bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 11
1 Kings 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 12 →
1
Solomoon mucattii Fari'oonii ta fuudheen ala dubartoota gosa Moo'aabii, gosa Amoonii, gosa Edoomii, gosa Sidooniitii fi dubartoota gosa Keexotaa guddisee jaalate.
2
Rabbi worra Israa'eliitiin armaan dura «Waaqa isaanii hin waaqeffatinaa'a, waan isaan onnee keessan akka Waaqa isaanii waaqeffattan taasisaniif isaan irraa hin fuudhinaa'a; isinillee isaanitti hin heerumsiisinaa'a» isaaniin jedhe; Solomoon garuu jaalalaan isaanitti siiqe.
3
Inni haawwota manaa dhibba torbaa fi ta mata gala itti galu dhibba sadihi qaba; isaan akka Solomoon Rabbiin irraa fagaatu taasisan.
4
Solomoon akkuma inni jaara'aa deemuun haawwonni manaa isaa akka inni waaqa tolfamaa waaqeffatu taasisan; Solomoon Rabbii amanamee akka abbaa ufii akka Daawitii hin taaneef,
5
Solomoon waaqa tolfamaa worra Siidoonii ka Astaarooti jedhamuu fi karaa battumma'aa ka worra Amoonii jibbisiisaa ka Moolook jedhamu faana deeme,
6
Solomoon Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate; akka abbaa ufii akka Daawitii qajeelaa ta'ee Rabbiin hin waaqeffanne.
7
Hennaa san Solomoon Kaamooshii battummaa worra gosa Moo'aabiitii fi Moolookii battummaa worra Amooniitii fi gaara Yerusaalemiin afoo jiru irratti hulee itti sagadan ijaare.
8
Haawwota manaa ta ufii sanniiniillee akka isaan hixaana itti aarsanii ciincaa dhiyeessaniifiif isaaniillee akkasuma ijaare.
9
Rabbi Waandhi Israa'elii hennaa lamaa isatti mudhatee akka waaqolee tolfamaa ormaa hin waaqeffanne isa ajajullee Solomoon garuu Rabbii hin ajajamne; ta qaraa caalaa irraa fagaata'aa deeme; kanaaf Rabbi Solomoonitti dheekkame.
11
Rabbi Solomooniin, «Waan ajaja ani sii kennee fi waadaa sii gale hin eenneef mootummaa tee si irraa fuudhee garboota tee keessaa nama tokkoo kenna.
12
Garuu bara ilma keetii keessatti diiga malee sababaa abbaa keetiitiif jedhee bara kee keessatti hin diigu;
13
garuu waan garbicha kiyya Daawitiitii fi waan qachaa Yerusaalemii ta filadheetiif jedhee ilma keetii gosa tokko kenna malee mootummaa isaa mara hin diigu.» jedheen.
14
Rabbi Solomooniin irratti mootota Edoomiyaasii keessaa Haadaadii nama fiixaa Edoomiyaasii diina godhee itti kaase.
15
Worri Israa'eliitii fi worri Iyyoo'aabii maruu ijoollee dhiiraa ta gosa Edoomiyaasii ajjeesanii haga fixanitti ji'a jahaa waan achi taa'aniif, hennaa Daawiti biyya Edoomiyaasii jiru hennaa bulchaan loltootaa Iyyoo'aab worra woraanaan du'an awwaalu'uuf baye, hennaa ijoollee dhiiraa ta Edoomiyaasii ajjeese,
17
Haadaadi uduu daa'imumma'aan jiru Haadaadii fi namoonni hagoon isa woliin garboonni abbaa isaa ta gosa Edoomiyaasii gara biyya Misirii baqatanii turan.
18
Isaan Miidiyaamii ka'anii gara biyya Faaraanii dhufanii namoonni hagoon isaanitti eda'aman; achiin maayessa biyya Misirii mooticha bira dhaqan; mootichillee Haadaadiif lafa irra jiraatu kenneefii waan nyaatullee hin eeyyameef.
19
Haadaadi goshoo mootichaa ta'e, mootichillee obboleettii haadha manaa ufii Teeqminaasiin isatti heerumsiise,
20
Isiin ilma Geembaati jedhamu deette isiin daa'ima dhalate mana mootichaa keessatti guddifatte daa'imnillee ijoollee dhiiraa ta mootichaa woliin jiraate.
21
Haadaadi uduu biyya Misirii keessa jiru akka mootichi Daawitiif akka Iyyoo'aab bulchaan ajajaa loltootaa du'e haga dhagaye, Haadaadi Fari'ooniin, «Gara biyya kiyyaa deemaa na geegessi» jedheen.
