bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 21
1 Chronicles 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 22 →
1
Seexanni banii Israa'eliititti ka'ee akka Daawiti banii laakkayu godhe;
2
Daawiti Iyyoo'aabii fi bulchoota bani'ii «Beersaabeehii jalqaba'aatii haga Daaniititti dhaqa'aa banii laakkayaa'a baniin hagamii biyya Israa'elii keessa akka jiru beekuu barbaadaa» isaaniin jedhe.
3
Iyyoo'aabi Daawitiin, «Rabbi banii amma jiru kana irratti dachaa dhibbaa haa eda'u; Mootii! Gooftaa kiyya; isaan maruu hojjattoota kee ka gooftaa kiyyaatii mitii? gooftaan kiyya waan kana maaf barbaada? banii Israa'elii irratti maaf badii kana fida?» jedheen.
4
Mootichi garuu Iyyoo'aabiin akka inni ajaja isaa raawwatu giddisiifnaan banii laakkayu'uuf bayee biyya maraa irra naannayee gara Yerusaalemii deebi'e.
5
Iyyoo'aabi banii laakkayee baniin sun hagam akka ta'e Daawititti hime. Isaanillee worra Israa'elii keessaa banii miliyoonii tokkooti fi banii kuma dhibba tokkoo yoo ta'an banii biyya Yihuuda'aa keessaa ammo banii kuma dhibba afuriitii fi kuma torbaatamaa worra guraade'een loluu danda'an argate.
6
Iyyoo'aabi ajanyi mootichaa waan itti toluu dideef Leewwotaa fi gosa Biiniyaamii hin laakkofne.
7
Sababaa kanaaf Rabbi lolee worra Israa'elii balaa itti buuse.
8
Daawiti Rabbiin, «Ani waan kana godhuu kiyyaan guddisee yakkeera; waan hojjachuun naaf hin malle hojjadheeraa yabo'oo naa araarami» jedhee kadhate.
9
Hennaa san Rabbi raatticha Daawitii Gaadiin
10
«Daawitiin bira dhaqii waan sadihii keessaa tokko akka filattu sii kenneeraa ani waan ati filatte raawwadha› jedhii itti himi» jedheen.
11
Raattichi Gaadi gara Daawitii dhaqee «Waan sadihii keessaa tokko filadhu siin jedha» jedheen.
12
«Beela woggaa sadihii, haga ji'a sadihii diina keetiin ari'amuu, yookaan guyyaa sadihiif Rabbi guraade'een si dhayu'uuf balaa buusee maleekkaa ergee banii Israa'elii maraa ajjeesee ka balleessu keessaa ati kam filatta? kanaaf waan ani Rabbitti himu natti himi» jedheen.
13
Daawiti Gaadii raattichaan, «Ani guddisee muddameeraa; araarri isaa waan guddaa ta'eef harka namaa irratti kufu'uu mannaa harka Rabbii irratti kufuu naa woyya» jedhee deebiseef.
14
Kanaaf Rabbi banii Israa'elii irratti waan badaa akka dhibe'ee namatti lufee nama fixu isaanitti ergee banii Israa'elii keessaa kuma torbaatamaa fixe.
15
Ammallee Rabbi Yerusaalemiin balleessu'uuf maleekkaa ergee ture; garuu hennaa inni Yerusaalemiin balleessuu jalqabu balaan banii irra gaya'aaru Rabbiin gaddisiisee maleekka'aan «Balaan haga amma isaan irra gaye hin gayaa dhaabi» jedheen; hennaa san maleekkichi oobdii Oornaa nama gosa Iyyaabusii bira dhaabateera.
16
Daawiti ol jedhee yoo laalu maleekkaan Rabbii ardi'ii fi samii jidduu dhaabatee ka guraadee luqqifatee gara Yerusaalemii hiixateeru arge; Daawitii fi manguddoonni biyyaa uffata gaddaa uffatanii gad jedhanii sagadan.
17
Daawiti Rabbiin, «Ka akka baniin laakkayamu taasise anaa mitii? ka yakkee fi ka waan hamaa hojjate anaa hoolonni tunniin garuu maal goote? Yaa Rabbi Waaqa kiyya! harki kee anaa fi mana abbaa kiyyaa irra haa ta'u; baniin kun akka bala'aan dhayamu hin godhin» jedheen.
18
Maleekkaan Rabbii akka Daawiti bayee oobdii Oornaan nama gosa Iyyaabusiititti hulee ciinca'aa Rabbii akka hojjatu akka isatti himuuf Gaadii raatticha ajaje.
19
Daawiti akkuma Gaadi raattichi isatti hime ajaja Rabbii raawwatu'uuf deeme.
20
Oornaan uf duuba midhatee yoo laalu maleekkaa arge; ijoolleen isaa ta isa woliin jirtu arfan hin dhokatan; hennaa san Oornaan qamadii dhayee qilleensaa kenna'aara.
21
Daawiti hennaa gara Oorna'aa dhaqu, Oornaa midhatee Daawitiin argee Oobdii keessaa bayee Daawitiin nagaya gaafachu'uuf gad jedhe.
22
Daawiti Oorna'aan, «Oobdii kana hulee ciinca'aa Rabbiif itti ijaaraa natti gurguri; dhibeen namatti lufee nama fixu kun maruu hin dhaabataa» jedheen.
23
Oornaan Daawitiin, «Fudhadhu! ati mootichi kiyya waan feete irratti hojjadhu; ciincaa ciincawuuf sangoota, qoraan ittiin ciincaa dhiyeessaniifillee muka midhaaniin dhayan, kennaa midhaaniitiifillee qamadii sii kennaa» jedheen.
24
Mootichi Daawiti Oorna'aan, «Hin ta'u; waan kee ka ati qabdu maraa duwwamatti si irraa fuudhee Rabbiif ciincaa waan hin dhiyeessineef gatima guutu'uun si irraa bita» jedhee deebiseef.
25
Daawiti Oobdii saniif saqilii dhibba jahaa ka worqii irraa hojjatame kenneef;
26
Daawiti achitti hulee ciinca'aa Rabbiif hojjatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan tokkumma'aatiif dhiyaatu Rabbiif dhiyeesse; hennaa inni kadhate Rabbi ibidda ciincaa hulee ciinca'aa irra jiru gubu sami'ii ergee kadhaa isaatiif deebii kenneef.
27
Rabbi maleekkaa ufii ajanyaan innillee guraadee ufii qolatti gad deebifte.
28
Hennaa san Daawiti oobdii Oornaa nama gosa Iyyaabusiititti akka kadhaa isaa Rabbi dhagaye haga beeke achitti ciincaa ciinceesse.
29
Daaseen Rabbiin itti waaqeffatanii fi huleen ciinca'aa ka ciincaa itti dhiyeessan ka Muuseen hojjate hennaa san hulee ciincaa itti dhiyeessan ka biyya Gabaa'oonii keessaa jira.
30
Daawiti garuu guraadee maleekkaa Rabbii waan sodaateef achi dhaqee Rabbiin gaafachuu hin dandeenne.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29