bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 18
1 Chronicles 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 19 →
1
Kanaan maayessa Daawiti worra Filisxeemiitiin lolee isaan mooyatee gibira isaan gabbarsiise; qachaa biyya Geetiitii fi gandoota naannoo san jiran maraa isaan jalaa baase.
2
Worra Moo'aabiillee mooyatee akka isaan gibira isa gabbaran godhe.
3
Daawiti bulchiinsa naannoo laga Efraaxisii qabachu'uuf hennaa dhaqe mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin haga biyya Haamaatiititti isaan mooyate.
4
Daawiti isa irraa konkolaataa fardaa kuma tokko, worra fardaan lolan kuma torba, worra lafa'oo kuma diddama booji'ee faradoo konkolaataa fardaatiif ta'an dhibba tokko callaa dhiisee faradoo kaawwan garuu moorgaya mogole'ee kukkute.
5
Hennaa worri Sooriya'aa biyya Damaasqo'ootii mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin gargaaru'uuf dhufan Daawiti worra Sooriya'aa keessaa namoota kuma diddamii lama fixe.
6
Achiin maayessa Damaasqoo biyya Sooriya'aa loltoota ufii kaayee worri biyya Sooriya'aa worra Daawitii gabbarsuu gabbaran ta'an; Rabbi hulee Daawiti dhaqa'aa ture marattuu akka inni mooyatu godha ture.
7
Daawiti wontee worqii irraa hojjatame ka hojjattoonni mootii Adira'aazaarii hidhatan booji'ee isaan harkaa fudhatee gara Yerusaalemii fide.
8
Daawiti qachoota Adira'aazaarii Xibihaatii fi Kuuniin keessaa sibiila baay'ee fudhate; haga diqqoo turee Solomoon waan kanniiniin gongaa bisaan itti kuusan ka mana woyyu'uu, utubaawwanii fi meeshaallee sibiila diimaa irraa hojjachiise.
9
Mootichi biyya Haamaatii Too'u loltoonni Daawitii loltoota Adira'aazaarii mootii biyya Suuba'aa maraa akka mooyate dhagaye.
10
Mootichi Too'u mooticha Adira'aazaariin woliin hennaa maraa waan wol lola'aa tureef Daawiti mooticha Adira'aazaariin lolee waan mooyateef nagaya isa gaafatee akka isa eebbisuuf ilma ufii Adooraamiin gara Daawitii erge. Inni meeshaa worqii irraa hojjatame, meeshaa birrii'ii fi sibiila diimaa irraa hojjatame qabatee Daawitiin bira dhaqe.
11
Mootichi Daawiti worra Yihuudota hin taane maraa keessaa, worra biyya Eedoomii keessaa, worra Moo'aabii keessaa waan ijoollee Amoonii, waan worra Filisxeemiitiif birri'ii fi worqii worra Amaaleeqii ka booji'e maraa Rabbiif woyyoomse.
12
Abiisaan ilmi Xuuriya'aallee worra biyya Eedoomii keessaa dhooqa sooqiddaatitti namoota kuma kudha saddeetii fixe;
13
loltoota ufii biyya san keessatti dhiise; worri biyya Eedoomii maruu worra Daawitiif gabbarsuu gabbaru ta'an; Rabbi hulee Daawiti gaye marattuu mootee kenna'aafii ture.
14
Daawiti banii Israa'elii maraa irratti mooyee baniin murtee qajeelaa akka argatu godheef.
15
Ilmi Xuuriya'aa Iyyoo'aabi bulchaa loltootaa ture. Iyyoosaafixi ilmi Ahiluudii nama seenaa barreessu ture.
16
Saadooq ilmi Akixoobiitii fi Abiyaatar ilmi Abemeleekii gadoota turan; Suusaan garuu barreessaa isaanii ka mana mootumma'aa ture.
17
Baanaayaas ilmi Yoodaahe'ee ajajaa worra mana mootumma'aa ka Daawitii eeganiiti; Ijoolleen dhiiraa ta Daawitii mana mootummaa abbaa ufii keessatti ballii guddaa qaban ture.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29