bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 19
1 Chronicles 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 20 →
1
Hennaa hago'oon maayessa mootiin biyya Amoonii Naa'oos hin du'e; bikka isaa ilma isaatitu mooye;
2
Daawiti, «Waan jasaa abbaan isaa naa godhee anillee ilma Naa'oosii Haanooniif jasaa oolaaf» jedhe; kanaaf Daawiti waan abbaan isaa Naa'oos du'eef akka isa jajjabeessaniif dhaamsa erge. Garboonni Daawitii Haanooniin jajjabeessu'uuf gara biyya Amoonii dhaqan;
3
Bulchoonni biyya Amoonii garuu, «Waan Daawiti abbee kabajju'uuf jedhee akka si jajjabeessaniif namoota sitti erge seetaa? Sirima sitti hin fakkaatin! Namoonni dhufan kunniin biyya qoru'uuf, balleessu'uuf, gaadu'uuf gara kee dhufanii mitii?» jedhaniin.
4
Kanaaf Haanoon namoota Daawiti isatti erge sanniin fuudhee areeda isaanii irraa haachisiisee, uffata isaaniillee haga mudhi'iititti isaan irratti biinxee isaan geegesse.
5
Worri oduu odeessan dhaqanii waan namoota kanniin irra gaye Daawititti himan; Daawiti, «Namoonni waan guddisanii saalfataniif haga areenni isaanii isaaniif guddatutti biyya Iyyaariko'oo keessa taa'aatii achiin maayessa galaa'a» isaaniin jedhe.
6
Worri Amoonii akka ufumaa Daawitiin uf irratti diina godhan hubatan; kanaaf birrii saqilii kuma soddomii afurii kaffalaniifii gaarii fardaa, worra fardaan lolu, Mesophotaamiyaa gubba'aatii fi worra bulchiinsa Sooriya'aa jala jiran Maa'ika'aa fi Suubaa irraa kireeffatan.
7
Gaariin fardaa ka isaan kireeffatan kuma soddomii lamaatii fi loltoonni mootii Maa'ika'aa dhaqanii raasaa Meediba'aa biratti quphatan. Worri Amoonii qachoota ufii keessaa Yaa'anii lolaaf qophaayan.
8
Daawitillee haga waan kana dhagaye Iyyoo'aabii fi loltoota ufii jajjabaa erge.
9
Worri Amoonii yaa'anii balbala qachatti'iititti hiriiran; mootonni dhufanillee hojjuma ufiititti raasaa keessatti quphatan.
10
Iyyoo'aab hennaa duubaa fi afo'oon akka lolli isa marse arge, worra Israa'elii keessaa namoota filatame fooyee worra Sooriya'aatitti duulchise.
11
Worra hafe garuu Abiisaa obboleessa ufiitii kenne, isaanillee worra Amooniititti duulan.
12
Inni, «Worri biyya Sooriya'aa na hucuucee na gargaari, anillee yoo worri Amoonii si hucuuce si gargaaraa;
13
Eeganaa jabaadhu! Waan qachoota fi waan banii keennaa Rabbi waan fedhe haa godhuu» jedheen.
14
Iyyo'aabii fi baniin isa woliin jiru lolaaf gara worra Sooriya'aa dhaqan; isaan garuu isaan jalaa dheessan.
15
Worri Amoonii akka worri Sooriya'aa dheesse argan, isaanillee obboleessa ufii Abiisaa jalaa dheessanii gara qacha'aa galan; Iyyoo'aabillee gara Yerusaalemii deebi'e.
16
Worri Sooriya'aa hennaa akka worra Israa'eliitiin mooyataman argan namoota erganii worra Sooriya'aa ka laga agama jiran fijjisiisan; bulchaan loltoota Adira'aazaarii Shoofaaki isaan afoo ture.
17
Daawiti haga waan kana dhagaye worra Israa'elii maraa wolitti qabee laga Yoordaanosii ceeyee dhaqee isaaniin lole; hennaa Daawiti isaanitti duulu isaanillee isaaniin lolan.
18
Worri Sooriya'aa worra Israa'elii jalaa dheessan; Daawiti worra Sooriya'aa jalaa worra gaarii fardaatiin lolu kuma torba, worra lafo'oo garuu kuma afurtamaa fi bulchaa loltoota isaanii Shoofaakiinillee hin ajjeese.
19
Hojjattoonni Adira'aazaarii haga akka worra Israa'elii afo'otti mooyataman argan Daawitiin wolitti araaramanii gabbaraniin. Achiin maayessa worri Sooriya'aa worra Amoonii gargaaruu didan.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29