bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 11
1 Chronicles 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 12 →
1
Worri Israa'elii maruu Keebroonitti gara Daawitii dhaqanii «Nu maruu fira kee ka dhiigaati;
2
baroota darbe keessa Saa'ol hennaa mootii ta'ee jiru ‹situ banii Israa'elii duulaaf bobbaasa; banii kiyya banii Israa'elii situ bulchaa; situ masakkalle'e› jedhee Rabbi Waandhi kee sitti himeera» jedhaniin.
3
Haala kanaan jaarsonni biyya Israa'elii maruu Keebroonitti Daawitiin bira dhaqanii, Daawitillee Keebroonitti Rabbiin afo'otti isaan woliin waadaa gale. Akkuma Rabbi Saamu'eelitti hime akka inni banii Israa'elii irratti mootii ta'uuf Daawitiin moosisan.
4
Mootichi Daawitii fi baniin Israa'elii maruu dhaqanii qachaa Yerusaalemii dhayan; hennaa san qachattiin sun Iyyaabus jedhamti; worri lafa san irra jiraata'aa turan banii Iyyaabusootaati.
5
Baniin biyya Iyyaabusii keessa jiraata'aa turan sunniin Daawitiin «gara biyya kanaa hin galtu» jedhaniin. Daawiti garuu kushee isaan Tsiyooniin keessatti hojjatan qabate. Achiin maayessa huleen sun «Qachaa Daawitii» jedhamtee waamamte.
6
Daawiti «Namni dura worra Iyyaabusii dhaye bulcha'aa fi ajajaa lolaa ta'a» jedhe; ilmi Tsuuriya'aa Iyyoo'aab firrisee dhaqee waan worra Iyyaabusii dhayeef ajajaa loltootaa ta'e.
7
Daawiti waan kushee keessa taa'eef qachattiin sun «Qachaa Daawitii» jedhamte.
8
Daawiti Tullu'uun gara baya biiftu'uutitti kolba goobaa ka biyye'een wol qixxeessan irraa jalqabee qachattii deebisee ijaare; Iyyoo'aabillee gara ufiitiin qachattii cinaa hafteen hojjate.
9
Daawiti Rabbi Waandhi banii maraa waan isa woliin jiruuf guyya guyya'aan jabaata'aa deeme.
10
Loltoonni Daawitii ta gurra baate, worra Israa'elii kaawwan woliin ta'anii akka jecha abdii Rabbiitiin Daawiti akka mooyu guddisanii gargaaran; akka mootummaan isaallee jabaatu taasisaniiran.
11
Laakkobsi loltoota Daawitii ta gurra baatee bulchaan loltoota soddomaa Shoobaaminii gosa Haakimooniiti; inni woraana fudhatee hennama tokko nama dhibba sadihii fixe.
12
Isaan maayessallee namni bulchoota jajjabaa sadihii keessaa tokko ture ka gosa Ahaatotaa ilma Duudii Alaazar.
13
Inni Daawitiin woliin Paasadamiin keessa ture; achitti maasaa garbu'uu keessatti worri Filisxeemii lolaaf wol gayee ture. Baniin maruu worra Filisxeemii jalaa dheessan.
14
Isaaniillee lafa qonnaa keessa dhaabatanii isaan eeganii worra Filisxeemii fixan; Rabbi akka maalale'eetitti akka isaan mooyatan isaan taasise.
15
Gaafa tokko bulchoota loltootaa namoota soddomaa keessa namoonni sadihii gara hulee Daawiti jiruu gara dhagaa Adoolaamiititti gad dhaqan. Hennaa san duulli worra Filisxeemii dhooqa Raaffaayimiititti wol gayaniiran.
16
Yoo san Daawiti kushee ufii keessa jira; duulli worra Filisxeemiillee Beeteliheemiin keessa jira.
17
Daawiti, «Burqaa bisaanii ta Beeteliheemiin keessa jirtuu bisaan woraabee eentu naa fida?» jedhee yaade;
18
Hennaa san loltoonni jannan sadiin sunniin qe'ee worra Filisxeemii keessa hulluuqanii keessa lufanii boolla keessaa bisaan woraabanii Daawitii fidan; inni garuu dhuguu hin barbaanne; inni bisaan san akka waan ciincaa Rabbii dhiyeessa'aaruutitti lafatti gad jisse.
19
«Ani bisaan kana hin dhugu; ani yoo bisaan kana dhuge akka waan dhiiga worra jannaa ka lubbuu ufiititti murteessee dhugeeti» jedhe. Kanaaf bisaan san dhuguu hin barbaanne; hujiin jannumma'aa ka jarri sadihii sunniin raawwatte kanniin fa'a.
20
Abiisaan obboleessi Iyyoo'aabii bulchaa jara sadiiniiti. Inni woraana fudhatee namoota dhibba sadihii waan ajjeeseef innillee akkuma jara janna sanniiniititti beekkamaa ta'e.
21
Inni jannoota jajjabaa sadihii sanniin keessaa akka nama tokkootittillee yoo hin laakkayaminii jannummaa ufii hojjateen ulfinna ulfinna isaanii caalu waan argateef bulchaa isaanii ta'uu danda'e.
22
Banayaas ilmi Yoodaahe'ee biyya Qabsi'eeliititti loltuu gurra dhagayate ture; inni loltoota lamaa ta biyya Moo'aabii ajjeesuu callaa uduu hin taane jabeenna biraallee baay'ee hojjate; guyyaa tokko hennaa qorri bu'e goda tokko keessa seenee leenca ajjeese.
23
Nama biyya Misirii tokkollee ka lolaan gurra dhagayate, ka woraana harkaa qabu, ka hojjaan isaa meetira lamaa ol ta'e jabaa tokkollee ajjeeseera. Banayaas ulee malee uduu meeshaa lolaa ka biraa harkatti hin qabanne nama biyya Misirii tokkotti dhiyaatee dhayeenii woraana isaa ka meeshaa worra woccuu dhawuu fakkaatu irraa fudhatee ajjeeseen.
24
loltoota soddomaa keessaa hujiin jannumma'aa ka Banayaas hojjate kanniin.
25
Inni namoota soddomaa sanniin keessaa nama guddisee beekkamellee yoo ta'e jannummaan inni hojjate jannoota sadihii sanniin hin gawu; Daawiti Banayaasiin ajajaa waardiyyootaa godhee muude.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29