22
Fari'oonillee, «Na biraa maal dhabdee gara biyya keetii deemta?» jedheen; innillee «Ani waan tokkollee hin dhabne, garuu hin deema» jedheenii gara biyya ufii gale; haga gara biyya ufii gale worra Israa'elii miidhee biyya Edoomiyaasii irratti mootii ta'e.
23
Hennaa lammeesso'ootiif Rabbi ilma Eeliyaadii ka Reezoon jedhamu Solomooniin irratti diina godhee kaase; Reezoon mootii Suuba'aa ka Adir'aazar jedhamu gooftaa ufii jalaa dheessee,
24
bulchaa saamtotaa ta'e; wonti kun haga Daawiti mootichi Adi'aazariin mooyatee worra Sooriya'aa ka lolaan isa gargaaran fixeen maayessa ta'e; Reezoonii fi worri isa woliin jiran gara biyya Damaasqo'oo deeman uduma achi jiraatan Reezoon mootii biyya Sooriya'aa akka ta'u taasisan.
25
Solomoon bara ufii jiraate maraa wonti hamaan Haadaadi hojjate ka biraa worra Israa'eliitii diina ture.
26
Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii gosa Efreemii garbichi Solomoonii ka biyya Saarira'aa mootichatti ka'e; haati isaa dubartii abbaa worraa hin qabne ta Tsuuriyaa jedhamtu.
27
Sababaan Iyyoorbi'aam mootichatti ka'eef waan Solomoon ladda Yerusaalemii gara baya biiftu'uutiin hulee Miiloo jedhamee waamamu ka dhooqaa guutee dallawa dhaga'aa qachaa abbaa ufii ka Daawitii deebisee ijaareef.
28
Iyyoorbi'aam waan nama jabaa ta'eef Solomoon akka inni nama jabaa ta'e haga arge, hujii gosa Yooseefii maraa irrattuu isa muude.
29
Uduu Iyyoorbi'aam Yerusaalemiin keessaa bayee deemu raattichi Akiyaa nama biyya Seelo'ootiin wol gayan; hennaa san Akiyaan uffata haarawa uffateera; isaan lachuu raasa'atti hojja ufii turan.
30
Akiyaan uffata haarawa uffate san bakka kudha lamatti bibbiinxe.
31
Akiyaan Iyyoorbi'aamiin uffata bibbiinxame kana keessaa kudhan fudhu Rabbi Waandhi Israa'elii akkana waan jedhuuf, «Ani Solomooniin irraa kaasee gosa kudhanii sii kenna.
32
Waan garbicha kiyya Daawitiitiif, waan Yerusaalemii qachoota Israa'elii keessaa filadheetiif garuu gosa tokko isaa dhiisa.
33
Solomoon na dhiisee Astaarootii waaqa tolfamaa worra Siidoonii Kaamooshii waaqa tolfamaa Moo'aabii, Miilkoomii waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii waan sagadeef akka abbaan isaa Daawiti qajeelaa ta'e qajeelaa ta'ee ajajaa fi murtii kiyya eegee akka ani fedhutti waan hin jiraanneef.
34
Mootummaa isaa maraa jalaa hin fudhadhu waan garbicha kiyya Daawitii seeraa fi ajaja kiyya eege ka ani filadheetiif jedhee bara jireenna isaa maraa bulchaa isa taasisa.
35
Kanaafuu mootummaa isaa ilma isaa irraa fudhee gosa kudhaniitii kenna.
36
Qachaa filatamtuu Yerusaalemiin garbicha kiyya Daawitiif akka hennaa maraa isaa iftu ilma isaatii gosa tokko kenna.
37
Iyyoorbi'aam! ani mootii Israa'elii si taasisa; biyya ufii jaalatte maraa irrattuu mootii taata.
38
Akkuma garbichi kiyya Daawiti godhe waan ani si ajaje maraa yoo dhageette, akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, afoo kiyyatti waan qajeelaa yoo hojjatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde, ani si woliin ta'a; akkuma Daawitii ijaare mana jabaa sii ijaara; worra Israa'eliillee sii kenna.
39
Kanaaf fiixaa Daawitii sababaa cubbuu Solomooniitiif hin adaba; garuu baraa haga bara baraatiifii miti.
40
Solomoon Iyoorbi'aamiin ajjeesu'uuf barbaannaan Iyyoorbi'aam garuu ka'ee gara Shiishaaqii mootii biyya Misirii baqatee haga bara Solomoon du'uutitti achuma taa'e.
41
Seenaan Solomoonii ka hafe, beekkumsi isaa, wonti inni hojjate maruu kitaaba seenaa Solomoonii keessatti barreeffameera.
42
Barri Solomoon Yerusaalemii fi Israa'eliin irratti mooyee bulche woggaa afurtama ture.
43
Achiin maayessa Solomoon du'ee qachaa Daawitii abbaa isaa ta abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Roobi'aamitu mooye.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22