bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 28
1 Chronicles 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 29 →
1
Daawiti worra Israa'eliin bulchan, worra gosa bulchu, ajajoota loltootaa ka mana mootumma'aa keessatti mooticha tajaajilan, ajajoota loltuu dhibbaatii fi ajajoota loltuu kumaa, worra horii mootichaatii fi worra horii ijoollee mootichaa irratti baallii qaban, worra baallii qabanii fi worra jajjabaa maraa Yerusaalemitti wolitti qabe.
2
Mootichi Daawiti lafaa ka'ee dhaabatee «Isiin baniin kiyyaa fi obboleewwan kiyya na dhagayaa'a; saanduuqa waadaa Rabbiitii fi mana Waandhi keenna hara itti baafatu ijaaru'uuf yaadee waan ijaarsa manaatiif barbaachisu qopheesse.
3
Rabbi garuu ati nama dhiigaa taatee dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef maqaa kiyyaaf mana naa hin ijaartu naan jedhe.
4
Rabbi Waandhi Israa'elii garuu baraa haga bara baraa worra Israa'elii irratti mootii akka ta'uuf mana abbaa kiyyaa keessaa na filate; Yihuudaallee akka bulchaa ta'u filate; mana Yihuuda'aa keessaa mana abbaa kiyyaa filate; ijoollee abbaa kiyyaa keessaa mana Israa'elii irratti na moosiu'uuf na filate.
5
Rabbi ijoollee dhiiraa baay'ee waan naa kenneef ijoollee Rabbi naa kenne keessaa akka inni hulee Rabbi isa kaaye taa'ee worra Israa'elii bulchuuf ilma kiyya Solomooniin filateera»
6
Rabbi, «Inni akka ilma kiyya ta'u, anillee akka abbaa isaa ta'u waan filadheef ilmi kee Solomoon mana kiyyaa fi hulee itti gad bayan naa ijaara;
7
‹Seera kiyyaa fi murtii kiyya jabaatee yoo raawwate, mootummaa isaa baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba› naan jedhe.
8
«Isin ammallee baniin kiyya Rabbii fi banii Rabbii Israa'eliin afo'otti ajaja Rabbi Waandhi keenna nu ajaje maraa seeraan akka raawwattan isin kadhadha; yoo waan kana gootan lafti michuun tun baraa haga bara baraa teessan taati; ijoollee teessanillee hin dhaalchiftan» isaaniin jedhe.
9
Daawiti Solomooniin, «Ilma kiyya; Waaqa abbaa keetii akka beettu onnee guutu'uu fi yaada misha'aan akka isa tajaajiltu si kadhadha yoo isa barbaaddellee hin argattaan; yoo isa dhiifte innillee baraa haga bara baraa si dhiisa.
10
Amma Rabbi akka ati mana woyyuu isaa ijaartuuf si filateeraa jabaadhuu hojjadhuu raawwadhu» jedheen.
11
Daawiti ilma ufii Solomoonitti akkaataa manniin meeshaan keessa taa'uu, huleen woyyittii woyyootaa itti ijaaramu maraa itti hime.
12
Mana woyyuu afoo hulee itti gad bayan, mana meeshaan keessa taa'ullee akkamitti akka ijaaru mana meeshaan kennaa mana Waaqaa keessa taa'u akkamitti akka ijaaramu waan Hafuurri Waaqaa yaachiseen itti hime.
13
Akkasuma Daawiti hujii gadoonni hojjatanii fi worri Leewwotaa hojjatan hujii mana woyyuu keessatti hojjatamuu fi kunuunsa meeshaa mana woyyuu keessaa ka Rabbii Waaqa ittiin waaqeffatanillee Solomoonitti hime.
14
Meeshaa tajaajila adda addaa ittiin fayyadaman birri'ii fi worqii meeshaa kanniin haga isaa itti hime.
15
Worqii, baattuu ibsa'aatii fi ibsaa, akkasuma birrii, baattuu ibsa'aatii fi ibsaa madaalee kenneef.
16
Worqi'ii fi birri, xarapheessaa xoroshoo woyyoome irra kaayanillee madaalee kenneef.
17
Akkasuma birri'ii fi worqii qulqulluu, shuukkaa, keree Sibiilaatii fi makarajjii baay'ee, birri'ii fi worqii qulqulluu saanii baay'ee ka ittiin hojjatan madaalee kenneef.
18
Worqii qulqulluu gaariin fardaa ittiin hojjatamu ka Kiruubeeliin koola ufii saanduuqa waadaa Rabbii hulee ciinca'aa ka hixaana irratti aarsaniif gara lamaaniinuu irra badhisu irra taa'u ittiin hojjatamu hagam akka ta'e tilmaamee kenneef.
19
Achiin maayessa mootichi Daawiti, «Karoora Rabbi akka ani hujii irra oolchuuf barreeffamaan naa kenne» jedhe.
20
Daawiti ilma ufii Solomooniin, «Jabaadhu hujii ijaarsaa daddafii jalqabi, Rabbi Waandhi kiyya waan si woliin jiruuf hin sodaatin, hin nayinille'e; haga ijaarsi mana woyyuu Rabbii dhumatuuf inni si hin dhiisu si hin gatu.
21
Tajaajila mana woyyuu Rabbii keessaa akka raawwataniif worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ajajamaniiran hojjattoonni dandeettii adda addaa qaban si gargaaran bulchoonninii fi baniinillee si ladda dhaabatanii si gargaaran» jedheen.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29