bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 22
1 Kings 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
1
Biyyi Sooriya'aatii fi worri Israa'elii uduu wol hin lolle haga woggaa sadihii nagayaan turan.
2
Woggaa sadeesso'ootitti mootichi biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara mootii Israa'elii dhaqe.
3
Mootiin Israa'eliillee worra biyya bulchaniin «Reemaatiin biyya Gala'aadii keessatti argamtu akkuma teenna taatee fi nullee mooticha biyya Sooriya'aa irraa fudhachuun keenna akka hin oolle hin beettanii?» isaaniin jedhe.
4
Mootichi Iyyoosaafixiin, «Waan Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti argamtuutiif lolu'uuf baya'aarraa na woliin baataa?» jedheen; Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin «Ani keeti; baniin kiyya banii keeti; faradoon tiyyallee faradoo teeti» jedheen.
5
Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin, «Garuu dura akka fedha Rabbii gaafattu si kadhadha» jedheen.
6
Mootiin Israa'elii raattota haga nama dhibba afurii gayan wolitti qabee «Waan Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuutiif lolaaf hin deema mo'o hin dhiisa?» jedhee isaan gaafate; raattonni, «Rabbi akka ati mooyattu waan godhuuf woliin bayi» jedhaniin.
7
Iyyoosaafixi garuu, «Raanni Rabbii ka biraa ka ammallee deebinee waa gaafannu hin argamuu?» jedhe.
8
Mootichi Israa'elii deebisee Iyyoosaafixiin, «Namni waan fedha Rabbii gaafannu ilmi Yimla'aa Mikkiyaas hin jira; inni garuu raaga badaa malee raaga mishaa naa hin raagu; kanaafuu ani isa hin jaaladhu!» jedheen; Iyyoosaafixi, «Akkana dubbachuun si hin barbaachisu!» jedheen.
9
Kanaan maayessa mootiin Israa'elii worra isa woliin hojjatu keessaa nama tokko waamee «Mikkiyaasii ilma Yimla'aa dafii naa fidi» jedheen.
10
Mootiin Israa'eliitii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi uffata mootumma'aa uffatanii teessoo ufii ka mootumma'aa ka seensa balbala Samaariya'aa jiru irra taa'anii raattonni maruu afoo isaanii dhaabatanii raaga'aa turan.
11
Sedeqiyaas ilmi Kini'aana'aallee sibiila irraa gaafa hojjatee «Rabbi worri Sooriya'aa kunniin haga dhumanitti ati isaaniin lolta jedhiin» jedhe.
12
Raattonni maruu «Reemaatii biyya Gala'aadii keessaatitti duuli Rabbi isii si jala taasisaa» jedha'aa raaga'aa turan.
13
Namichi raatticha Mikkiyaasiin haa waamu'uuf ergame, «Raattonni maruu afaan tokko ta'anii waan mishaa mootichatti dubbata'aaranii dubbiin ati dubbattullee akkuma isaanii dubbii mishaa akka ta'u si kadhadha» jedheen.
14
Raattichi Mikkiyaas deebisee «Ani Rabbii jiraata'aan kakadhaa; ani waan Rabbi natti dubbate callaa dubbadha» jedhe.
15
Akkuma raattichi Mikkiyaas mooticha bira gayeen mootichi «Ani gara Reemaatii Gala'aadii lolaaf hin deema mo'o hin hafa?» jedheen. Innillee deebisee «Dhaqii loli Rabbi si jala taasisaa» jedhee deebiseef.
16
Mootichi deebisee raattichaan «Maqaa Rabbiitii waan dhuga'aa malee waan biraa akka natti hin dubbanne harka meeqa sitti hima?» jedheen.
17
Raattichi Mikkiyaas, «Baniin Israa'elii maruu akka hoolota tissee hin qabneetitti gaara irratti ka bittinnaayaniiran arge; Rabbi ‹baniin kunniin maruu waan mootii hin qabneef nagayaan gara mana ufii haa deebi'anii› jedhee natti hime» jedhe.
