bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 1
1 Kings 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 2 →
1
Mootichi Daawiti waan guddisee dulloomeef hojjattoonni isaa uffata dachaa isatti oo'u fidanii itti uwwisanillee isatti hin oo'u ture.
2
Kanaafuu hojjattoonni isaa, «Mootii keenna! durba si bira teettee si badaddu sii finna; isiin si woliin bultee si oo'iftii» jedhaniin.
3
Biyya Israa'elii maraa keessa mucattii guddiftee bareeddu soqanii Abiishaagii gosa Suunaamii arganii mooticha bira fidan;
4
mucattiinillee guddiftee bareedduu turte; isiin mooticha bira teettee isa gargaara'aa turte; garuu mootichi isii bira hin geenne.
5
Adooniyaas ilmi Aagitti'ii mootii ta'a jedhee gaarii fardaa, worra fardaan loluu fi worra lukaan isa afoo fiigan namoota shantamaa qopheeffate.
6
Abbaan isaa hennaa lubbu'uun jiru maaf kana goota? jedhee isaan hin lolle ture; inni nama bareeda maandhaa Abeseloomiiti.
7
Waan kana Iyyoo'aabii ilma Tsuuriya'aatii fi Abiyaatarii gadicha woliin mari'ate; isaanillee waan inni isaan mari'achiiseen wolii galan.
8
Garuu Saadooq gadichinii fi Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, Naataan raattichi, Saamiin, Reesiinii fi loltoonni jajjabaan Daawitii Adooniyaasiin woliin hin turre.
9
Adooniyaas hoolota, sangootaa fi mirgoolee dhagaa Zooleetii ladda burqaa Ayinroogeelii biratti ciincaa dhiyeessee ijoollee mootichaa, obboleewwan isaa maraa, hojjattoota mootichaatii fi namoota Yihuuda'aa maraa waame.
10
Garuu Naataanii raatticha, Banayaasiin, worraa baallii qaban ka Daawitiin eeganii fi obboleessa ufii Solomooniin hin waamne.
11
Kanaan maayessa Naataan haadha Solomoonii Beersaabeehitti akkana jedhee dubbate; «Mootichi gooftaan keenna Daawiti uduu hin beekin, Adooniyaas ilmi Aagitti'ii akka mooye hin dhageennee?»
12
«Ati amma akka lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee ka Solomoonii itti oolfattu si gorsaa,
13
deemii gara mooticha Daawitii seenii, ‹mootii! gooftaa kiyya! ana garbittii teetii, ‹ilmi kee Solomoon anaan maayessa mootii ta'a, teessoo kiyya irra taa'a› jettee naa hin kakannee? Adooniyaas maaf mooya ree?» jedhiin.
14
«Hennaa ati waan kana mooti'itti dubbattu ani si duubaan seenee wonti ati dubbattu akka raawwatamu godha.» jedheen.
15
Kanaaf Beersaabeehi gara gola hulee mootichi jiruu seente; mootichi waan guddisee dulloomeeruuf Abiisaan gosa sunaamii isa gargaara'aa turte.
16
Beersaabeehi gad jettee mooticha nagaya gaafatte; mootichi garuu «Maal akka sii godhu feeta?» jedheen.
17
Isiinillee, «Gooftaa kiyya! Ati garbittii teetiin ilmi kee Solomoon anaan maayessa mooya; teessoo kiyya irrallee hin taa'a jettee maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin naa kakatteerta.
18
Amma uduu ati hin beekin Adooniyaas mootii ta'eera, ati mootiin gooftaan kiyya kana hin beettu.
19
Inni sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa maraa, Abiyaatarii gadichaa fi Iyyoo'aabii ajajaa loltootaa waameera; garbicha kee Solomooniin garuu hin waamne.
20
Amma mootii gooftaa kiyya! siin maayessa nama teessoo mootii gooftaa kiyyaa irra taa'u akka isaanitti himtu baniin Israa'el maruu si laala'aara;
21
yoo kana hin taane, hennaa ati gooftaan keenna duutee abboota teennaan wolitti eda'amte, anii fi ilmi kee Solomoon akka nama cubbama'aatitti laallamna.»
22
Uduma isiin waan kana mootichatti dubbattu, Naataan raattichi isii duubaan seene.
23
Raattichi Naataan dhufeera jedhanii mootichatti himan; inni hennaa mooticha bira seene, gad jedhee mooticha nagaya gaafate.
24
Naataan mootichaan, «Mootii gooftaa kiyya! ‹Ati naan maayessa Adooniyaas mooyee teessoo kiyya irra taa'a› jetteertaa?
25
Inni adha sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa mara, Iyyoo'aabii ajajaa loltootaatii fi Abiyaatarii gadichallee waameera; kunoo isaan isa afo'otti nyaata'aa dhuga'aa, «Adooniyaas woggaa kumaa haa moowu!» jedha'aaran.
26
Garuu garbicha kee, Saadooqii gadicha, Baanayaasii ilma Yoodaahe'eetii fi garbicha kee Solomooniin hin waamne.
27
Dhugamaan wonti kun mootii gooftaa kiyya biraa ta'ee? garbichi kee siin maayessa teessoo mootii gooftaa isaa irra akka taa'u sitti hin himnee?
28
Mootichi Daawiti, «Beersaabeehiin naa waamaa'a!» jedhe; isiin gara mootichaa ol seentee isa afoo dhaabatte.
