bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 16
1 Chronicles 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 17 →
1
Saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii dhufaniinii daasee Daawiti qopheesseef keessa kaayan; achiin maayessa ciincaa ciincawuu fi ciinaa fayyumma'aallee Rabbii dhiyeessan.
2
Daawiti hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee fixe, maqaa Rabbiitiin banii eebbise.
3
Banii Israa'elii dhiiraa fi dubara maraafuu xoroshoo, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixilee woyini'ii tokko tokko isaanii kenne.
4
Daawiti akka saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti tajaajilan, Rabbii Waaqa Israa'elii jajanii akka isa kabajjanii galatoonfataniifillee worra Leewwotaa keessaa namoota hagoo muude.
5
Asaaf bulchaa isaanii ture; isaan maayessa Zakkaariyaas, I'i'eel, Saamraamooti, Yihi'eel, Matitiyaa, Eliyaabi, Baanaayaas, Obeedi'eedoomii fi Yi'i'eel masiinqo'oo fi Dibbe'een Asaafillee meeshaa shaka shaka jedhuun faarfata'aa turan.
6
Baanaayaasiin gadichinii fi Yahizi'eel saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti hennaa maraa xurumbaa afuufa'aa turan.
7
Daawiti Asaafii fi worra Leewwotaa ka hafaniif akka Rabbiif faaruu ulfinnaa dhiyeessan hennaa san muude.
8
Rabbiin galatoonfadhaa'a, Maqaa isaa waamaa'a Maalalee inni hojjate maraa bani'itti himaa'a;
9
Faaruu galataa Rabbiif faarfadhaa'a, maalalee inni godhe maraa himaa'a;
10
Maqaa woyyuu isaatitti gammadaa'a! Namni Rabbiin soqu maruu haa gammaduu!
11
Rabbii fi hunna isaa jabaa hedadhaa'a; Hennaa maraa isa soqaa'a;
12
Banii Israa'elii worra Waaqa tajaajiltan! Ijoollee Yaaqoobii isin worri Rabbi filate! waan maalale'ee ka Rabbi hojjate, Murtii inni kennee fi Maalalee inni hojjate qaabadhaa'a.
14
Rabbi Waaqa keenna, Murtiin isaa adunyaa mara irratti.
15
Waadaa dubbii ufii, abdii ufii kenne haga dhaloota kumaallee yoo ta'e; baraa haga bara baraa hin irraanfatu.
16
Waadaa dubbii ufii ka Abrahaamii gale hin eega, jecha abdi'ii ka Yisaaqii kennellee hin raawwata.
17
Seera Yaaqoobiitii fi Waadaa abdii ufii worra Israa'eliitii baraa haga bara baraa jabeessee dhaabe.
18
Waadaan kunillee, «Biyya Kana'aanii sii kenna, lafti sunillee tee taati» jedha.
19
Hennaan wonti kun ta'e hennaa isaan namoota hagoo ta'anii, biyyaafillee keessummoota ta'anii uduu jiran.
20
Banii tokko irraa gara banii biraa, biyya tokko irraa gara biyya biraatitti jaljal jedhan.
21
Rabbi garuu eennullee akka isaan gad qabu hin barbaanne; isaaniif jedhee mootota teedeffate.
22
«Tajaajiltoota tiyya ta ani filadhe hin tuqinaa'a; Raattota tiyyallee hin miidhinaa'a» jedhee isaan seera.
23
Isin baniin lafa irra jiraattan maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a! Oduu fayyinna isaa guyyama guyya'aan himaa'a,
24
Banii jiddu'utti ulfinna isaa beessisaa'a, banii marattuu hujii isaa guddaa odeessaa'a,
25
Rabbi gudda'a, galanni isaallee guddaa waan ta'eef; waaqolee tolfamaa maraa caalaa sodaatamuu barbaachisa;
26
Waandhi biraa ka baniin kuuwwan waaqeffatu waaqolee tolfaman; Rabbi garuu Waaqa samii uume;
27
Naannoo isaa ulfinnaa fi gaachenatu jira; Mana ufii woyyuu keessa akka ulfinninii fi gammachuun guutu godhe.
28
Baniin lafa irra jiraattan maruu! Waan ulfinnaa fi hunna isaatiif Rabbiin galatoonfadhaa'a.
29
Ulfinna maqaa isaatiif ta'u Rabbiif kennaa'a Kennaa qabadha'aa gara mana woyyu'uu seenaa'a gaachena woyyooma Rabbiitiif sagadaa'a;
30
Baniin lafa irraa maruu Rabbiif holladhaa'a! Lafti waan Rabbi jabeessee dhaabeef hin sochootu;
31
Ardi'ii fi samiin gammadaa'a! Baniin maruu, «Rabbi mooti'i» haa jedhuu.
32
Galaanninii fi wonti isa keessaa maruu haa ililfatuu! Maasaanii fi midhaan maasaa irraa maruu haa gammaduu!
33
Rabbi lafa irratti murteessu'uuf waan dhufuuf mukkiin bosona keessa jiran isa afo'otti haa ililfatanii!
34
Waan arjaa ta'eef, jaalalli isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a!
35
Rabbiin, «Waaqa fayyisaa keenna! Worra Yihuudota hin taane keessaa gara biyya keennaa nu galchi; hennaa san akka si galatoonfannu; maqaa kee woyyuu akka ulfeeffannu yabo'oo nu oolchi!» jedha'aan;
36
Rabbi Waandhi Israa'elii baraa haga bara baraa haa ulfaatu! Baniin maruu «Amiin» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
37
Mootichi Daawiti worra guyya guyya'aan saanduuqa waadaa Rabbii tajaajilan Asaaf obboleewwan isaatii fi Obeedi'eedoomiinillee obboleewwan ufii jahaatamii saddeettanuu saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti isaan dhiise.
38
Obeedi'eedoomii ilma Edootaamiitii fi Hoosaan akka balbala eeganiif achumatti isaan dhiise.
39
Saadooqii gadichaa fi gadoota obboleewwan isaa balbala hulee bulti'ii ka mana woyyu'uu ka gaara Gabaa'oonii ka hulee itti waaqeffatanii bira isaan dhaabsise.
40
Wonti inni waan kana godheef akka seera Rabbi worra Israa'elii kenneetitti hennaa maraa ganamaa fi galgalallee ciincaa ciincawu hulee ciinca'aa irratti akka ciinceessaniif.
41
Dhiifamsi isaa baraa haga bara baraa waan ta'eef akka Rabbiin galatoonfataniif Eemaanii fi Eedootaamiin worri maqaa isaatiin filatamanillee worra hafan isaan woliin dhaabsise.
42
Worri gadootaa xurumba'aa fi meeshaa shaka shaka jedhu laagaa isaa dhageessisu'uuf faaruu Rabbiitiif meeshaa sagalee kennullee harkaa qaban; ijoolleen Eedootaamii worra balbala eegan turan.
43
Achiin maayessa namni maruu gara mana ufii deeme; Daawitillee maatii ufii eebbisu'uuf gara mana ufii deebi'e.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29