bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 35
Jeremiah 35
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 36 →
1
Bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'eeru, Jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
2
«Gara maatii worra Rekaabotaa dhaqiitii, gara Galma Waaqaa isaan fidi; kolloo cinaa Galma Waaqaa jirtu keessaa takkatti'itti galchiitii daadhii woyni'ii isaan obaas!» jedhe.
3
Maarre ani gara akaakoo Habazneya'aa, ilma Ermiyaasii Yaazaaniyaa bira dhaqee obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaa mara, maatii worra Rekaabotaa mara fide.
4
Gara Galma Waaqaa isaan fidee, kolloo ilmaan Haannaanii, ilma Gidaaliyaa raagichaa keessa isaan teessise; kolloon sun kolloo bulchitootaatitti aantee, kolloo Ma'aseyaa ilma Shaalumii ka balbala eeguutiin gubbaa jirti.
5
Achiin duuba ani daadhii woyni'ii qori'ii fi muduunu'utti guutee worra maatii Rekaabotaa dura keyee isaaniin, «Daadhii woyni'ii tana una'a» jedhe.
6
Isaan ammoo deebisanee, «Abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab ilmi Rekaabii, ‹Isinii fi sanyiin teessan daadhii woyni'ii ijjumaa hin unina'a› jedhee waan ajajeeruuf, nuuti daadhii woyni'ii hin unnu!
7
Akkasuma, ‹Lafa hori'iin keessa godaantanu tana keessa bara dheeraa akka leetanu, bara le'ii teessanii mara dunkaanii keessa le'aa malee mana hin ijaaratina'a; midhaan hin facaafatina'a; muka woyniille hin dhaabbatina'a; waan kana tokkolle hin qabaatina'a› jedheera.
8
Nuutille ajaja abbaa abbootii teenna ta durii, Yonaadaabiin ilmi Rekaabii nu ajaje eeganneerra; nuuti, niitoti teennaa fi ilmaan teenna ta dhiiraatii fi ta durraa daadhii woyni'ii hin unne
9
yookiin keessa le'iisaaf mana hin ijaaranne yookiin muka woyni'ii yookiin fichaa yookiin midhaan hin qannu.
10
Dunkaanii keessa leene; waan abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab nu ajaje mara eeganneerra.
11
Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhufee lafa tana yennaa qabate ammoo, nuuti, ‹Loltoota Baabiloniitii fi Sooriya'aa jalaa baqatiisaaf, kowa'a, gara Yerusaalemii deenna› jennee murteeffanneera; tanaaf as Yerusaalem keessa turre» jedhane.
12
Achiin duuba Jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
13
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Dhaqiitii, namoota Yiuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin, ‹Isin jecha kiyyaaf ajajamiisaaf, tana irraa hin barattanuu ree?› jedhi.
14
Ilmi Rekaabii Yanaadaab sanyiin isaa daadhii woyni'ii akka hin unne ajajee, isaan ajaja isaa waan eegataneef haga adhaa daadhii woyni'ii hin unanu; ani ammoo itti deddeebi'ee isinitti dubbadheeraayyu; te'uu malee isin naaf hin ajajanne.
15
Ani tajaajiltoota tiyya raagota itti deddeebi'ee gara keessan ergee, ‹Tokko tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebitanee hujii teessan sirreeffatiisa qaddan; isaan tajaajiliisaaf, waaqota dhibii hin hordofina'a! Yoo san lafa ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan› isiniin jedheeraayyu; isin ammoo waan ani isinitti hime hin dhageenne; anaafille hin ajajanne.
16
Sanyiin Yonaadaabii ilma Rekaabii ajaja abbaan abbootii isaanii ta durii isaaniif kenne eegataneeran; kolbaan tun ammoo naaf hin ajajanne.
17
Tanaaf kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii yennaa ani isaanitti dubbadhe waan hin caqasiniif, yennaa ani isaan waame waan hin owwaatiniif, kunoo, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Waaqi Israa'elii, ‹Badii isaan irratti fidiisaaf dubbadhe san mara isaanitti hin fida› jedha» jedhe.
18
Achiin duuba Ermiyaas worra maatii Rekaabotaatiin, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin ajaja abbaan abbootii teessanii Yonaadaab isin ajaje eegattaneertan; qajeelfama isaalle hordottanee, waan inni isin ajaje mara gootaneertan.
19
Tanaaf, sanyii Yonaadaabii ilma Rekaabii keessaa nami yennaa mara na dura dhaabbatee na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedheen.
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 36 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52