bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Chronicles 29
1 Chronicles 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
1
Mootichi Daawiti banii maraanuu, «Mucaan kiyya Solomoon ka Rabbi filate ijoolle'e; manni ijaaramu garuu mana mootumma'aa uduu hin taane mana Rabbi itti waaqeffamu waan ta'eef hujiin isaa gudda'a.
2
Anillee akkuma hunna kiyyaatitti worqii, meeshaa worqi'ii ka ittiin hojjatan, birrii, meeshaa birri'ii ka ittiin hojjatan, sibiila diimaa, sibiila hujii sibiilaatiif, muka hujii mukaatiif, dhagaa dhagaa qarsa'aatiif dhagaa adda addaa ka bifa adda addaa tartiibaan dhagaa jabaa calanqisullee qopheesseera.
3
Waan amma qopheesseen alatti birri'ii fi worqii qabu keessaallee jaalala mana woyyuu Rabbiitii qabuuf fedha kiyyaan kenneera.
4
Ijaarsa mana woyyu'uullee bareechisu'uuf worqii oofirii kiiloo kuma dhibba tokkootii fi birrii qulqulluu kiiloo kuma dhibba lamaa fi afurtama.
5
Meeshaa worri ogeeyyi'ii harkaan hojjataniinillee kenneera. Isin keessaa namni Rabbii arjumma'aan kennaa kennu eennu?» jedhe.
6
Kanaan maayessa bulchoonni manniin abboota isaanii, bulchoonni gosa Israa'elii, ajajoonni loltuu dhibbaatii fi loltuu kumaa worri fedha mootichaatiin mana woyyuu ijaaru'uuf muudaman maruu fedha ufiitiin waan qaban fidan.
7
Isaan fedha ufiitiin worqii kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi torbaatama, birrii kiiloo giraama kuma dhibbaa sadihii fi afurtama, Sibiila diimaa kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi diddamaa gawu, sibiila miliyoona sadihiitii fi kuma dhibba afurii olii kennan;
8
worri booka qabu maruu Yihi'eelii Leewwicha gosa Geedsooniititti kennaa mana woyyu'uu akka ittiin ijaaru kennan.
9
Baniin waan fedha ufiitiin waan qaban kennaniif guddisanii gammadan; Daawitiillee guddisee gammade.
10
Daawiti banii maraa afo'otti «Rabbii Waaqa Israa'elii abbaa kiyyaa baraa haga bara baraa ulfaadhu!
11
Waandhana; wonti ardi'ii fi samii irra jiru maruu kee waan ta'eef guddinni, hunni, ulfinni, mooyichinii fi gaachennillee keeti. Waandhana; baalliin teeti; ati waa maraafuu mata'a.
12
Durummaanii fi ulfinni si biraa argama; ati maraa bulchita; hunninii fi jabeenni sima harka jira, nama guddisu'uu fi hunnallee kennu'uufii hin dandeetta.
13
Eeganaa Waaqa keenna nu si jalatti bulla maqaa kee kabajjama'aaf galata dhiyeessina.
14
Ani ka kennaa kana fedha kiyyaan sii kennu eennu? baniin kiyyallee eennu? wonti maruu kennaa si irraa fudhanne; kunoo waan si irraa fudhanne deebifnee sii kennineerra.
15
Rabbii keenna nu akkuma abboota teenna ta durii san keessumma'aa fi gala'a; barri keenna ka lafa irratti qabnu akkuma gaaddisaati;
16
Waaqa keenna! maqaa woyyuu keetii mana ijaaru'uuf kennaan wolitti qabne kun maruu kama si biraa dhufe; wonti maruu keeti.
17
Waandhana ati yaada namaa qorta; akka qajeellummaa jaalattu hin beeka; anillee gara laafumma'aa fi fedha kiyyaan waan kana maraa dhiyeesseera; baniin kee ka as jiru kunillee akka fedha ufiitiin sii dhiyeesse argee gammadeera.
18
Yaa Waaqa abboota teennaa Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Israa'elii; yabo'oo yaanni kun banii kee keessa baraa haga bara baraa haa jiraatu; onnee isaanii gara kee deebisi.
19
Ilma kiyya Solomoonii akka inni gorsa, ajajaa fi seera kee eegu waan kana maraa akka raawwatu, mana haa inni ijaaru'uuf isaa qopheesse kana ijaaree akka raawwatu qalbii kenniif» jedhe.
20
Kanaan maayessa Daawiti banii maraanuu, «Rabbii Waaqa keessan galatoonfadhaa'a!» jedhe; isaanillee Rabbii Waaqa abbaa ufii galatoonfatan; gad jedhanii Rabbii fi mootichaa sagadan.
21
Bariisaa san horii baay'ee qalanii Rabbii ciincaa dhiyeessanii achiin maayessa baniin akka nyaatu kennaniif; akkasuma korommii kuma tokkoo, korbeeyyii gugurdaa, hoolotaatii fi korbeeyyii hoolotaa didiqqaa kuma tokko tokko ciincaa dhiyeessanii hulee ciinca'aa irratti ciinceessan; daadhii woyini'iillee hin kennan.
22
Kanaafuu guyyaa san Rabbiin afo'otti nyaata'aa dhuga'aa gammadan; ilma Daawitii Solomooniin hennaa lammeesso'ootiif mootii taasisanii akka bulchuuf Rabbiin afo'otti isa muudan. Saadooqiinillee gadicha godhatanii muudan;
23
akka kanaan Solomoon teessoo abbaa ufii ka Daawitii irra taa'e. Wonti maruu qajeeleefii baniin Israa'elii maruu isaa ajajaman.
24
Bulchoonni worri jajjabaanii fi ijoolleen mooticha Daawitii maruu isaa ajajamu'uuf waadaa galan.
25
Rabbi Solomooniin mootota armaan dura Israa'eliin bulcha'aa turan caalaa kabajjeen.
26
Daawiti ilmi Isseyii banii Israa'elii maraa irratti mooye;
27
Barri inni worra Israa'elii irratti mooye woggaa afurtama; woggaa torbaa Keebroonitti, woggaa soddomii sadihii Yerusaalemiin irratti mooye.
28
Umurii dheeraa, durummaa, ulfinnaa fi maqaa mishaa argee jaaree du'e; ilmi isaa Solomoon bikka isaa mooye.
29
Seenaan mooticha Daawitii jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka raattonni sadihii Saamu'eel, Naataanii fi Gaad barreessan keessatti argama.
30
Akkaataan Daawiti itti bulche, jabeenni isaatii fi wonti inni mootota Israa'eliitii fi mootota naannoo isaa jiran maraa irratti hojjate kitaaba seena'aa ka raattota sadihii san keessatti barreeffameera.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29