bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 15
1 Chronicles 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 16 →
1
Daawiti qachaa Yerusaalemiititti manniin ijaarate; saanduuqa waadaa Rabbiitiifillee hulee qopheessee daaseellee ijaare.
2
Achiin maayessa Daawiti Rabbi baraa haga bara baraa akka isa tajaajilanii fi saanduuqa waadaa Rabbiillee akka baadhataniif worri inni filate waan isaan ta'eef, «Saanduuqa waadaa Rabbii worri baadhatu worra Leewwotaa calla'a» jedhe.
3
Kanaaf Daawiti Saanduuqa waadaa Rabbii ka hulee qopheesseef akka fidaniif worra Israa'elii maraa Yerusaalemitti wolitti qabe.
4
Achiin maayessa Daawiti ijoollee Aarooniitii fi worra Leewwotaa wolitti qabe.
5
Ijoollee Qaatii keessaa bulchaan Ur'eel; obboleewwan isaa dhibbaa fi diddama,
6
joollee Meeraarii keessaa bulchaan Asaaya'a; obboleewwan isaa dhibba lamaa fi diddama.
7
Ijoollee Geedsoonii keessaa bulchaan Iyyoo'eel; obboleewwan isaa dhibbaa fi soddoma.
8
Ijoollee Eelsaafaanii keessaa bulchaan Shaamaaya'a; obboleewwan isaa dhibba lama.
9
Ijoollee Keebroonii keessaa bulchaan Eeli'eel, obboleewwan isaa saddeettama.
10
Bulchaan ijoollee Uuzi'eelii Abinaadaab, obboleewwan isaa dhibbaa fi kudha lama.
11
Daawiti Saadooqii gadicha, Abiyaatariin, worra leewwotaa Ur'eeliin, Asaayaa, Iyyoo'eeliin, Shamaayaa, Eeli'eelii fi Aminaadaabiin waamee,
12
«Isin bulchoota abboota leewwotaati Saanduuqa waadaa Rabbii gara hulee isaaf qophaayee akka fiddaniif isinii fi obboleewwan teessanillee woyyoomaa'a!
13
tanaan dura isin biratti argamtanii saanduuqa waadaa Rabbii waan hin baadhanneef akka seera Rabbi Waandhi keenna kenneetitti waan isa hin tajaajilleef Rabbi nuun loleera» isaaniin jedhe.
14
Kanaan maayessa saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa Israa'elii fidu'uuf worri gadootaatii fi worri Leewwotaa uf woyyoomsan.
15
Akkuma Rabbi Muusee ajajetti ijoolleen leewwotaa Saanduuqa waadaa Rabbii loosa'aan gurmu'utti baadhatan.
16
Daawiti meeshaa sagalee kennuun, Dibbee, meeshaa shaka shaka jedhuun akka faarfatan, gammadanii laagaa ufii akka ol qabatan, Faarfattoota obboleewwan ufii akka muudaniif bulchoota worra Leewwotaatitti hime.
17
Worri Leewwotaa Eemaanii ilma Iyyu'eelii obboleewwan ufii keessaallee Asaafii ilma Baraakiya'aa, obboleewwan isaanii keessaallee ilma Qiisa'aa Eetaaniin,
18
Isaa woliin obboleewwan isaanii koreen lammeesso'oo Zakkaariyaas, Beeniin, Yaazi'eel, Saamiraamoot, Yihaa'eel, Uuni, Eeliyaabi, Baanaayaasi, Maseyaa, Matitiyaa, Eelfulee, Maqineyaa, worra balbala eegan Obeedi'eedoomii fi Yi'i'eeliin dhaabsisan.
19
Worri faarfattootaa Eemaanii fi Asaaf; Eetaamii fi Baanaayaas meeshaa shaka shaka jedhu fuudhanii laagaa isaa dhageessisan.
20
Zakkaariyaas, Azi'ee, Saamiraamoot, Yihi'eel, Uuni, Eeliyaabi, Ma'iseeyaa, Baanaayaas masiinqo'oon waan dhossa'aa faarfatan.
21
Matitiyaa, Eelfeleehu, Maqineyaa, Obeedi'eedoom, Yi'i'eel, Azaaziyaa kiraara guddicha miseensa saddeetii qabuun faarsa'aa turan.
22
Bulchaan leewwotaa Kinaaniyaan waan faaru'uu irratti muudame; inni ogeessa waan ta'eef laagaa faaru'uu isaan barsiisa.
23
Baraakiyaanii fi Hilqaanaan worra balbala saanduuqa waada'aa eegan turan.
24
Sabaaniyaan gadichi, Iyyoosaafixi, Naatinaa'el, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Banaayaas, Alaazaar saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti xurumbaa haa afuufani'iif filataman turan. Obeedi'eedoomii fi Yihiyaan, worra balbala saanduuqa waadaa Rabbii eegan turan.
25
Kanaan maayessa Daawiti, manguddoonni biyya Israa'eliitii fi ajajoonni loltuu kumaa saanduuqa waadaa Rabbii gammachu'uun mana Abidaara'aatii fuudhu'uuf dhaqan;
26
worri Leewwotaa ka saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan Rabbi isaan gargaarraan sangoota torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba ciincaa godhan.
27
Daawiti, worri Leewwotaa ka saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan martuu, worri faarfattootaa, Kanaaniyaan bulchaa faarfattootaallee Efuudii mishaa uffataniiran. Daawitillee uffata qoma irratti uffatan uffateera,
28
Akkasuma worri Israa'elii maruu xurumbaa, boobaa leemmanii afuufa'aa meeshaa shaka shaka jedhu, masiinqoo fi dibbee dhaya'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan.
29
Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa qachaa Daawitii gaye mucattiin Saa'olii Meelkool hennaa mootichi Daawiti sirba'aa taphatu foddaa keessaan laaltee argitee isa tuffatte.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29