bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 23
1 Chronicles 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 24 →
1
Daawiti hennaa jaare ilma ufii Solomooniin Israa'eliin irratti moosise.
2
Daawiti bulchoota Israa'elii, gadootaa fi worra Leewwotaa maraa wolitti qabe.
3
Dhiira worra Leewwotaa ka umuriin isaanii soddomaa fi ka achii olii maraa laakkayee wolumaa galatti laakkobsi isaanii kuma soddomii saddeetii ta'e;
4
Kanniin keessaa worri hujii mana woyyu'uu hojjachiisan namoota kuma diddamii afuriiti; namoonni kuma jahaa garuu worra bulchuu fi worra murtii kennu turan;
5
namoonni kuma afurii worra balbala mana woyyu'uu eegan turan; namoonni kuma afurii garuu meeshaa faaru'uu ka mootichi isaanii kennuun faaru'uun Rabbiin galatoonfatan.
6
Daawiti worra Leewwotaa akkaataa gosa isaaniitiin bakka sadihitti isaan qoode; isaanillee Geedsoon, Qaatii fi Meraariin fa'a.
7
Worra gosa Geedsoonii keessaa La'aada'aa fi Saami'iin fa'a.
8
La'aadaan ijoollee dhiiraa Yihi'eel, Zeetoomii fi Eyyoo'eeliin uumate.
9
Saami'i ijoollee dhiiraa sadihii ta Shaaloomiti, Hazi'eelii fi Haaraan jedhaman qaba; kunniin maruu bulchoota gosa La'aada'aati.
10
Saami'i ijoollee afur qaba; isaan I'iiti, Ziizaa, Ye'uusii fi Bari'aa fa'a.
11
Bulchaan isaanii ka jalqabaa I'iiti; lammeessoon Ziiza'a; Ye'uusii fi Bari'aan garuu ijoollee baay'ee qaban ture; kanaaf isaan akkuma gosa tokkootitti laakkayaman.
12
Qaati ijoollee dhiiraa afur qaba; isaan Yis'aar, Keebroon, Uzaa'elii fi Imbaraamiin fa'a.
13
Ijoolleen Imbaraamii Aaroonii fi Muuse'e; Aaroon kaawwan maraa caalaa woyyuu ta'u'uuf fooyame; inninii fi ijoolleen isaa baraa haga bara baraa seera Waaqa waaqeffachu'uu irratti hixaana akka aarsanii fi akka Rabbiin tajaajilan, maqaa isaatiinillee banii eebbisu'uuf fooyaman.
14
Ijoolleen Muusee nama Rabbii gosa Leewwotaa woliin laakkayaman.
15
Ijoolleen Muuse'ee Geersaamii fi El'eezeriin fa'a.
16
Bulchaan ijoollee Geersaamii Subaa'el.
17
Bulchaan ijoollee El'eezerii Raabiya'a;
18
Bulchaan ijoollee Yisaarii Shaaloomeeti.
19
Bulchaan jalqabaa ka ijoollee Keebroonii Yiriya'a; lammeessoon Amaariya'a, sadeessoon Hizi'eel, Arfeessoon Yiqimaamiin fa'a.
20
Bulchaan ijoollee Uuzi'eelii ka duraa Miikka'a; ka lammeesso'oo Yishiyaa fa'a turan.
21
Ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi'i; ijoolleen Mohooli'ii El'eezerii fi Qiisiin fa'a;
22
El'eezer ijoollee intalaa malee uduu dhiira hin uumanne du'e; ijoolleen isaa ta intalaa ijoollee eessuma ufii ijoollee Qiisiititti heerumte.
23
Ijoolleen Muusi'ii Mohooli, Edeerii fi Iyyaarimuutiin fa'a.
24
Eeganaa worri akkaataa gosaa fi fiixaa isaaniitiin himaman kunniin fiixaa gosa Leewwi'ii yoo ta'aan, marti isaaniituu maqama maqaa isaaniitiin himamaniiran; fiixaan gosa Leewwi'ii ka umuriin isaa diddamaatii fi ka achii olii maruu hujii mana woyyu'uu keessatti hojjatamu keessatti gayee guddaa qaban ture;
25
Daawiti, «Rabbi Waandhi Israa'elii kanaa olillee inninuu Yerusaalemiin keessa baraa haga bara baraa jiraata;
26
Ammaa achi worri Leewwotaa daasee Rabbi keessatti waaqeffamuu fi meeshaa ittiin tajaajilan maraa hin baadhatan» jedhe.
27
Ajaja Daawiti kenne ka dhumaa irratti worra Leewwotaa ka woggaa diddamaatii fi ka achii olii maraa galmeessan.
28
Hujiin isaanii mana woyyuu keessaa fi hulee itti gad bayanitti tajaajiluu, meeshaa woyyuu maraa qulqulleessuu, tajaajila mana woyyuu Rabbii keessaa maraa hojjachu'uuf isaan maruu ijoollee Aaroonii jala jiran.
29
Xorosho'oo fi daakuu kennaa ta'ee Rabbiif dhiyaatu, bixilee raacitii malee hojjatamuu fi daakuu dhadhaa ejersaatiin sukkuuman tooyattoota yoo ta'an, kennaa mana woyyu'uuf dhiyaatu maraa isaantu madaalee bikkee fuudha ture.
30
Hujiin isaanii ganama ganamaa fi galgala galgala dhaabatanii Rabbiin galatoonfata'aa ulfeeffatuu'u;
31
Sambata maraa fi jalqaba ji'aa maraa, hennaa ayyaanaa maraa akkuma seeraatitti ciincaa hennaa maraa Rabbiif dhiyaatu maraa dhiyeessu'uu fi
32
tajaajila daasee mana woyyuu keessaa ka Rabbiin itti waaqeffatan kunuunsuu fa'a; akkasuma seera waaqeffanna'aa ka mana woyyuu keessatti raawwatamu keessatti gadoota fiixaa Aaroonii ka fira isaanii gargaara'aa turan.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29