bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Jeremiah 29
Jeremiah 29
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 30 →
1
Ermiyaasiin raagichi Yerusaalem irraa gara jaarsolee lubbu'uun hafanee worra booji'ame odduu jiranuu, hayyootaaf, raagotaa fi kolbaa Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa gara Baabilonii booji'ee geesse maraaf, xalayaan erge ka asii gad jiru;
2
inni xalayaa kana mootichi Yekoniya'aa fi giittiin haati isaa, qondaaltoti mana mootummaa isaa, bulchitooti Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, worri hujii harkaa hujuu fi worri sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'amanee fudhatamaneen duuba barreesse.
3
Xalayaa kanalle worra mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa biraa gara mootii Baabilonii Nebukadnezaarii ergamane, harka El'aasaa ilma Shaafaaniitii fi harka Gemaariyaa ilma Hilqiiya'aatitti erge; xalayaan sun,
4
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, worra Yerusaalem keessaa gara Baabilonii akka booji'amanu godheen,
5
‹Mana ijaaradha'aatii keessa tee'a'a; ficha'atti woy dhaabadha'aatii midhaan irraa dhaggatane nyaadha'a;
6
Niitii fuudha'aatii ilmaa fi intala uumadha'a; ilmaan teessan fuusifadha'aatii durra teessanille heerumsiifadha'a; isaan ijoollee horanuu ti; laakkossi isaanii bacatuutii malee hin diqqaatin.
7
Qachaa ani akka isin booji'antanee itti geeffantanu godheefille, nageyaa fi qananummaa halcha'aaf; qachaa saniif gara Mootiin Waan Maraa daadimadha'a; sababille qachaan sun yoo nageya qabaate, isinille nageya hin qabaattan› jedhee dubbateera» ka jedhu.
8
Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii, «Raagotii fi worri moru ka odduu teessan jiranu isin hin sobin; oojjuu isaan isiniif oojjatanulle hin caqasina'a.
9
Isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan malee ani isaan hin ergine» jedha.
10
Mootiin Waan Maraa, «Woggaan torbaatam isin Baabilon keessa turtanu yennaa hobbaate ani isin hin ilaala; gara addee tanaa isin deebisiisaaf, waadaa kiyya dansaa isiniif gale san hin muummessa.
11
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
12
Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage'a.
13
Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan.
14
Anille akka isin na dhaggitanu hin godha; boojuu keessalle'ee isin hin deebisa; gosa biyya adda addaatii fi addee isin itti bittinneesse mara keessaa wolitti isin qabee gara lafa akka isin keessaa booji'antanu godhetti isin hin deebisa» jedha.
15
Isinille, «Biyya Baabilonii keessatti Mootiin Waan Maraa raagota nu'uuf kaaseera» hin jettan.
16
Mootiin Waan Maraa ammoo marroo mooticha barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'eeruutii fi marroo kolbaa isin woliin adoo hin booji'amin hafanee qachaa kana keessa jiranuu,
17
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti ergee, akka midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee isaan hin godha.
18
Ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin ari'a; mootummoota biyya lafaa mara duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; gosa biyya adda addaa oddu'utti addee isaan itti bittinneesselle'etti akka abaaramanuu fi jibbamanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaanitti cooranu hin godha.
19
Isaan jecha ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin itti deddeebi'ee isaanitti ergee hin dhageenne; isin worri booji'antanelle jecha kiyya hin dhageenne.
20
Tanaaf isin worri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'antanee gara Baabilonii ergantanu godhe marti, jecha ani Mootiin Waan Maraa dubbadhu dhage'a'a!» jedha.
21
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo Ahaabii ilma Kolaaya'aatii fi Zedeqiiyaa ilma Ma'aseya'aa worra maqaa isaatiin raaga dharaa raaganuun, «Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee isaan hin kenna; innille iluma teessan duratti isaan hin ijjeesa.
22
Worri Yihudaa keessaa booji'amee Baabilon keessa jiru marti, ‹Akkuma mootiin Baabilonii Zedeqiiya'aa fi Ahaab ibiddaan gube, Mootiin Waan Maraa si gubu› jedhaa wol abaaran.
23
Isaan niitota namoota dhibi'ii gaarayyeeffatanee dubbii ani isaan hin ajajin maqaa kiyyaan dhara dubbatanee, Israa'el keessatti waan nama qaanessu hujaneeran; ani tana waan beekuuf, dhugaa hin baya» jedha.
24
Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiititti ergaa akka himu Mootiin Waan Maraa Ermiyaas ajajee,
25
Shemaa'iyaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, ‹Ati kolbaa Yerusaalem keessa jirtu maraaf, ilma Ma'aseya'aa hayyicha Sefaaniya'aaf, hayyoota dhibii maralle'eef, maqaa keetiin xalayaa ergitee, Sefaaniya'aan:
26
Galma Waaqaa keessatti itti gaafatamaa akka teetuuf Mootiin Waan Maraa addee hayyicha Yoyaada'aa hayyicha si godheera; ati nama maraataa raaga dharaa raagu miila isaa jirma lama wodhakka'atti, morma isaa sibiila wodhakka'atti hidhuu qadda.
27
Maarre ati amma Ermiyaasii nama biyya Anaatotii ka akka raagichaa dubbatu maaf hin xixin ree?
28
Inni yennaa hedduu achi waan turtanuuf, mana ijaarannee keessa akka teennu; ficha'atti woy dhaabbannee midhaan irraa dhagganne akka nyaannu xalayaa kana gara biyya Baabilonii nutti ergeera› jetteerta» jedhe.
29
Hayyichi Sefaaniyaan xalayaa san raagicha Ermiyaasiif dubbise.
30
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
31
«Ergaa tana gara worra booji'ameeru maraa ergiitii, ‹Mootiin Waan Maraa marroo Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamii: Ani adoo isa hin ergin Shemaa'iyaan raaga isiniif raagee waan dharaa akka isin dhugeeffattanu waan godheef,
32
ani dhugumaan Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiitii fi sanyii isaa hin adaba; inni namooti na irratti akka ka'anu waan godheef, odduu kolbaa tanaatitti nama isaaf hafu hin qabaatu; inni waan dansaa ani kolbaa tiyyaaf godhulle hin dhaggu jedha› jedhiin» jedhe.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52