bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 26
Jeremiah 26
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 27 →
1
Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa dhufee,
2
anaan, «Badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbadhuutii, qachaa Yihuda'aa keessaa kolbaa Waaqonfatiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhuttu maratti waan ani si ajaju mara takkattiille adoo hin hamburin himi; jecha tokkolle keessaa hin hamburin.
3
Isaan jecha kana caqasanee karaa ifii hamaa irraa adoo deebi'anee, ani sababa hammeenna hujii isaaniitiif badii isaanitti fidiisaaf yaade hin lakkisa.
4
«Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Yoo isin na caqasuu diddanee, seera ani isiniif kennelle eegatiisa yoo dhaddane,
5
jecha tajaajiltoota tiyya raagotaa, ka ani akka caqattanuuf gara keessan itti deddeebi'ee erge yoo hin caqasin,
6
akkuma Shiiloo godhe Galma kanalle hin godha; qachaa kanalle gosa biyya adda addaa oddu'utti ka abaarame hin godha jedha› jedhiin» jedhe.
7
Ermiyaas jechoota kana Galma Waaqaa keessatti yennaa dubattu, hayyooti, raagotii fi kolbaan marti dhage'ane.
8
Ermiyaas waan Mootiin Waan Maraa akka inni kolba'atti himuuf ajaje mara dubbatee yennaa fixe hayyooti, raagotii fi kolbaan marti isa qabanee, «Ati du'uu qadda!
9
Ati, ‹Manni kun akka Shiilo'oo hin te'a; qachaan kunille onee, ka nami keessa hin jirre hin te'a› jettee maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga maaf dubbatta?» jedhanee kolbaan marti Galma Waaqaa keessatti itti dacha'anee Ermiyaas marsane.
10
Qondaaltoti Yihuda'aa waan kana yennaa dhageette, mana mootumma'aa keessaa gara Galma Waaqaa ol bayanee, seensuma balbala dalleya haareyaa, ka Galma Mootii Waan Maraa dura tee'ane.
11
Achiin duuba hayyootii fi raagoti, qondaaltotaa fi kolbaa maraan, «Akkuma isin gurra keessaniin dhageettane nami kun qachaa kana irratti raaga waan dubbateef ijjeefamuu qaba» jedhane.
12
Achiin duuba Ermiyaas qondaaltota maraa fi kolbaa maraan, «Waan isin dhageettane kana mara Galma Mootii Waan Maraatii fi qachaa kana irratti raaga akka dubbadhuuf ka na erge Mootii Waan Maraa ti.
13
Tanaaf isin amma karaa keessanii fi hujii teessan sirreeffadha'aatii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajama'a; innille badii isin irratti fidiisaaf yaade san hin lakkisa.
14
Ani ammoo kunoo, harka keessan keessa jira; waanuma dansa'aa fi sirrii te'ee isinitti mudhate na irratti muummessa'a.
15
Te'uu malee, akka ani jecha kana mara gurra keessanitti himuuf, dhugumaan Mootiin Waan Maraa waan na ergeef, isin yoo na ijjeettane dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan, isin ifii fi qachaa kana irratti, kolbaa qachaa kana keessa leetu mara irralle'etti yakkaa akka fiddanu beeka'a» jedhe.
16
Achiin duuba qondaaltotii fi kolbaan marti, hayyootaa fi raagotaan, «Nami kun maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin waan nutti dubbateef ijjeefamuu hin qabu» jedhane.
17
Jaarsolee lafa sanii keessaa gariin ol ka'anee kolbaa achitti wolitti qabante maraan,
18
«Nami qachaa Mooresheetii Miikiyaas, bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eerutti, raagee kolbaa Yihuda'aa maraan, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: « ‹Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa daggalli itti hin lata jedha› jedhe.
19
«Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaasii fi kolbaan yihuda'aa marti Miikiyaas akka ijjeefamu godhanee ree? Hisqiyaas Mootii Waan Maraa sodaatee araara isa hin kadhannee ree? Mootiin Waan Maraa badii isaan irratti fidiisaaf yaade san hin lakkinnee ree? Nuuti ammoo badii guddoo ifi irratti fidiisatti jirra» jedhane.
20
Bara san keessa nami dhibiin ilmi Shemaa'iyaa Uriiyaan nami biyya Kiriiyat-Ya'ariimiille akkuma Ermiyaasii qacha'aa fi lafa tana irratti maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga dubbateera.
21
Mootichi Yehoyaaqiim loltootaa fi qondaaltota ifii mara woliin jecha kana yennaa dhage'e mooticha Uriiyaan ijjeesiisaaf yaade; Uriiyaan ammoo waan kana yennaa dhage'e sodaatee gara biyya Gibxi'ii baqate.
22
Te'uu malee mootichi Yehoyaaqiim dhaqanee Uriiyaa akka fidanuuf ilma Akborii Elnaataanii fi namoota dhibii gara biyya Gibxi'ii erge.
23
Isaanille Uriiyaa biyya Gibxi'iitii gara mooticha Yehoyaaqiimii fidanee dhufane; mootichille shallaaga'aan isa ijjeesee reeffa isaa addee awwaala kolba'aatitti gatane.
24
Ilmi Shaafaanii Ahiiqaam Ermiyaas waan qarqaareef, Ermiyaas akka ijjeefamuuf harka kolba'aatitti dabarfamee hin kennanne.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52