deebi'ee isaan hin dhaggu; nami dunkaanii tiyya naaf dhaabu, ka gollaa kiyyalle naaf diriirsu tokkolle hin hanne.
21
Tissitooti daallee waan teeteef, Mootii Waan Maraa irraa gorsa hin gaafattu; tanaaf isaaniif hin milkoonne; tiki isaanii marti bittinnoweera.
22
Caqasa'a! Oduun dhufiisatti jirti. Kunoo gara lafa kaabaatii hogaan guddaan hin dhufa. Hogaan sun qachoota Yihuda'aa onsee, addee jeedalti leetu hin godha.
23
Ee Mootii Waan Maraa! Jiruun namaa tama isaa akka hin te'in ani hin beeka; nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande'u.
24
Ee Mootii Waan Maraa! Akka ani ijjumaa hin banne haqaan na adabi malee, aarii teetiin na hin adabin.
25
Gosi biyya adda addaa ta si hin beennee fi kolbaan maqaa keeti hin waammanne sanyii Yaaqoobii balleessiteerti. Isaan sanyii Yaaqoobii ijjumaa fixanee, lafa isaanii waan onsaneef, aarii teeti isaan irratti dhangalaasi.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52