bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 34
Jeremiah 34
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 35 →
1
Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii fi loltooti isaa marti, mootummootii fi gosi biyya adda addaa worri bulchiinsa isaa jala jiranu marti, Yerusaalemii fi qachoota adaala isi'ii yennaa loliisatti jiranu, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
2
«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa dhaqiitii: Ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille ibiddaan hin guba.
3
Atille dhugumaan qabantee harka isaatitti dabarfantee kennanta malee, isa jalaa hin milixxu; iluma teetiin mootii Baabilonii hin dhaggita; inni si dura dhaabbatee si woliin hin dubbata; gara Baabiloniille hin deenta.
4
Ee Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa! Ati shallaaga'aan hin duutu;
5
ati nageyaan hin duuta; abbootii teeti ta durii, worri si'iin dura mootota te'ane yennaa du'ane, kolbaan ulfinna awwaala isaaniitiif ibidda akkuma gabbisane, ulfinna awwaala keetiitiifille ibidda gabbisanee: Aanne'e, ee goottaa keenna jedhaa si'iif hin bowan; ani waadaa kana si'iif hin muummessa jedheera› jedhi» jedhe.
6
Achiin duuba raagichi Ermiyaas waan kana mara Yerusaalem keessatti, Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aatitti hime;
7
yennaa san loltooti mootii Baabilonii qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu keessaa adoo hin qabamin ka hafaneeranu Laakiishii fi Aazeqaa qofa waan te'aneef loliisatti jiran.
8
Mootichi Zedeqiiyaan garbooleen bilisa akka bayanu, kolbaa Yerusaalem keessaa mara woliin gondooroo gondoorateen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe.
9
Akka wolii galtee tanaatitti nami garbicha yookiin garbittii sanyii worra Ibrootaa qabu marti bilisa isaan baasuu qaba; nami tokkolle Yihudoota obboleeyyan ifii garba godhatuu hin malle.
10
Maarre qondaaltotii fi kolbaan marti worri gondooroo tana keessa jiranu, garboolee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa bilisa baasiisaaf, haganaa achi garba akka isaan hin godhanne wolii galane.
11
Yennaa diqqo'oon duuba ammoo yaada ifii jijjiiratanee, garboolee bilisa baasane san deebifatanee garba godhatane.
12
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
13
«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii keessaa garbummaa jalaa yennaa baase, gondooroo isaan woliin gondooradhee,
14
isaaniin: Tokko tokkoon keessan nama Ibrootaa ka isinitti ifi gurgure woggaa jaa isin tajaajileen duuba, woggaa torbeesso'ootitti bilisa isa baasa'a! Jedheeraayyu; abbootiin teessan ta durii ammoo waan ani dubbadhe hin dhageenne yookiin naafille hin ajajanne.
15
Isin amma cubbuu irraa deebitanee fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujjaneertan; tokko tokkoon keessan Yihudoota obboleeyyan teessan ta garba godhattane bilisa baattaneertan; Galma maqaa kiyyaan waamamu keessatti na duratti gondooroo gondoorattaneertaniiyyu.
16
Amma ammoo yaada keessan jijjiirattanee maqaa kiyya batteessitane; tokko tokkoon keessan garboolee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta qara addee fedhane akka deemanu bilisa baattane deebittanee hunnaan garba godhattane.
17
Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa: Isin naaf ajajantanee, Yihudoota obboleeyyan teessaniif bilisummaa hin kennine. Maarre ani bilisummaa isin shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan dhumattanu isiniif hin kenna; mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isin hin godha.
18
Namoota gondooroo tiyya diiganuu fi jecha gondooroo sanii hin muummessine, ani akkuma jibicha isaan qalanee addee lamatti gargar baasanee wodhakkaa dabaranuu san isaan hin godha.
19
Sooreyyiin Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, qondaaltota mana mootummaa isaa, hayyootaa fi kolbaa lafa sanii ta jibicha qalanee addee lamatti gargar baasane san wodhakkaa dabarane mara,
20
ani harka diinota isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; reeffi isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'a.
21
Mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi qondaaltota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadu, harka loltoota mootii Baabilonii ta amma isaan loliisa lakkisaneetitti dabarsee isaan hin kenna.
22
Kunoo, loltooti mootii Baabilonii gara qachaa kanaa akka deebi'anu hin ajaja; isaan qachaa kana lolanee hin qabatan; ibiddalle'een hin guban; ani qachoota Yihuda'aa mara ona hin godha; nami tokkolle achi keessa hin le'u› jedheeraayyu» jedhe.
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 35 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52