bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 4
1 Kings 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 5 →
1
Mootichi Solomoon banii Israa'elii mara irrattuu mooye.
2
Bulchoonni inni muude kanniin; Azaariyaasii gadicha ilma Saadooqii,
3
worri barreessan ilmaan Seeba'aa Eeliyaafii fi Akiya'a, Iyyoosaafixii ilma Ahiluudii ka seenaa barreessu,
4
Banayaas ilmi Yoodaahe'ee ajajaa loltootaati, Saadooqii fi Abiyaataar gadoota turan.
5
Azaariyaas ilmi Naataanii bulchaa worra baallii qabaniiti; ilmi Naataanii Zaabuud ka mootichaa gorsa kennuu fi goshoo mootichaati.
6
Ahiisaar ajajaa mana mootichaati; Adooniiraam ilmi Abidaamii ka gibira gabbarsiisu.
7
Mootichi Solomoon guutuu Israa'elii irratti namoota kudha lamaa namoota godina bulchan muude; hujiin isaanii godina bulchan maraa irraa nyaata mootichaa fi maatii isaatii waan ta'u maraa dhiyeessaniif ture; marti isaaniituu woggaa keessa nyaata ji'a tokkoof ta'u hin dhiyeessan.
8
Maqaan namoota kudha lamaa ka godina kanniin bulchanii akka armaan gadiiti; ilma Huurii ka biyya gaara Efreemii,
9
ilma Deeqarii Maqaatsina'aa fi Basha'aalbiim, Beetisaamisii fi Eloon Beetihaaniin bulcha.
10
Ilmi Heeseedii Arubooti, Sokootii fi biyya Oofeerii maraa bulcha.
11
Biyya daangaa lafa Dooriin maraa ilma Aminaadaabiititu bulcha; inni mucattii Solomoonii ta Xaafaa jedhamtu fuudhee ture.
12
Beetisaaniin irraa jalqabee haga Abelimhoola'aa fi daangaa Yooqimi'a'aa, Taa'inaakii fi Maagidoo Tsartaamiin birattillee Ba'aanaa ilma Alihuudii haga daangaa Iyiziraa'elii maraa bulcha.
13
Reemaatii Zagala'aadii ijoollee Minaase'eellee ilma Geebaariititu bulcha; inni qachoota dallawa dhaga'aatiin ijaaramte ta daangaa Baasaanii Argoobba'aa ta sibiila diima'aan ijaaramte gugurdoo jahaatama qaba.
14
Ilmi Ido'oo Ahinaadaab bulchaa godina Maannaayimiiti.
15
Akimaas ka mucattii Solomoonii Baasimaatiin fuudhe bulchaa godina Niftaalemiiti.
16
Ba'aanaan ilmi Kuusii biyya Aseeriitii fi biyya Ba'aalootii bulcha.
17
Iyyoosaafixi ilmi Faruwa'aa bulchaa godina Yisaakooriiti.
18
Saamiin ilmi Eela'aa bulchaa godina Biiniyaamiiti.
19
Geebaar ilmi Uurii biyya Gala'aadii, biyya Aagii, mootummaa gosa worra Amoorotaa ka mootiin Seewoonii fi Baasaan bulchan. Bulchaa namoota biyya bulchan kanniin namni tooyatu biyya maraa keessatti bulchaa ol'aanaa kanniin maraa tooyatu.
20
Worri Yihuuda'aatii fi worri Israa'elii akka cirracha galaanaa baay'ataniiran; isaan maruu nyaata'aa dhuga'aa gammadan.
21
Mootummaan Solomoonii laga Efraaxisii bulchiinsa Filisxeemii irraa jalqabee achi lufee haga daangaa biyya Misirii jiru maraa bulcha; biyyi kun maruu isa gabbaran; bara jiraatan maraa Solomooniin jalatti bulan.
22
Solomoonii nyaata guyya guyya'aan barbaachisu daakuu mishaa filatame koorii soddomaa, daakuu bullaaye haga koorii kuma kudhanii,
23
sangoota dadaloo manaa keessatti soorame kudhan, sangoota marga raasa'aa keessa dheedanii furdatan diddamaa, hoolota dhibba tokkoo fi kanaan alatti gadamsa bosonaa, siinqillee, Kuruphe'ee fi allaattii nyaattaman fidaniif.
24
Solomoon mootota laga Efraaxisiitiin gamana jiranii fi biyya laga gama jiran maraa Tifisa'aa haga Gaaza'aa maraa bulcha'aa ture; naannoon inni bulchu maruu nagaya.
25
Bara Solomoon bulche Daanii haga Beersaabeehiititti baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii maruu sodaa malee jiraatan; maatiin isaanii maruu gaaddisa muka woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka ufii dhaaban jala taa'an.
26
Solomoon farda sanga'aa dare'ee kuma afurtamaa sooraman ka gaarii fardaa harkisanii fi farda lolaa kuma kudha lama qaba.
27
Bulchoonni godina kudha lamaa bulchan Solomoonii fi worra mana mootumma'aa keessatti sooramaniif ji'a isaaniif ramadame keessa womaa uduu hin hambifne henna'aan fidaniif.
28
Namni maruu akkuma seera duraan godhanii sanitti faradoo, gaangee, garbu'uu fi buraa hulema isaan jiranitti fidaniif.
29
Rabbi Solomoonii ogummaa, hubanna'aa fi garaa badhinna ka akka xindhacha galaana biraa baay'atu kenneef.
30
Ogummaan Solomoonii ogummaa worra baya biiftu'uu jiranii fi ogummaa worra biyya Misirii maraa caale.
31
Ogummaa nama maraa caalaa ogummaan isaa ogummaa Eetaanii, ogummaa ijoollee Maahoolii, Heemaan, Kaalikoolii fi Daar'aarii caala; gurri isaa orma naannoo isaa jiran maraa keessatti dhagayame.
32
Inni mammaaka kuma sadihii mammaakee weedduu kuma tokkoo fi shan weeddise.
33
Waan mukkiin birbirsa Libaanosii irraa jalqabee haga muka Hisoophi'ii ka dallawa dhaga'aan ijaarame irratti biqiluu dubbata'aa ture; akkasuma waan busaawa'aa, waan allaatti'ii, waan sosocho'aniitii fi waan qurxummi'iillee dubbata'aa ture.
34
Orma maraa keessaa, mootota biyya lafaa keessaa worri ogummaa Solomoonii dhagayan maruu isa irraa dhagayu'uuf isa bira dhufa'aa turan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22