bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 15
Jeremiah 15
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 16 →
1
Achiin duuba Mootii Waan Maraa anaan, «Muuse'ee fi Saamu'el yoo na dura dhaabbatanelle, ani kolbaa tanaaf hin mararu. Fuula kiyya duraa isaan ari'i! Deemanuu ti.
2
Isaan, ‹Nuuti eessa deenna› jedhanee yoo si gaafatane, akkuma ani Mootiin Waan Maraa sitti hime, « ‹Worri akka du'u itti murante, du'uu qaba; worri shallaaga'aan akka du'u itti murante, shallaaga'aan du'uu qaba; worri beelaan akka du'u itti murante, beelaan du'uu qaba; worri akka booji'amu itti murante, hin booji'ama› jedhiin.
3
«Ani waan isaan balleessu afur shallaagaan akka isaan ijjeesu, sareen reeffa isaanii akka harkittu, allaatti'ii fi bineensoti nyaatanee akka isaan balleessanu isaanitti hin erga.
4
Mootiin Yihuda'aa ilmi Hisqiyaasii minaaseen, Yerusaalem keessatti yakkaa waan hujeef, mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha.
5
«Ee Yerusaalem! Eentu si'iif marara? Eentu si'iif bowa? Eentu dhaabbatee nageya si fuudha?
6
Ati na lakkitteerta; gara duubaa deebiteerta; tanaaf harka kiyya si irratti diriirsee, si hin balleessa; haganaa achi si'iif hin mararu.
7
Kolbaan tiyya karaa ifii irraa deebi'uu waan diddeef, akka nama horooro'oon midhaan qulleessuu, karra qachoota lafa sanii duratti ani isaan hin bittinneessa. Ijoollee isaanii fixee, kolbaa tiyyalle hin balleessa.
8
Ani haadhotii hiyyeessaa ta isaanii, maansa abbaaya'aa caalaa akka bacatanu hin godha. Haadhotii dargaggootaatitti, guyyaa saafowaan ka balleessu itti hin fida. Farraa fi bararaqa dedhuma isaanitti hin fida.
9
Haati ilmaan torbaa gaggaddee hin harganti; ifi guyya'aa isi'itti dukkana; isiin fokkifattee hin salphatti; worra jiru'uun hafe shallaagaa diinota isaaniititti, dabarsee hin kenna» jedhe.
10
«Haadha tiyya, naaf aanne'e! Maaf na deette? Ani nama lafa tanaa mara woliin nama morkuu fi nama moromu te'eera. Ani eennulle'eef hin liqeessine yookiin eennu irralle'ee hin liqaaffanne; te'uu malee nami marti na abaara.
11
Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan kaayoo dansa'aaf si baase; yennaa badi'ii fi rakkinna keetii diinoti keeti akka si kadhatanu hin godha.
12
Nami sibiila yookiin sibiila sageettu'uu ka biyya kaabaatii dhufu cassuu hin dande'aa ree?
13
«Sababa cubbuu teessanii maraaf karraa fi qabeenna keessan gatii malee worra saamutti dabarsee hin kenna.
14
Aariin tiyya ibidda isin gubu isinitti waan qassiittuuf, lafa hin beenne keessatti diinota keessaniif garba akka teetanu isin hin godha» jedhe.
15
Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, ati hin beetta; na qaabadhuutii na qarqaar; worra na miidhulle ati naaf haluu bayi. Ati ossaamessa waan teeteef, na hin balleessin; ani si'iif jedhee akka salphadhe hin beetta.
16
Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Waan Mara Dandeettu, ani maqaa keetiin waan waamameef, jechi keeti yennaa gara kiyya dhufe, ani nyaadhee, gammadee burraaqe.
17
Worra caaqu woliin tee'ee, isaan woliin hin laallifanne. Harka keeti jala waan jiruuf, ati aari'iin waan na guutteef, qofii tiyya tee'e.
18
Dhibeen tiyya maaf natti jabaatte? Madaan tiyya maaf kulkultee fayyuu didde? Ati akka burqaa bisaanii ka nama sobuu, akka madda goguu maaf natti teeta ree?» jedhe.
19
Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ati cubbuu irraa yoo deebite, ani adde'etti si hin deebisa; atille na hin tajaajilta. Ati dubbii woy hin baane lakkittee, dubbii woy baatu yoo dubbatte, ati ammalle raagaa kiyya hin teeta; kolbaan gara keeti deebituutii malee ati gara isaanii hin deebitu.
20
Ani kolbaa tanaaf akka dalleya sibiila sageettu'uutiin ijaaramee si tolcha. Isaan si loliisaaf si irratti hin ka'an; ammoo ani si fayyisiisaa fi si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu.
21
Ani harka worra hamoole'eetii si hin baasa; harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessalle'ee si hin woda» jedha.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52