bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 12
1 Kings 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 13 →
1
Worri Israa'elii Roobi'aamiin mootii taasisuu waan barbaadaniif innillee ka'ee gara Seekeemii worri Israa'elii jiranii dhaqe.
2
Ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam ka mootii Solomooniin jalaa baqatee biyya Misirii keessa taa'a'aa ture haga waan kana dhagaye deebi'ee gara Israa'elii dhufe.
3
Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu Roobi'aamiin bira dhaqanii,
4
«Abbee fe'aa guddaa nutti fe'ee nu rakkisa'aa ture, ati garuu fe'aa guddaa abbee nutti fe'e kana nuu salphisi; nullee si jalatti bullaa» jedhaniin.
5
Inni, «Deema'aa gala'aatii guyyaa sadihiin maayessa deebi'aa'a» isaaniin jedhe; baniinillee ka'ee isa biraa deeme.
6
Achiin maayessa mootichi Roobi'aam jaarsota hennaa Solomoon jiru gorsa'aa turan wolitti qabee «Ani banii kanaa maal deebisa?» jedhee isaan gaafate.
7
Jaarsonni, «Ati adha yoo banii kanaa ajajamtee fayyaalumma'aan isaan tajaajiltee gaafii isaaniitiif deebii mishaa kennite isaan hennaa maraa amanamumma'aan sii hojjatan» jedhaniin.
8
Inni garuu waan jaarsonni isa gorsite dhiisee ijoollee daraboo ufii wolitti qabee,
9
«Banii fe'aa abbaan kee nutti fe'e kana nuu salphisi naan jedhe kanaa maal jedhee deebisa? maal na gorsitan?» jedhee isaan gaafate.
10
Ijoolleen daraboo isaa garuu «Banii abbaan kee fe'aa guddaa nutti fe'eeraa ati garuu fe'aa kana nuu salphisi› worra siin jedhuun qubni tiyya diqqoon mudhii abbaa kiyyaa caalaa furdo'o.
11
Abbaan kiyya fe'aa guddaa isinitti fe'e; ani garuu fe'aa san irratti fe'aa biraa isinitti fe'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduutiin isin tuma» jedhii isaanii deebisi jedhaniin.
12
Guyyaa sadihiin maayessa Iyyoorbi'aamii fi baniin maruu haaganaa Roorbi'aam qabeefitti deebi'anii gara isaa dhufan.
13
Mootichi waan jaarsonni isa gorsan dhiisee banii tuffata'aa dubbachuu jalqabe.
14
Akkuma daraboon isaa isa gorsite «Abbaan kiyya fe'aa guddaa isinitti fe'ee ture, ani garuu fe'aa san irratti fe'aa biraa isinitti eda'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume, ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduutiin isin tuma» jedhee isaanii deebise.
15
Kun maruu wonti ta'eef akka wonti Rabbi karaa raatticha Akiyaa Seelo'oo dhufeetiin Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxiitiin ka Rabbi dubbate akka raawwatamuuf; sababaan mootichi Iyyoorbi'aam yaada bani'ii uduu hin fudhanne dideef, waan Rabbi jijjiirama fidu'uuf murteesseef.
16
Worri Israa'elii maruu akka mootichi isaan hin dhageenne haga argan mootichaan «Nu'u Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii biraa lafa maal qabna? banii Israa'elii gara daaseewwan keessanii deebi'aa galaa'a; Daawiti ati mana kee eegi» jedhanii deebisaniif; achiin maayessa baniin Israa'elii gara daaseewwan ufii deebi'ee gale.
17
Roobi'aam garuu worra Israa'elii ka bulchiinsa Yihuuda'aa jala jiraatan callaa irratti mooye.
18
Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam Adooniraamii gibira guuru gara worra Israa'elii erginaan worri Israa'elii maruu dhaga'aan tumanii ajjeesan; mootichi Roobi'aamillee daddafee gaarii fardaa yaabbatee gara Yerusaalemii dheesse.
19
Hennaa sanii jalqabee worri Israa'elii ka gara kaabaatiin jiru mootummaa Daawitii irratti ka'e.
20
Worri Israa'elii maruu akka Iyyoorbi'aam biyya Misiriitii deebi'e haga dhagayan nama itti erganii gara gumii ufii waamanii worra Israa'elii maraa irratti moosisan; worri mootummaa Daawitiitiif amanamaa ta'e gosa Yihuuda'aa calla'a.
21
Roobi'aam gara Yerusaalemii dhaqee akka ijoollee Israa'eliitiin lolanii mootummaa isaanii gara ilma Solomoonii Roobi'aamitti deebisaniif gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessaa loltoota filataman namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettamaa wolitti qabe.
22
Jechi Rabbii gara Shaama'aa raattichaa dhufee
23
gara mootii Yihuuda'aa, Roobi'aamii ilma Solomooniitii fi worra gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamiititti dhiyaatu marattuu banii dhufe marattuu
24
Rabbi, «Wonti kun ana irraa waan ta'eef hin bayinaa'a; obboleewwan teessan ta Israa'eliitiinillee hin lolinaa'a; namni maruu gara mana ufii haa deebi'uu jedhu gara isaa dhufe; isaanillee jecha Rabbii dhagayanii gara mana ufii deebi'an.
25
Iyyoorbi'aam biyya gaaraa ka Efreemii keessatti qachaa Seekeemii kushee godhatee achi jiraate; achii ka'ee qachaa Phini'eelii kushee itti dhokatu godhee ijaare.
26
Iyyoorbi'aam onnee ufii keessatti amma mootummaan gara mana Daawitii deebi'a.
27
Baniin kun ciincaa dhiyeessu'uuf gara Yerusaalemii yoo dhaqe baniin kun gara gooftaa ufii gara Roobi'aamii mootii Yihuuda'aa deebi'ee; na ajjeesan jedhee yaade.
28
Mootichi nama mariisisee jabbii lama worqii irraa hojjachiisee «Isin banii Israa'elii akka armaan dura gootan sanitti sagadu'uuf haga Yerusaalemii deemuun isin gaya; waandhi tolfamaan biyya Misiriitii isin baase kanniin!» isaaniin jedhe.
29
Achiin maayessa jabbii lamaa ka worqii irraa hojjataman tokko Beeteelitti tokko garuu Daanitti dhaabe.
30
Namoonni haga Daanii waaqa tolfamaa afo'otti hiriiranii deeman akka kanaan waaqa tolfamaa waaqeffachu'uun cubbuu hojjatan.
31
Akkasuma Iyyoorbi'aam tulloota irratti hulee itti waaqeffatan qopheessee gosa maatii worra Leewwi'ii hin taane keessaa nama kamiinuu gadoota godhee muude.
32
Iyyoorbi'aam ayyaana akka Yihuudaa keessatti ayyaanteeffamuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti, ayyaana waaqa tolfamaa itti ayyaanteeffatan murteesse; fakkeenna worqii irraa hojjachiise, hulee ciinca'aa ka Beeteeliin jiru irratti fakkeenna waaqa tolfamaa waati'iitiif ciincaa dhiyeesse; hulee waaqa tolfamaa itti waaqeffatan ka Beeteeliin jirutti gadoota tajaajilan ramade.
33
Ji'a saddeetesso'oo akka ayyaanni ayyaanteeffamu murteesse, jiini seenee guyyaa kudha shaneesso'ootitti gara Beeteelii dhaqe. Achitti akkuma worra Israa'eliitii murteessetti ayyaana ayyaanteeffachu'uuf hulee ciinca'aa irratti ciincaa dhiyeessee hixaanallee aarse.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22