bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 26
1 Chronicles 26
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 27 →
1
Worri Leewwotaallee ka mana woyyuu Rabbii eegan worra gosa Qore'ee maatii Asaafii keessaa Meesulaamii ilma Qore'eeti.
2
Meesulaam ijoollee dhiiraa torba qaba ture; ilmi isaa hangaftichi Zakkaariyaas, ka lammeesso'oo Yidi'eel, ka sadeesso'oo Yoozaabaati, ka arfeesso'oo Yatini'eeli,
3
ka shaneesso'oo Eelaami, ka jaheesso'oo Yoohaanaan, ka torbeesso'oo Eelhoo'eenaayi.
4
Obeedi'eedi Rabbi waan isa eebbiseef ijoollee dhiiraa saddeeti qaba ture; hangaftichi Shamaaya'a, ka lammeesso'oo Yoozaabaati, ka sadeesso'oo Iyyoo'aas, ka arfeesso'oo Saakar, ka shaneesso'oo Naatinaa'el
5
Ka jaheesso'oo Ami'eel, ka torbeesso'oo Yisaakoorii fi ka saddeetesso'oo Piilaati.
6
Shamaayaan ilmi isaallee ijoollee dhiiraa uumate; isaan waan mana abbaa ufii keessatti leenji'aniif worra jajjaba'aa fi janna turan.
7
Isaanillee Ootnii, Raafaa'eli, Oobeedi, Eelzaabaadi, Eelihu'uu fi Samakayaa fa'a.
8
Kunniin maruu ijoollee Oobeedi'eedoomii turan; isaanii fi maatiin isaanii, firtoonni isaaniillee hujii hojjachu'uuf jajjabeenna qaban ture; ijoolleen Oobeedi'eedoomiitii fi ilmaan ilmaan isaa wolumatti qabaa namoota jahaatamii lama turan.
9
Meesulaami ijoollee kudha saddeetii jajjabootaa fi worra hujii hojjachuu danda'an qaba ture.
10
Ijoollee Meeraarii keessaa Hoosaan ijoollee afur qaba; ijoolleen isaa yoma hangafallee hin taane namni abbaan isaa bulchaa taasise Shimiri.
11
Ka lammeesso'oo Keliqiyaas; ka sadeesso'oo Xibaaliya'a; ka arfeesso'oo Zakkaariyaasiin ture; ijoolleen Hoosa'aatii fi obboleewwan isaa worri mana woyyuu eegan wolumatti qabaa namoota kudha sadihi.
12
Bulchoonni waardiyyoota mana woyyuu Rabbii eeganii worri taaba san akka mana woyyuu eeganiif ramadaman
13
akkuma maatii gosa isaaniitiin hangafa irraa haga quxisu'uutitti hixaa wolii buusan.
14
Gara baya biiftu'uutiin haa eegani'iif hixaan Selemiya'aaf baye; ilma ogeessaa fi qaroo Zakkaariyaasiifillee hixaa buusanii balbala gara kaabaa akka eeguuf hixaan isaa baye.
15
Obeedi'eedoomii hixaan gara kibbaatiin isaa baye; ijoollee isaatiif garuu meeshaa mana keessaa haa eegani'iif hixaan bayeef.
16
Safiinii fi Hoosa'aa balbala Shekeleetii gara goobaatiin jiru waardiyyootuma mana woyyuu marsanii eegan akka eeganiif hixaan bayeef.
17
Gara baya biiftu'uutiin Leewwota jahatu jira; gara kaabaatiin guyyama guyya'aan namoota afur, gara kibbaatiin guyyama guyya'aan namoota afurii fi worri meeshaa mana woyyu'uu eegan namoota lama lama turan.
18
Gara dhiya adu'uutiin karaa gara faarbariitiin namoota afurii karaa Faarbarii bira garuu namoota lama kaayan.
19
Gayeen tajaajilaa ka ijoollee Qore'eetii fi ijoollee Meeraariitiif kennamee kana.
20
Worra Leewwotaa keessaa Akiyaan meeshaa mana woyyu'uutii fi manniin meeshaa kennaa Rabbiitii dhiyeessan keessa kaayan irratti bulchaa ta'ee muudame.
21
La'aadaan nama gosa Geedsoonii abbaa ijoollee Yihi'eelii ture; worri isa irraa dhalate maruu akkuma gosa ufiitiin worra maatii ufii bulchu turan.
22
Ijoolleen Yihi'eelii lamaan Zeetoomiitii fi Iyyo'eel galmee meeshaa manniin mana woyyuu keessaatii fi meeshaa mana woyyuu keessaa ka adda addaa irratti muudaman.
23
Gosa Ambaraamitiif, gosa Yisi'aara'aatiif, worra gosa Keebrooniitii fi worra gosa Uzaa'eliitiifillee qooda huji'iititu kennameef.
24
Subaa'el ilmi Muusee gosa Geersaamii manniin mana woyyuu keessaatitti muudame.
25
Inni karaa obboleessa Geersaamii karaa El'eezeriitiin Shaaloomitiif firooma qaba; El'eezer Raabiyaa uumate; Raabiyaan Yashaayaa uumate; Yashaayaan Iyyooraamiin uumate; Iyyooraam Zikiriin uumate; Zikiri Shaaloomiitiin uumate.
26
Shaaloomiit, Obboleewwan isaa, mootichi Daawiti, bulchoonni manniin abboota isaanii worri ajajoota loltuu dhibbaatii fi kumaa, ajajoonni loltootaa meeshaa woyyuu manniin mana woyyuu keessa jiran maraa irrattuu muudaman.
27
Meeshaa booji'an mana woyyuu ittiin midhaassu'uuf woyyoomsan.
28
Saamu'eel abbaan mudhataa, Saa'ol ilmi Qiisii, Abaaneeri ilmi Neeriitii fi Iyyoo'aabi ilmi Xuuriya'aa Shaaloomii fi obboleewwan isaanii woliin worra meeshaa mana woyyuu ittiin woyyoomsan san tooyatan turan.
29
Worra gosa Yisi'aara'aa keessaa Kanaanii fi ijoolleen isaa hujii mana woyyu'uutiin alatti hujii mana mootumma'aa irratti muudamanii turan.
30
Worra Keebroonii keessaa Hashaabii fi obboleewwan isaa namoonni jajjabaan kumni tokkoo fi dhibbi torbaa waan hujii Rabbiitii fi tajaajila mootumma'aa maraa irratti worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gara lixa adu'uutiin jiru maraa irrattuu muudaman.
31
Yisiyaan manniin abboota isaa keessaa bulchaa worra Keebroonii ture; Daawiti mooyee woggaa afurtameesso'ootitti galmee seena'aa keessa yoo barbaadan namoota jajjabaa Iyyaazeerii Gala'aadii keessaa galmee seena'aa san keessatti argan.
32
Obboleewwan isaa worri jajjaboota ta'an bulchoota manniin abboota isaanii keessaa namoota kuma lamaa fi dhibba torba turan. Mootichi Daawiti worra laga Yoordaanosiitiin gara baya biiftu'uutiin jiran worra Roobeelii, worra Gaadiitii fi cinaa gosa Minaase'ee maraa hujii Hafuuraatii fi hujii mootumma'aa maraa akka hojjataniif isaan muude.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29