18
Mootichi Israa'elii Aki'aabi Iyyoosaafixiin «Inni raaga badaa malee raaga mishaa naa hin raagu jedhee sitti hin himnee?» jedheen.
19
Raattichi Mikkiyaas deebisee akkana isaan jedhe, «Eeganaa ati dubbii Rabbii dhagayi; Rabbi teessoo ufii irra taa'ee maleekkonni sami'ii maruu bita'aa fi mirga isaatiin ka dhaabataniiran arge.
20
Rabbi akka mootichi Aki'aabi gara Reemaatii Gala'aadii dhaqee achitti du'u ka isatti himee isa dogoggorsu eennu? jedhe; maleekkota keessaa tokko yaada tokko, maleekkota keessaa gareen tokko garuu waan biraa hima'aa yaada gara garaa hima'aa turan.
21
Kanaan maayessa hafuurri badaan tokko Rabbiin afoo dhaabatee ‹Ani dogoggorsuu hin danda'a› jedhe.
22
Rabbi «Maali'iin dogoggorsita?» jedheen; hafuurri badaan sun dhaqee afaan raattota Aki'aabii keessa taa'ee akka isaan raaga dharaa dubbatan godha» jedhee deebiseef; Rabbillee «Eega jette dhaqii akkuma jette godhi sii ta'aa» jedheen.
23
Mikkiyaas «Eeganaa wonti murtaaye kanaa, raattonni tee tunniin akka raaga sobaa raagan ka taasise Rabbi; kanaafuu Rabbi si irratti waan hamaa godhu'uuf ufumaa murteesse» jedhee raawwate.
24
Kanaan maayessa ilmi Kini'aana'aa Sedeqiyaas gara raatticha Mikkiyaasii dhiyaatee dhabanaaseenii Hafuurri Rabbii na irra lufee ka sitti dubbate yoomii as?» jedheen.
25
Mikkiyaas deebisee, «Gaafa balbala dawo'ootiin gola seentee dhokatte beetta» jedheen.
26
Mootichi Israa'elii loltoota ufii keessaa nama tokkoon «Mikkiyaasiin qaba'aatii gara bulchaa qachatti'ii gara mootii Iyyoosiyaasii ilma Amoonii fida'aatii,
27
Akkana jedha'aa itti kennaa'a; mootichi haga ani lolaa nagayaan deebi'utti nama kana mana hidha'aa tursiisaa'a, xoroshoo goga'aa fi bisaan callaa kenna'aafii siin jedha jedha'aanii» jedhe.
28
Mikkiyaas mootichaan, «Yoo ati nagayaan hulee lolaatii deebite Rabbi na irraan hin dubbanne jechu'u» jedhe; ammallee deebi'ee laagaa ufii ol qabatee «Baniin as jirtan kunniin maruu waan ani dubbadhe kana maraa qalbi'iin na dhagayaa'a» isaaniin jedhe.
29
Kanaan maayessa mootiin Israa'elii Aki'aabii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara Reemaatii Gala'aadiin keessatti argamtuu dhaqan.
30
Mootiin Israa'elii Iyyoosaafixiin «Uffata jijjiiradhee, uffata lolaa uffadhee, lola keessa seenaa ati garuu uffatuma kee uffadhu» jedheen; mootiin Israa'elii uffata ufii jijjiiratee lola keessa seene.
31
Mootiin biyya Sooriya'aa bulchoota worra gaarii fardaa oofan soddomii lamaanuu «Mootii Israa'elii malee nama diqqa'aa fi gudda'aanille yoo ta'e eennuunuu wol hin lolinaa'a» jedhee isaan ajajee ture.
32
Kanaafuu isaan hennaa mooticha Iyyoosaafixiin argan mootii Israa'elii seeyanii isa dhayu'uuf marsinaan Iyyoosaafixi iyye.
33
Bulchoonni worra gaarii fardaatiin lolanii akka inni mootii Israa'elii hin taane haga argan isa dhiisanii biraa deeman.