29
Mootichi maqaa Rabbii jiraataa lubbuu tiyya hambiseen kakadhaa,
30
ilmi kee Solomoon anaan maayessa mootii ta'a hulee kiyya bu'ee teessoo kiyya irra hin taa'a jedhee akkuma Rabbii Waaqa Israa'eliitiin sii kakadhe, akkasuma adha dhugamaan godha jedhee kakate.
31
Beersaabeehi gad jettee mooticha harka fuutee, «Mootichi gooftaan kiyya Daawiti baraa haga bara baraa lubbu'uun haa jiraatu!» jette.
32
Achiin maayessa mootichi Daawiti, «Saadooqii gadicha, Naataanii raattichaa fi Banayaasii ilma Yoodaahe'ee naa waamaa'a» jedhe; isaanillee gara mootichaa seenan.
33
Mootichi, «Garboota gooftaa keessanii qaba'aa deemaa'a, ilma kiyya Solomooniin gaangee yaabbisa'aatii gara burqaa Giyoonii fidaa'a.
34
Achitti Saadooqi gadichinii fi Naataan raattichi banii Israa'elii irratti mootii godhanii haa muudanii, xurumbaa afuufa'aa, ‹Solomoon woggaa kumaa haa moowu› jedhaa'a.
35
Isa marsa'aa deemaa'a, inni dhufee teessoo kiyya irra haa taa'uu; bayaa'a inni garuu dhufee teessoo kiyya irra haa taa'uu bikka kiyya haa mooyuu, inni akka worra Israa'eliitii fi worra Yihuuda'aa irratti moowu ajajeera» isaaniin jedhe.
36
Banayaas ilmi Yoodaahe'ee mootichaan, «Waan kana Rabbi Waandhi kee haa raawwatu,
37
Rabbi akkuma mooticha gooftaa kiyya woliin ture, akkasuma Solomooniin woliinillee haa ta'u, mootummaan isaa mootummaa Daawitii haa caalu.
38
Kanaafuu Saadooqiin gadichi, Naataan raattichi, Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, worri Kaliitotaatii fi worri Faliitotaa Solomooniin gaangee Daawitii mootichaa yaabbisanii gara burqaa Giyoonii fidan.
39
Saadooqiin gadichi buuchoo daasee keessaa fuudhee Solomooniin muudee xurumbaa afuufe, baniin maruu «Solomoon woggaa dheeraa haa jiraatu!» jedhan.
40
Baniin maruu isa faanaa bayanii sirba sirba'aa guddisanii gammadan; isaan waan guddisanii woca'aa sirbaniif lafti sochoote.
41
Adooniyaasii fi namoonni inni haa waa nyaatani'iif waame maruu haga waa nyaatanii fixan hin dhagayan; Iyyoo'aab haga laagaa xurumba'aa dhagaye; «laagaan wocaa ka qachaa tana keessaa dhagayamu maali'i?» jedhee gaafate;
42
Uduma inni kana dubbata'aaru Yoonaataan ilmi Abiyaatarii gadichaa dhufe; Adooniyaas, «Ati nama waan mishaa namatti himu waan taateef ol seeni» jedheen.
43
Yoonaataan Adooniyaasitti akkana jedhee deebise, «Ani dhugamaan siin jedha Daawiti mootichi keenna Solomooniin moosise.
44
Mootichi isa woliin, Saadooqii gadicha Yoonaataa raatticha, Banayaasii ilma Yoodaahe'ee, worra Kaliitotaatii fi worra Faliitotaa erge; isaanillee Solomooniin gaangee mootichaa yaabbisan.
45
Saadooqiin gadichinii fi Naataan raattichi burqaa Giyooniititti mootii godhanii isa muudan; achiillee gammada'aa hennaa yaa'an qachattii keessatti laagaa dhageessisan, laagaan isaan dhagayan kana;
46
Achiin maayessa Solomoon mooyee teessoo mootumma'aa irra taa'e.
47
Garboonni mootichaa gara Daawitii seenanii, ‹Rabbi maqaa Solomoonii maqaa kee caalaa, mootummaa isaallee mootummaa kee haa caalchu!› jedhanii mootii gooftaa keenna Daawitiin eebbisan; mootichi siree irraa gad jedhee sagade.
48
Mootichi, ‹Uduu ani lubbu'uun jiru Rabbi Waandhi Israa'elii ka adha mootummaa kiyya dhaalu naa kenne galanni haa gawu!› » jedhe.
49
Worri Adooniyaas waame maruu sodaatanii karaa ufii qabatanii deeman.
50
Adooniyaasillee Solomooniin sodaatee dhaqee buuchoo hulee ciinca'aa jiru qabate.
51
Namichi Adooniyaas gara Solomoonii ergate, Solomooniin, «Kunoo Adooniyaas Solomoonii mooticha sodaatee ana garbicha ufii guraade'een akka hin ajjeefne, ‹adha naa haa kakatuu› jedhee buuchoo qabate» jedhaniin.
52
Solomoonillee, «Inni haala ufii yoo qajeelfatee jiraate rifeensi mataa isaa takkattiinillee lafa hin buutu; garuu yoo wonti hamaan irratti argame hin du'a» jedhe.
53
Kanaan maayessa mootichi Solomoon nama itti ergee hulee ciinca'aa irraa buufnaan dhaqee Solomoonii mooticha gad jedhee nagaya gaafate; Solomoonillee, «Gara mana keetii deemi» jedheen.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22