bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 14
1 Kings 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 15 →
1
Hennaa san Abiyaan ilmi Iyyoorbi'aamii hin dhibame;
2
Iyyoorbi'aam haadha manaa ufiitiin, «Ka'ii akka ati haadha manaa tiyya taate namni akka si hin beenne uffata kee jijjiiradhuu gara Seelo'oo deemi; raattichi Akiyaan akka ani mootii ta'uuf natti dubbate achi jiraa.
3
Harkatti buddeena kudhanii fi bixilee hedduu damma xuwwee tokkoo qabadhuu isa bira dhaqi; inni waan muca'aa sitti himaa» isi'iin jedhe.
4
Kanaafuu haati manaa Iyyoorbi'aamii akkuma inni isi'iin jedhe kanniin maraa harkatti qabattee Seelo'otti mana Akiya'aa dhaxxe. Raattichi Akiyaan waan guddisee dulloomeef ijji isaa waa hin guuttattu.
5
Rabbi Akiya'aan haati manaa Iyyoorbi'aamii waan daa'ima ufii ka dhibamuu si gaafachu'uuf nama biraa fakkaattee sitti dhuftii akkana jedhii isi'itti himi jedheen.
6
Akiyaan hennaa isiin mana seentu hirpha luka isi'ii dhagayee «ol seeni! maaf nama biraa fakkaattee dhufte? haadha manaa Iyyoorbi'aamii ta'uu kee si beekaa waan badaa sitti himutu jiraa.
7
Ka'ii abbaa manaa kee Iyyoorbi'aamiin Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha banii keessaa si filee si kabajje; banii kiyya Israa'eliin irrattillee bulchaa si taasise,
8
Mootummaa fiixaa Daawitii harkaa fuudhee sii kenne; ati garuu akka garbicha kiyya Daawitii akka inni amanamumma'aan na faanaa deeme, akka inni na afo'otti waan qajeelaa godhe, akka inni ajaja kiyya eege, ati hin eenne.
9
Worra siin duraa maraa caalaa ati cubbuu hamaa hojjatte, ati na dhiiftee waaqa tolfama'aa fi fakii sibiila baffameen hojjattee na aarsite.
10
Kanaaf ani mana Iyyoorbi'aamiititti waan hamaa fida; mana isaa keessaa garbichaa fi wolabticha dhiira maraa banii Israa'elii keessaa hin balleessa; akka namni fiindoo haree gubee gatuutitti mana Iyyoorbi'aamii sirima balleessa.
11
Worra gosa Iyyoorbi'aamii ka qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; worra raasa'atti dhuman garuu allaatti'itu nyaata; kana waan Rabbi dubbateeruuf.»›
12
Kanaafuu ka'ii gara qacha'aa gali; akkuma ati qachaa seenteen daa'imni kee hin du'a.
13
Worri Israa'elii maruu booya'aafii awwaalan; Rabbii Waaqa Israa'elii biratti daa'imni kun waan mishaa ta'eef mana Iyyoorbi'aamii keessaa isa calla'atu awwaalama,
14
Rabbi worra Israa'eliitii mootii moosisa; innillee bara ufii bulchu keessa mana Iyyoorbi'aamii hin balleessa.
15
Hennaa san Rabbi Israa'eliin hin adaba; isaan akka dhallaadduu bisaan keessa sosocho'uutitti hollatan; waan fakii Asheeraa jedhamu ta dubarti'ii hojjatanii waaqeffatanii isa aarsaniif biyya michuu abboota isaaniitii kenne irraa isaan buqqisee akka laga Efraaxisiitiin gamatti bittinnaayan isaan taasisa.
16
Iyyoorbi'aam cubbuu hojjatee banii Israa'eliillee gara cubbu'uu waan fideef Rabbi banii Israa'elii hin dhiisa» jedheen.
17
Haati manaa Iyyoorbi'aamii kaatee gara Teersaa mana ufii akkuma galteen daa'imni isi'ii yoma san du'e.
18
Akkuma raattichi Akiyaan dubbate akkuma dubbii Rabbii sanitti worri Israa'elii maruu booya'aafii isa awwaalan.
19
Barri mootichi Iyyoorbi'aam bulche, akka inni itti mooyata'aa mootii ta'e galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
20
Iyyoorbi'aam woggaa diddamii lamaa haga bulcheen maayessa du'ee awwaala abboota ufii biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Naadaabitu mooye.
21
Ilmi Solomoonii Roobi'aam biyya Yihuuda'aa irratti mooye; inni hennaa moowu dargaggeessa woggaa afurtamii tokkooti. Inni Yerusaalemii qachattii Rabbi biyya Israa'elii maraa keessaa filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; haati Roobi'aamii intala gosa Amoonii ta Naa'imaa jedhamtu.
22
Baniin Yihuuda'aa cubbuu abboonni isaanii hojjatan caalaa cubbuu hamaa hojjatanii Rabbiin aarsan.
23
Isaan tulloota dhedheeraa irratti muka baalli isaa lalise maraa jalatti hulee itti sagadan, sooddu'uu fi fakii Asheera'aa dhaaban.
24
Biyya Yihuuda'aa keessa worra Soodomiititu jira; isaan battummaa worri ormaa hojjatu ka Rabbi ijoollee Israa'elii afo'oo balleesse maraa hojjatan.
25
Roobi'aam mooyee woggaa shaneesso'ootitti mootiin biyya Misirii Shishaaqi banii Israa'elii irratti balaa buusee,
26
Qabeenna mana woyyu'uu, ka mana mootumma'aa maraa, wontee Solomoon worqii irraa hojjachiise maraa saamee fudhate.
27
Mootichi Roobi'aam bikka meeshaa sanii wontee sibiila irraa hojjatee bulchoota worra mana mootumma'aa eegan bulchanitti kenne.
28
Hennaa mootichi gara mana Woyyu'uu dhufu worri mana woyyuu eegan wontee san qabatanii isa simatan; yoo inni deemellee wontee sanniin fuudhanii gara hulee worri mana woyyuu eegu bulan kaayan.
29
Wonti mootichi Roobi'aam hojjate maruu galmee seenaa mootota biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
30
Bara mootii Iyyoorbi'aamiitii fi mootii Roobi'aamii isaan jidduu lola wol irraa hin cinnetu ture.
31
Roobi'aam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Abiya'atu mooye.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22