bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 27
1 Chronicles 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 28 →
1
Worra Israa'elii keessaa bulchoonni manniin abboota isaaniitii fi ajajoonni dhibbaatii fi loltoota kumaa ka mooticha wogga wogga'aan, ji'a ji'aan tajaajilu'uuf yaa'an laakkobsi isaanii namoota kuma diddamii afuriiti.
2
Ji'a jalqabaa kutaa tokko irratti Shoobi'aamii ilma Zabdi'eeliititu muudame; kutaa inni bulchu keessa loltoota kuma diddamii afuriititu ture.
3
Inni gosa worra Faareesii keessaa dhalate. Ji'a jalqabaa loltoota maraa irrattuu muudame.
4
Kutaa woraanaa ka ji'a lammeesso'oo irratti Duudii gosa Ahooha'aatitu muudame; kutaa isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
5
Bulchaan kutaa sadeesso'oo ka ji'a sadeesso'oo Banayaasii ilma Yoodaahe'eeti; kutaa isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
6
Banayaasi namoota soddomaa keessatti jaba'aa fi beekkamaa nama soddomaa bulchu; ilmi isaa Amizaabaadi garee inni bulchu ajaja.
7
Ji'a arfeesso'oo garee arfeesso'oo irratti garee arfeesso'oo ka bulchu Asaaheelii obboleessa Iyyoo'aabiiti; isaan maayessa ilma isaa Zibaadiya'atu bulche; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
8
Ji'a shaneesso'oo keessaa garee shaneesso'oo ka bulchu Shaamhuutii gosa Yizira'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
9
Ji'a jaheesso'oo keessaa garee jaheesso'oo ka bulchu Iraas ilma Isikaa gosa Teequha'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
10
Ji'a torbeesso'oo keessaa garee torbeesso'oo ka bulchu Seleesii nama Filoona'aa ka gosa Efreemiiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu ture.
11
Ji'a saddeetesso'oo keessaa garee saddeetesso'oo ka bulchu Sibookaayii worra Kuusa'aa ka gosa Zaara'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
12
Ji'a sagaleesso'oo keessa ka garee sagaleesso'oo bulchu Abi'eezarii worra Anaatootaa ka gosa Biiniyaamiiti.
13
Ji'a kudhaneesso'oo keessaa garee kudhaneesso'oo ka bulchu No'eeree worra Naxoofa'aa ka gosa Zaara'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
14
Ji'a kudha tokkeesso'oo keessaa garee kudha tokkeesso'oo ka bulchu Banayaasii worra Phiri'aatoona'aa ka gosa Efreemiiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afurititu jira.
15
Ji'a kudha lammeesso'oo keessaa garee kudha lammeesso'oo ka bulchu Heldaayii worra Naxoofa'aa ka gosa Gotoniyaaliiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.
16
Bulchoonni gosa Israa'elii bulchan El'eezer ilmi Zikirii gosa Roobeelii bulche; Safaaxiyaas ilmi Ma'aaka'aa gosa Simoonii bulche.
17
Hashaabiyaan ilmi Qamu'eelii gosa Leewwi'ii bulche.
18
Saadooqi gosa Aaroonii bulche; Obboleewwan Yihuuda'aa Elihu'utu bulche. Oomiri ilmi Mikaa'elii gosa Yisaakoorii bulche.
19
Yishmayaan ilmi Abdiyyuu gosa Zaabiloonii bulche. Iyyaarimuuti ilmi Aziri'eelii gosa Niftaalemii bulche.
20
Hoosee'i ilmi Azaaziya'aa gosa Efreemii bulche; Iyyu'eeli ilmi Faddaya'aa gosa Minaase'ee ka gara dhiya adu'uu bulche.
21
Ado ilmi Zakkaariyaasii cinaa gosa Minaase'ee ka biyya Gala'aadii keessa jiru bulche; Isi'eel ilmi Abaaneerii gosa Biiniyaamii bulche.
22
Azaari'eel ilmi Yirohaamii gosa Daanii bulche; Kunniin bulchoota gosa Israa'elii turan.
23
Rabbi, «Banii Israa'elii akka urjii sami'iititti isin baay'isa» waan jedheeruuf Daawiti worra umuriin isaanii woggaa diddamaa gadii maraa hin laakkofne.
24
Ilmi Tsuuriya'aa hin laakkaye malee hin raawwanne. Sababaa kanaaf Rabbi worra Israa'eliitiin lole seenaan isaanii galmee mooticha Daawitii irratti hin barreeffamne.
25
Namoonni meeshaa mana mootumma'aa irratti baallii qaban bulchaan meeshaa mana mootumma'aa Azmootii ilma Adi'eeliiti. Yoonaataan ilmi Ooziya'aa qachoota gandoota waan raasaa keessa jiruu fi mana meeshaan mootumma'aa keessa taa'u tooyata.
26
Eezir ilmi Kiluubii worra lafa midhaassan, worra lafa qotan maraa bulcha.
27
Saami'i namni gosa Raamaata'aa hulee woyinii itti dhaaban irratti muudamaa ture; Zibaadi namni gosa Shaafa'aa bulchaa mana cuunfaa woyini'iiti.
28
Alhaanaan ka biyya Gederootaa keessatti dhalate muka woyini'iitii fi odaa gaara gara dhiya adu'uutiin jiru irratti muudame; Iyyoo'aas mana daadhii woyini'ii irratti muudame.
29
Saaziriraayi namni biyya Saarana'aa horii biyya Saaroonii irratti bobbayan irratti muudame; Shaafaaxi ilmi Adilaayii horii lafa dhooqaa keessatti bobbayan irratti muudame.
30
Ubiyaas namni gosa Ismaa'elii gaala irratti muudame; Yiheediyaan namni gosa Meerootaa Harriin irratti muudame.
31
Yaazliz namni gosa Hagaarii re'iinii fi hoolota irratti muudame; kunniin maruu qabeenna Daawitii mootichaa irratti muudaman.
32
Yoonaataan eessumni Daawitii beekaa qaroo Daawitii mooticha gorsu; Yihi'eel ilmi Hakimoonii ijoollee mootichaa woliin ture.
33
Akixoofeelillee nama mooticha gorsu; Kuusi namni gosa Arka'aallee goshoo mootichaati.
34
Haga Akixoofeel du'een maayessa Abiyaatarii fi Yoodaaheen ilmi Banayaasii worra mooticha gorsan turan; Iyyoo'aabi bulchaa loltoota mootichaa ture.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29