34
Garuu akkuma tasaa loltoota worra Sooriya'aa keessaa namni tokko ebo'oon darbatee mootii Aki'aabiin mudhii isaa woraannaan Aki'aabi namicha gaarii fardaa oofuun «Ani woraannameeraa farda hiriira lolaa keessaa gara raasa'aa na baasi» jedheen.
35
Gaaf san hennaa lolli jabaate mootichi Aki'aabi banii Sooriya'aa afo'otti gaarii fardaa ka ufiititti irkatee ture; dhiinni madaa isaa keessaa jigu gaarii fardaa garaa jalaan jige; inni guyyama san galgala du'e.
36
Hennaa aduun dhiyuu geette «Ajanyi mootichi waan du'eef namni maruu gara biyya ufiitii fi gara qachaa ufii haa galuu jedhu worra duula ajaju ka Israa'elii irraa baye.
37
Mootichi Aki'aabi akkanatti du'ee reeffa isaa Samaariyaa fidanii achitti awwaalan.
38
Gaarii fardaa ka mootichi irratti du'e haroo Samaariya'aa ka seebartoonni keessatti dhiqattutti dhiqan; akkuma Rabbi tanaan dura dubbatetti sariin dhiiga isaa arrabde.
39
Wonti mootichi Aki'aab bara ufii bulche keessatti hojjate maruu, manni inni ilkaan Arbaatiin ijaare, qachoonni inni ijaare maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
40
Aki'aabi du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Akaaziyaasitu mooye.
41
Mootiin Israa'elii Aki'aabi mooyee woggaa arfeesso'ootitti ilmi Aasa'aa Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooye.
42
Iyyoosaafixi hennaa moowu ka'ima woggaa soddomii shanii ture; Yerusaalemiin keessatti woggaa diddamii shanii mooye; haati isaa mucattii Shilihii ta Azubaa jedhamtu turte.
43
Iyyoosaafixi akkuma mootii Aasaa isaan duraa, Rabbiin afo'otti waan mishaa ta'e maraa hojjatee, garuu hulee worri ormaa waaqa tolfamaa ufii itti waaqeffatan hin balleessine; kanaafuu baniin hulee sanniinitti ciincaa dhiyeessu'uu fi hixaana aarsuu hin dhiifne.
44
Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin araaramee nagaya ta'an.
45
Wonti mootichi Iyyoosaafixi bara ufii bulchu hojjate keessa ka hafee fi attamitti akka lole galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
46
Iyyoosaafixi dhiiraa fi dubartoota seebaran ka hulee waaqa tolfamaa itti waaqeffatan ka bara abbaan isaa Aasaan bulchu irraa jalqabanii jiran maraa balleesse.
47
Bara san biyyi Edoomiyaasii bulchaa isii bulchu hin qabdu turte; sababaa kanaaf nama mootiin biyya Yihuuda'aa muudu jalatti bulti.
48
Mootiin Iyyoosaafixi galaana guddaa gama ceeyanii worra oofirii worqii fidaniif markaba hedduu ka akka markaba Tersesii hojjachiisee ture; garuu Markaboonni Itsiyoongaabiritti waan caccabaniif deemuu hin dandeenne.
49
Achiin maayessa ilmi Aki'aabii Akaaziyaas Iyyoosaafixiin hojjattoonni tiyya hojjattoota tee woliin haa deemanii jennaaniin Iyyoosaafixi dide.
50
Iyyoosaafixi du'ee qachaa abbaa ufii ka Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyooraamitu mooye.
51
Bara Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha torbeesso'ootitti ilmi Aki'aabii Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti woggaa lamaaf Israa'eliin irratti mooye.
52
Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa abbaan isaa Aki'aabii fi haati isaa Eelzaabeel Israa'eliin irratti hojjatan hojjate.
53
Akkuma abbaa ufii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffata'aa sagadeefii tajaajila'aa Rabbii Waaqa Israa'elii aarse.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22