bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 5
1 Chronicles 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 6 →
1
Fiixaan ijoollee Roobeelii ilma hangafaa ka Yaaqoobii kanniin; (Roobeel waan siree abbaa ufii batteesseef mirga hangafumma'aa dhabe; mirgi sun ijoollee Yooseefiitii kennamee ture;
2
garuu namni banii bulchuu fi ka maraa caalaa jabaa ta'ee ka argamu gosa Yihuuda'aa keessa.)
3
Roobeel ka ijoollee Yaaqoobii keessaa hangafa ta'e ijoollee dhiiraa afur uumate; sunniinillee Heenoohi, Falusoo, Asroonii fi Karmii fa'a.
4
Fiixaan Yoo'eelii ka dhaloota irraa haga dhaloota kanaa jiran Shamayaa, Goog, Saamee'i, Miikkaa, Raayyaa, Bi'eelii fi Eeraa fa'a; mootonni mootota Asoorotaa Telgeltelfelsoor Bi'eeraa bulchaa gosaa ta'e qabee booji'ee fudhate.
7
Akkaataa galmeen baay'inna worra mooti'ii irratti argame ibsutti gofti Roobeelii bulchaa gosaa turan Iyyoo'eel, Zakkaariyaas;
8
Gosa Iyyoo'eeliitii Beelaa ilma ilma Shama'aa ta'e ilma Azaazii fa'a; huleen gofti kun keessa jiraata'aa ture, Aroo'eeri, achiin gara kaabaatiin haga Naabooniitii fi haga bulchiinsa Ba'aalba'oonii jiraata'aa turan.
9
Isaan biyya Gala'aadii keessatti bayima gobbuu loonii waan qabaniif karaa baya biiftu'uutiin haga laga Efraaxisii lafa gammoojji'ii ka duwwaa jiru maraa qabatan.
10
Bara mootichi Saa'ool bulcha'aa ture gofti Roobeelii gosa worra Hagarii irratti balaa buusee isaan maraa woraanaan fixe; lafa isaanii Gala'aadii gara baya biiftu'uutiin jirtu qabatee ta ufii taasifate.
11
Gofti Gaadii hulee gofti Roobeelii jiraatuun lafa harkaan gara kaabaa irra jiru jiraata'aa turan; lafti sunillee Baasaaniin keessa yoo ta'u gara baya biiftu'uutiin haga Salaaka'aa gaya.
12
Iyyoo'eel gosa maraa caaluuf abbaa yoo ta'u Saafaan garuu gosa sadarkaa lammeesso'oo irratti argamtuu abba'a; Yaanaahii fi Saafaaxi gosoota biraa ka Baasaaniin keessa jiraataniif abbaa turan.
13
Miseensi gosa hafee Mikaa'eel, Meesulaam, Saabaa, Yuraayi, Yaakaan, Zuhee fi Oobeedi jedhamanii waamaman gosa torbaa keessatti wolitti qabamanii laakkayaman.
14
Isaan kunniin fiixaa Ibihaayilii ilma Huurii yoo ta'an abboonni isaanii ta duraa Abihaayi, Huuri, Yaruhaa, Gala'aad, Mikaa'eel, Yeshishaayi, Yaahido'oo fi Buuziin fa'a.
15
Aahi ilmi ilma Guunii Abdi'eel bulchaa gosa kanniin maraatuu ture;
16
kunniin maruu bulchiinsa Baasaaniitii fi Gala'aadii qachoota didiqqaa achitti argaman akkasuma hulee margi itti argamu biyya Baasoorii keessa jiraata'aa turan.
17
Galmeen maqaa maati'ii qabate kun ka qophaaye bara mootummaa Yihuuda'aa bara Iyyoo'aataamiitii fi bara mootummaa Israa'elii bara Iyyoorbi'aam fa'a bulcha'aa turan.
18
Wodhakkaan gosa Minaase'eetii fi gosa Roobeelii ka gara baya biiftu'uutitti argaman wonte'ee fi woraana akkasuma worra lola ebo'ootiin sirri'itti leenji'an loltoota kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jahaatama turan.
19
Isaan kunniin worra Aggaarotaa, Iyyaaxuur, Kanaafeesii fi Naadaabiin woliin wol lolan.
20
Rabbiin waan amananiif akka inni isaan gargaaru isa kadhatan; Rabbillee kadhaa isaanii dhagayee worra Aggaarotaatii fi goshoota lola irratti isaan gargaaran irratti mootee isaanii kenne.
21
Isaan diintota ufii jalaa gaallan kuma shantamaa, hoolota kuma dhibba lamaaf shantamaatii fi harriin kuma lamaa booji'an; akkasuma namoota kuma dhibba tokkoo booji'anii fudhatan.
22
Lolli sun ka Rabbi fedhu waan ta'eef gosa diintota ufii keessaa namoota baay'ee ajjeesan; isaanuu haga hennaa booji'amanii fudhatamaniititti lafa irra jiraachuu jalqaban.
23
Ijoolleen gosa Minaase'ee wodhakkaan biyya keessa taa'anii Baasaanii jalqabee haga Ba'aal- Heermoonii, Saaneerii fi haga gaara Heermoonii horanii badhatan;
24
bulchoonni mana abboota isaanii Eefeer, Yishi'i, Eli'eel, Aziri'eel, Ermiyaas, Hodaawaayii fi Iyyoodi'eeliin fa'a turan; isaan kunniin worra jajjabaa beekkamtoota bulchoota abboota ufii turan.
25
Isaan waaqa abboota ufii yakkan; waaqolee ormaa ka Rabbi isaan afo'oo balleesseen seebaran.
26
Kanaafuu Waandhi Israa'elii mootii Asoorii Telgeltelfelsooriin isaanitti kaasee biyya isaanii akka qabatu godhe; akka kanaan Telgeltelfelsoor gosa Minaase'ee wodhakkaa booji'ee fuudhee Bahaalaahii, Buhaaboorii fi Bahaaraa akkasuma ladda laga Goozaanii akka jiraatan godhe, haga adhaa achi jiraata'aaran.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29